Kan kees hin argamaa dhisii!

Maaliif huuba isa ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta?” Maat 7/3

Yesuus akka jedhetti hadheessituun jalqaba utuu warra kaan sirreessuu hin jalqabin utubaa ija isaa keessaa baasuu qaba, hafuura hadheessummaa sana keessaa ba’uu qaba, cubbuu ofii isaatii himachuu fi dhiisuu qaba. Sababiin isaa, “Mukti ba’eessi ija gadhee hin godhatu, akkasumas mukti gadheen ija ba’eessa hin godhatu.” Luq. 6/43.

Hafuurri hadheessaan firii hamaa isa mukti isaa hamaa akka ta’e mul’isu dha. Kanaaf qajeelummaa ofii keetii tuullachuun gatii hin qabu. Wanti si barbaachisu jijjiirama onneeti. Warra kaan qajeelchuuf ga’aa akka taatuuf kana shaakaluu qabda; “waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata.”

Mat 12/34. 
Waaqayyo namoota ofi irraa hin ittisu,  namoota ofitti harkisa. Kan inni of irraa dhiibu jaalala dhabuu qofa dha. Yeroo waldaan humna biyya lafaa biraa deggersa barbaaduu jalqabdu, humna Kiristoosiin of keessaa fixuu ishee agarsiisa hir’ina jaalala Waaqummaa. 

Rakkinni kun rakkina amantoota waldaa ta’a, qorichi isaas himameera.
Yeroo nama rakkinni itti dhufe tokko gorsuudhaaf yaaltu dubbiin ati dubbattu kan ati jireenya kee keessaa argatte ta’uu qaba. Waan gaarii gochuu keetiin dura waan gaarii gochuu qabda.

Utuu garaa kan kee ayyaana Kiristoosiin hin jijjiiramin jireenya nama kan biraa jijjiiruu hin dandeessu. Yeroo jijjiiramni kun si keessatti bilchaatu, akkuma abaaboon foolii isaa kennu, muketiin bakkee halluu isaani kennanu waan gaarii gochuun siif amala kee ta’a. 

Yoo Kiristoos si keessatti “abdii ulfinaa ta’e,” ati dogoggora warra kaanii ilaaluudhaaf yeroo hin argattu. Kaayyoon kee hadheessuu ta’uun isaa hafee isaan gargaaruu, eebbisuu fi oolchuu ta’a. Yeroo warra dogoggore gargaaruuf yaaltutti “ofii keetiis akka hin qoramne” of eeggadhu.

Gal 6/1 Yeroo meeqa akka dogoggortee turtee fi karaa sirrii irraa badnaan itti deebi’uun ammam akka ulfaataa ta’e ni yaadatta. Kanaaf obboleessa kee gara dukkana isa caaluutti hin dhiibdu, garaa jaalalaatiin balaa isatti dhufaa jiru garuu itti himta. 

Namni fannoo Qaraaniyoo ilaalu, akka cubbuun isaa achi irratti fayyisaa isaa irra ka’ame kan yaadatu, cubbuu isaa kan nama kan biraa wajjin wal bira qabee hin madaalu.

Nama kan biraatti faraduudhaaf utaalee barcuma firdii irra hin taa’u. namoota gaaddisa fannoo Qaraaniyoo jala deeman bira of tuluu fi hafuurri warra kaan hadheessuu hin jiraatu. 

Obboleessa kee dogoggore oolchuudhaaf amma ofii kee aarsaa gootutti dhiyaachuu utuu hin taane, utubaa ija kee keessa jiru baasuun kee isa gargaaruuf qophaa’uu kee agarsiisa. Sana booda isatti dhiyaattee garaa isaa tuquu dandeessa.

Namootni arrabsoo fi ceephoodhaan deebi’an hin jiran; baayyonni qooda deebi’uu caalaatti Kiristoos irraa fagaatanii akka hin amanneef garaa isaanii chaapaadhaan cufu. Garaan jaalalaan guute garuu cubbuu dhoksuudhaan isa dogoggore ni oolcha. Kiristoos jireenya kee keessaan yoo mul’ate namoota ati wajjin hariiroo qabdu hundumaa ni harkisa. Kiristoos yeroo hundumaa isin keesaa haa mul’atu, isin keessaan sagaleen isaa akka hojjetu haa agarsiisu lubbuu dogoggore irra deebi’ee fakkaattii Gooftaatti haa hojjetu.
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *