Waan darbeeti hin gabbin!

Waan darbeeti hin gabbin!

Namtichatu shimbirroo baay’ee babbareedduu tattee tokko harkaa keessatti qabate ajjeessuf qopha’ee du’uu eshin duraa garuu shimbirroo yoo qaqqabani fi ajjeessuf yoo jedhan waan dubatu qabdii kan jedhan dhaga’eef namtichii shimbirrodhan du’uu keen duraa waan dubbatu yoo qabate dubbadhu jedhen.

Shimbirroonis adaraa kee ana hin ajjeessin du’uu koon duraa gorsaa sadii sitti himaa jetteen namichis tokko nati himii jedhen
1)harkaa kee keessaa waanta jiru gaddii hin dhiisiin kan jedhudha.

2)Waan ta’ee hundaati hin gabbiin jettee booda gorsaa sadaffaa jalaa caaliftee namichis dubbadhu kaa jedheni ammas jalaa caaliftee namichis gorsaa isa sadaffaa dhaga’uuf baay’ee ariifatee maaloo nati himii jedheni eshinis gorsii inni sadaffaan si’iif ijoollee keef ijoollee ijoollee keetif baay’ee barbachisaa waan ta’eef yoo ati gaddii na dhiiftee malee sitti hinimu jetteni

Yeroo kana namichis gorsaa isa sadaffaa dhaga’uuf baay’ee waan ariifatee shimbirroo gaddii dhiisee!
Eshinis daftee bariftee mukaa tokko irraa qubatee. Ergaa qubatee booda gorsaa jalqaba irraati waan sin jedhe yaada jetteni innis waan harkaa keessaa jiru hin gaddisini nan jette jedheni.
Ammas shimbirrittin isa lamaffaa hoo maali jetteeni. Innis waa’ee waan darbeeti hin gabbini nan jette jedheni.

Yeroo kana shimbirrittin eeyyeen sirritti dhaggeeffate jirtaa haa ta’uu malee gorsaa koo hin dhageesse malee hojirraa hin olchinee jetteni!
Sababin isa ottuu gaddii na dhifneeti garaa koo keessaa dhalaa dhalaa keef kan ta’uu warqee argaata turtee kanumaa jetteni namichi gowwaan kunni inni sadaffaan isa kami jedhe yeroo gaafatu shimbirroonis gorsaa isa lamaffaa waan darbeeti hin gubbini kanumaa nagaan ta’ii gorsaa koo waan hin fudhatinis hiyyummaati jiraata jetteni bira deemtee!.

Akkumaa Oromon jedhu egee fi gabbin abbaa dubbaa ooltii jedha mitiree Keessuma dhalooni bara kana waan godhuti ani sirriidha karaa sirri irraan jira osoo jedhu hubannaa malee Boollaati badaa dogonggora ofi baree irraa barachuu irraa dogonggora nama ilaalee mudaa wali irraati lakka’uun gufuu walitti ta’aa.

Baay’ee keenya waan dhaggeenyuu tokko gochaati hikuu dadhabun baay’ee nu midhaa jira qalbeeffana waan hin jireef Mul’ataa jireenyaa keenya isa nurraa darbee adunyaaf ta’uu akka waan tokkoti baleessina waan harkaa qabnu seeraan haa qabanu. gorsaa dhaggeenyuus hojiiti haa hiknu dubbachuun duraa itti yaadun gochuu duraa hubachuun kufaati nama oolchaa

Waa’ee nama iyyaafatani baruu duraa waa’ee ofi baruun gaariidha maalif akka dubbanu maalif akka hojaanu maalif jiraanu baruun gaariidha.
Akkasumaa dinnaa kee jalaa bahuuf egumsaa waaqayyoon gadditti meshaa lolaa osoo hin tane yaada qabsoo keef ta’uu qabadhu jechii tokkittin lubbuu nama olchuu dandeessi jechuuma takkan lubbuun nama bahuus dandeessi maal akka gotu dursii addaa badhadhu.

Jiruuf jireenyaa ofi keessati sirritti of to’achuun gaariidha waaqayyoo hubannaa fi ogummaa nuf haa kennuu eebbifamaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *