Dhugaadhaan yoo of deebistee badisa jalaa oltaa!

Dhugaa dhaan yoo of deebistee badisa jalaa oltaa!

√√ Gad of deebisani araara waaqayyoon gaafachuun furmaata , badiisa nama oolcha!!

√ Sodomiif gamoraan mandaroota ija namaa hawwatan, waan jireenyaa nama barbaachisu kan of keessa qabdu turte uma 13/10
√ garuu kan nama dhibu namoonni sodoom.
jal’oota turan. Cubbuu baay’eedhanis waaqayyoon kan yakkan turan.

Jara kana warra bara nohii wajjiin wanta hedduutu wal fakkeessa:- Luq 17/28-29

√Namoonni hamma guyyaa Nohi markabatti galetti, bishaan badiisaas dhufee hunduma isaanii balleessetti, nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. √Bara Looxis akkuma kana ta’ee ture, namoonni nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan. Kana qofaa miti . garuu qalbii jijjiiratanii deebi’utti mata jabeeyyi turan . √ bara nohiis ta’ee warri sodoomiif gomoraa haga badiisi kun isaanitti dhufee isan ballessulle qalbii jijjiirachuu hin dandeenye.

↪️nanawwee

√√ nanaweenis mandara guddoo turte
√√ hamminni namoota nanawwee garuu waan guddateef waaqayyo balleessu barbade guyyaa afurtama booda sin balleesaa ittin jedhe.
Yoonaas raajichaa 1,2,3,4

Jara kana lammaan tokko kan godhu fuulaa waaqayyotti jal’inni, humnaan wal irratti ka’uun isaanii waan guddateef waaqayyo isan balleessu barbaade.

↪️Haa ta’u malee jara kana lammaan kan adda isaan godhu mandarri nanawwee qalbii isaanii jijjiiratanii badiisa isaanitti dhufuuf ture jalaa oolani. Warri sodomiif gomoraa, warri bara nohis yaada garaa isaanii geedarachuu dadhabuudhan badani.

↪️Eegaa nuto maal fakkaanna . warri sodoomiif gomoraa ,beekaa dhaban miti ,barsiisaa dhaban miti, mootii dhaban miti hundumaayyu qabu turani , kan mana ijaaruu, ogeessa fayyaa qabu garuu hundumti isaaniyyuu yaada mataa isani wajjiin bu’ani, laphee jabaatoo ta’anitu malee.

cubbuu ta’u utuu beekani ,utuu ittii deebi’aa jedhamanii mataa jabaatan malee ,kanafis badisi tasaa isaanitti dhufe.

Bara keenya kana keessa maalttu ta’a jira? , kan nama sodaachisudha . inni bara nohitti ta’ee, inni bara nanawweetti ta’e haga isa bara keenyaa ga’aa laata jal’inni isaanii ??? Natti hin fakkaatu.
Egaa warri waaqayyoof qulqulla’an , warri waaqayyoof jiraatan, warri isa waaqayyo jibbee garaan isaa nutti gaddaa jiru irraa deebi’an, warri kiristoos yesuusitti amananii akka dubbi isaatti jiraatan ,har’ayyuu badiisa dhufu jalaa hin oolu!
↪️ nanawween kan oolche qulqulluma isaanii miti ,laphee cabeen ,xinna haga guddatti ,moototaa haga isa gadiitti , horiin qe’ee utuu hin hafiin karaa isaanii isa jal’aa irraa deebi’anii gara waaqayyotti iyyan ,araara kadhatan kanafis hin oolan.
↪️ nutis xinnaadha ,haga guddatti, wallalaadha haga beekaatti, mootonni :-
√√Haa deebinu karaa keenya isa jal’aa irraa.
√√Haa deebinu humnaan wal irratti ka’u irra
√√Haa deebinu jireenya gadhisii jiraachu irra
Haa deebinu gara waaqayyotti! Guyyaan dhumaa fagoo miti dhihoodha . Lubbuu keenyas, biyya keenyas badiisa jalaa haa oolchinu! Ameeeen!
Luq/21
³⁴ Yesus yommus, “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba’aa fiddanii akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa.
³⁵ Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba’ao.
³⁶ Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta’uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba’uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaiif kadhadhaa” jedhe.

Eebbifama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *