Abdii hin kutin

Milka’innaa jechuun Kan sammuun keenyaa ofii fi biyya keenyaaf hawwuu bira gahu jechuudha.
Mulka’inni bilisummaa,nageenyaa,boqonnaa fi fixaan ba’insaa hawwii ofii of keessa qaba,kanafuu barreeffama imalaa milka’inaa jedhu hanga dhumaatti yoo dubbiftan;Daandii milka’inni itti argamuu ni baratu,gufuwwan milka’inaa maal akka ta’an hubannee irraa of Eegna akkasumas milkaa’uuf qabsoo nu barbaachisuu ni baratu.

  Milka'uuf

wantoota milka’inaa keenyaa akka hin gonfaannee tasisan:
1;Abdii kutachuu
✓Abdii kutachuun farraa(gufuu) milka’inati.
✓Guyyaan hundumtu carraa guddaa fi sadarkaa guddinaa koo Kan dabalaniidha jedhi yaadi malee abdii hin kutatin.
✓Abdii yoo kutatee lafa har’aa jirtuti akka haftu hin dagatin.
✓Namni milka’uu abdii hin kutu.
✓Umuriin Koo kana boodaa milkaa’uu hin danda’u jettee abdiin hin kutin,Fakkeenyaf:
Namni wahii tokko umrii 25tti daldala ta’e waggaa 50tti du’e. Yeroo kana namni wahii tokko waggaa 50tti abbaa qabeenya ta’e daldala jalqabe hanga waggaa 90tti jiraate.kanaafuu Atis marsaa jireenya kee keessa jirta yeroo fi haala siif murtaa’e keessatti,isaanis marsaa jireenya isaani keessa jiru yeroo fi haala isaanif murtaa’e keessatti kanaafu abdii hin kutatin,itti hin hinafin, ofittis hin gaabbin.
✓ Kan mo’u ykn milkaa’uuf carraaquu abdii hin muru.
Seenaa armaan gadii kana dubbisaa

‘Daniella Alvarez’ shamarree jabduu fi miidhagduu bara 2011-2012 tti Colombia bakka buutee filamteedha. Namni hundumtuu dandeetti uumamaan isheef kennamee fi miidhagina isheetiif dirqamee ajab jedha. Osoo addunyaan miidhaginaa fi dandeettii ishee kana ajaa’ibsiifachuutti jirtuu akka tasaa dhukkuba ulfaataan qabamtee yaala baqaqsanii yaaluutiin miilla ishee tokko dhabdee qaama miidhamtuu ta’uun du’a irraa hafte. Erga miilli ishee murameen booda jaallattoota isheetiif suura ishee dur isaan waltajjii irratti arganii dinqisiifatanii fi kan mana yaalaa keessa ciistee yaalamaa jirtuu isa miilli ishee erga citeen boodaa instgram irratti gadi dhiiste. Namoota arganiif gadda guddaa ta’us isheen miira gammachuu addaatin maxxansite. Rakkoo guddaan hamma kana ga’u ishee mudatee, miilla ishee waan dhabdeef dirree dorgommii bareedduu addunyaa keessaa baatee osoo jirtuu gammadduu ta’uun ishee hunduma raaje. Suurota ishee wajjinis wanti nama ajaa’ibu kan biraan jecha akkas jedhutu jira ture. “I love my body the same as I did before. I am happy to be here in this world to experience the new challenges coming into my life! Akkuma duraa qaamakoo nan jaalladha. Addunyaa kana irratti rakkoowwan haaraa gara jireenya kootii dhufaniifis muuxannoo haaraa argadheen jira!” jechuun jaallattoota isheetti bakka isaan abdii dubbachuuf jecha qabdi jedhanii hin yaanneetti abdii dubbatte. Gaaffii gaazixeesittoonni bakka ciisa isheetii deemanii gaafataniifis deebiin isheen kennite kunooti. “Har’aa iyyuu dorgomee mo’achuu nan danda’a.

Namni maalif akka umamee beeku haalaan abdii hin kutuu

Wanti abdii na kutachiisuu danda’u tokko iyyuu hin jiru. Nan beeka harka, Waaqayyoo keessa wanti anaaf qopheeffamee jiru tokko ni jira. Akka itti of na dandeesisus inni ni beeka. Yoos wanti an isa gaafadhu maali ree? Miilla lama qabaachuu dhaa? Ittiin balali’uuf koochoo qabaanaan maaliifan miilla ittiin deeman gaafadha ree? Isiniin waan naaf kenneef Gooftaa koo guddaan galatteeffadha. Amantiin waan hundumaa ittiin amanus Waaqayyo biraa anaaf dhufa!” jettee dhaadachuu dhaan beekamti. Hakiimonni ishee yaalanis harka ishee ol kaaftee yommuu isheen kadhattuu fi galatteeffattu arguun abdii dura hin jirre isaan keessatti uume. Abbaa fi haati ishee, obbolaan ishee dhiiraa fi dubaraa, hiriyyoonni ishee, kaadhimaan ishee. Ajaa’ibsiifattoonni ishee akka addunyaatti jiran hunduu jecha ishee kanaan ishee irraa abdii kutuu dhiisan. Jaallachaas hafan. Hakiimonni ishee yaalanis lallaba abdii ishee dhaga’aa dadhabbii nalee ishee yaalan. Hojii ishee caalaas addunyaan kun nama abdii hin kutanne ta’uu isheetiin beekamtii addaa kenniteef.

Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *