Wayyii Durbootaa barana as koota dubbisaa!

GORSA MURTEESSAA 5 HAADHOLII MANAATIIF!

===(DURBOOTAAFIS NIGARGAARA)

Namni hundumtuu gaa’ela eebbifamaa gammachuu fi nagaadhaan guutame jiraachuu barbaada. Garuummoo, gaa’elli namoota baayyee hubannaa fi ogummaa dhabuurraa kan ka’e inni kun hawwii qofaa itti ta’a. Gaa’elli kunuunsa barbaada. Qabxiileen 5 asii gaditti ibsaman kunniin akkaataa ittiin haadholiin manaa ga’eelasaanii keessatti eebba ta’an agarsiisuu yaala.

Dubbisii, hojiirra oolchi, bu’aasaammoo ni argita!

1. Haadha manaa malee abbaa manaa hin ta’in: Haadholiin manaa tokko tokko osoo hin beekin haadha manummaa dagatanii abbaa manaa ta’uu barbaadu. Kun dogoggora guddaadha. Abbaan manaakee kabaja sirraa barbaada. Yoo ati isaaf bitamtee kabaja isaaf kennitu inni immoo deebisee jaalala addaa siif kenna.

  1. Fuula Gaariidhaan Simadhu: Inni hojiirra oolee, dadhabee yoo galu dubbiidhaan isa hin eegin. Odeessituu fi hamattuus hin ta’in. Abbootiin manaa haadha manaa odeessituu dubbii jaallattu ni jibbu. Yoo inni hojiirraa galu oduu fi dubbiidhaan osoo hin ta’in, fuula gaariidhaan hammadhuutii simannaa ho’aa taasisiif, afaan gaarii itti haasayi. Hafaa gaariirra afaan gaariitu caala jedha mitiiree Oromoon.
  2. Akka keetti malee akka ollaa keetti jiraachuuf hin hawwin: Akka abaluutti sirbaan morma nama jallisa akkuma jedhamu sana hin ta’in. Hawwii fi hinaaffaa hin taane keessa hin seenin. Abalufaa kana qabu, sana qabu jettee abbaa manaakee dhiphina keessa hin galchin. Jireenya mataakeetii gammachuudhaan jiraadhu.

4. Abbaa manaa keetiif amanami: yoo abbaa manaa keetiif amanamte innis siif amanama. Isa hin shakkin. Oduu fi hamii namootaas hin fudhatin. Abbaa manaa keetiif of eeggadhu. Ati kan abbaa manaa keetii qofa. Isaaf jedhii babbareedi. Bareedinaa fi qulqullinakee eeggadhu. Haadha manaa keessishees allishees bareeddu ta’iif.

5. Deeggartuu Cimtuu Ta’i: Heewwan Addaam akka deeggartuuf uumamte. Abbaan manaakee mul’ata inni qabu gaafadhu. Mul’ata kees itti himi. Mul’ata kee kan abbaa manaakeen wal simsiisii, akkamitti isa deeggaruu qaba, akkam godhee kana caalaa isa guddisuu danda’a jedhii yeroo hundumaa of qopheessi. Kadhannaa fi gorsa barbaachisuun yeroo hundumaa isa bira dhaabbadhu. Abbootii manaa jireenyasaaniin milkaa’an dudduuba haadholii manaa ciccimootu jira. Kanaafuu, atis cimii abbaa manaakee irratti hojjadhu.

Yoo qabxiilee kanaaf kkf hojiitti hiikte abbaa manaa keetiif gonfoo taata(Fakk. 12:4). Innis simalee jedhee jaalala addaa siif qabaata. Siwaliin gammachuudhaan yeroo dabarsa. Sifuudhuusaattis baayyee gammadee Waaqayyoon galateessa.
Waaqayyo gaa’elakee eebba addaatiin haa eebbisuu! Kan gaa’elatti adeemtus sihaa milkeessu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *