Yoo ofi taate namaf taata!


Nama of oolchetu dhaloota oolcha
↪️Beekaas ta’i wallaalaa qabaadhus dhabis waan tokkoon sitti hima, nama rafee miti nama dammaqee jirutu balaa abiddaa ooluu danda’a. hata’u malee namichi rafu nama dammaqee of biraa qaba taanaan ooluu danda’a garuu hundisaniyyuu in rafu taanaan wal faana gubatu seenaan isaanis achumaan bada. biyya lafaa kanarra kristaana taatee hamma jirtuttii maaliif kristaana akka jedhamte of irratti hin beektu taanaan ati maqaadhumaaf fakkaatta malee kristaana sirrii miti.

moggaasa meeqa of irra tuultee nama sirrii fakkaattee, isa warri biyyi lafaa hojjetan yoo hojjettee jecha isaan dubbannaaf fayyadamanis yoo dubbattee kristaanummaan kee waa’ee lubbuu bade deebisu mitii fulaa waaqayyoo duratti mismaara tokkoyyuu hin bitu chaawoo.

↪️Yesus yeroo gara biyya lafaa dhufetti namni baayyeen in simatani namni baayyeen garuu in ari’atani. warri ari’atan, hamma ajjeesanitti arii’atan. warri isa simatan garuu hamma du’a lubbuu isaanitti isa simatan.

↪️Ati yaa isa rafaa jirtuu hamma maalitti yesusiin simattee? koottumee of ilaallaa koottumee warraa of olchetu nama biraa olchaa jira waan ta’eef of oolchinee dhalootaaf eebba taanaa.

↪️Waan sitti fakkaatee sirriidha jettee ariifattee hin dubbatiin nama hubataa ta’i. afuuraa qulqulluutiniis geggeefami. biyyi yoo fiigee ati immoo dhaabadhuutii ilaaliitii adda baafadhu. biyyi yoo dhaabatee ati immoo isa adda baafatterraa humna yesusiin imali yoos milkooftaa.

↪️Bakka oolmaa kee lafa warra ejjan godhattee, waa’ee yesuus waan dubbattu dhabdee afaan hin nyaatiin waa’een yesuus dubbatamee hin dhumu dhaloota dhugaaf afuuraan yesusitti amanee isaaf jiraatuuf!
Soba dubbachuu fi ejjuun muudii sitti hin fakkaatiin.

Dhaloota egereen isaa guddatu!
↪️Egeree jechuun boriisaa. jechuudha. egaa namni boriinsaa guddaa ta’e tokko maaliin beekama akkamittis bira gahaama namni eenyummaa nama tokkoo beekuu kan inni beekuu danda’u afuura quluqulluutiin guutummaan guutuutti nama geggeefamuudha kanaan achi eenyummaa egeree nama tokkoo bekkuun rakkisaadha. namni tokko nama beeka kan nama jechisiisu maalummaa nama tokkooti malee eenyummaa nama tokkoo miti.

↪️Dhaloonni yesusitti amanan milikkita akkami qabu laata? maaltu irraa mul’ata laata Mee beekataa? Moo warra afaaniin odeesaani jireenyaan lubbuu haaraa ta’an beekta ati? namni yesusitti amane ijoollummaasaatii jalqabee hamma dulluma isaatti milikkita gad of deebisuu, dhiifamaa, jaalala, waan gaarii hojjechuu, yeroo hundumaa dogoggoree kan yesuusii fi qajeelfamasaa hin daganne, nama nama akkasaa kan jaallatu, kkf beekeema dhaloonni yesusitti amanan.

warra kristaana ofiin jechaa sobee shubbisurraa isa isa yesusitti hin amaniin wayya. Mee ilaali mana waaqayyoo keessa jirra kan jedhanii fi warra bakkee keessa gaallabantu wal qixa ta’eem. erga itti waamamtee akka ta’utti jiraadhu hamma dulluma. keetti. Nama amala kana qabu qofaa ilaallata.

Yesus deebi’ee hin dhufaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *