Galatoomii jechuun itti ulfaate!?

Galatoomii jechuun itti ulfaate!?
Konkolaataa keessatti ture. Dargaggeessi na fuuldura taa’u boorsaa birrii (dasulaanii) isaa buusee sokke. Hundumtuu konkolaataa biraatti darbuuf fiigaa jira. Nami hubatee arge hinturre. Anuu teessumma duubaa irraa ka’e osoon bu’aa jiruun tasa arge.
Kan eenyu akka ta’e baruuf yoon banu; suurra isaafi kan maatii isaa, qarshii 500, waraqaa eenyummaa, ATM fa’atu keessa ture. Suura isaa argee hinwallaalle. Garuu inni bu’eera.

Konkolaataa birootti darbuu hinhafne. Dafee konkolaattota dhaabataa jiran keessa ilaale. Hinjiru! Achi darbee konkolaataan (doolfiinii) tokko dhaabachaa jira. Fiigeen bira gahe.
Gaafan ilaalu namichi ani barbaadu keessa taa’ee jira. Gargaaraan seeni seeni jedhee na seensise. Taa’ee xiqqoo hafuura baafadheen maqaa isaa waame. Waraqaa eenyummaa isaarraa argeen ture. Na ilaale. “Kun kan keeti mitii? konkolaataa duraa keessatti dagattee buute” jedheen itti hiixadhe. Akka nama du’a firaa dhaga’eetti na’e. Fuula isaarraa gammachuun argan se’e. Garuu inni fuula gurraachessee narkaa fudhate. Sanuu callisee taa’ee. Maal akka ta’e naaf hingalle.

Yaadi koofi haalli isaa faallaa ta’e. Gocha koo bishaan obaase. Sammuun koo gaabbii na nyaachisuutti ka’e. Gidduutti akka nama hirribaa ka’uu, “guddaa galatoomi. Waaqni si haa eebbisu. Kan biraa maalan siif godhaa mitii” naan jedhe. Sila callisee amma reefuu na galateeffachuun isaa maaliif? “Rakkoo hinqabu. Garuu sila hoo ni calliftee.”jedhe.

“Qarshii kana akka itti maatiin koo naaf kennantu na raatesse. Beektaa! kana irraa kan hafe homaa hinqabu. Qarshii konkolaataa iyyuu kanuma keessaa kaffaluufan narka jira se’ee ta’aa jira. Gara Yuunbarsiitiin dhaqaa jira. Qaba kanan jedhu kana qofa. Utuu bade ta’ee akkaman ta’a? kan jedhun yaadaa ture.

Kanaafan dubbachuu dadhabe…” naan jedhe. Kan duraa caalaa miirri gaarummaa natti dhagaa’ame. Utuun fudhadhee deeme ta’ee hammam rakkata? Ammam natti gadda laa!
Gaariin godhe jedheen ofitti gammade. Dhuguma gaafa gaarii namaaf gootu gammachuun keessa kee guuta. Gaafa sana guyyaa guutuu miirri gaarummaa natti dhaga’amaa oole.

Ofittin gammade. Inni immoo hammam haa gammadu.
Hamma dandeesse gaarii namaaf gochuuf of duuba hinilaalin. Gaafa jallinaan nama miitu, yoo namni si dhiise iyyuu kissii sammuun adabamaa oolta. Ciiftu hirriba hinqabdu. Namoonni baay’een maaf araada keessa dhokatanii jiraatu seete!?
Garuu gaafa gaarii namaaf gootu; kan dhabeef hiixattu, kan dadhabeef hirkoo taatu keessi kee gammachuu quufa.

Hiika jireenyaa gaafa sana barta. Miira namummaatu sitti dhaga’ama. “Gaarii namaaf gochuun ofumaaf” kan jedhan dhuguma. Muka gaarummaa dhaabdee, firii isaa hinnyaatin hinhaftu! Ulfaadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *