Maaf dagatee Oolmaa sana!

JAALALA JECHUUN ISA KANA

HUMNA JAALALA
JAALALLI DANDA’AADHA

IN XUMURTU TAANAN ADARAA KEE DUBBISUU HIN EEGALIN . ERGA WAAN KANAA OSOO HIN HUBATIN WAAN HAFTUUF.

Namni kamuu umuriinsa gaafa ga’u seera uumama waan ta’ef jaalala keessa seenun waan hin oolledha . Kana jechuun dimishashumatti hunduu ni jaallatta jechuu koo miti garuu irra guddeessan waan mul’atudha malee.
Abdiinis umuriin isaa kanaaf ga’era amma nama fuudhe mana dhaabbachuu qabu ta’era . Innis kana ofitti in callifne akka safuu biyyaatti ulaaga barbaachisun intala naaf taati jedhurra Ija keewwateera .
Intaloo walii wajjin haasa’a barbaachisu godhaniiru maqaa ishee Simboodha .
Simboon mucaa amala gaarii qabdudha Abdii fi simboon amma sadarkaa gaarirra jiru gaa’ila dhaabatanii mana tokko keessa akka wajjin jiraachuu qaban mar’iatanii walii galaniiru guyyaa cidha isaanis murteeffataniiru amma ji’a tokko kan in caalettu hafe . Hundumaan mucaa waggoota dheeradhaf Abdii wajjin qoccolloo qabudha baay’ee wal lolu turan.
Abdiin simboo fuudhuf akka jedhu Hundumaas gurra bu’era kanaaf ganamaaf galgala Simbotti deddeebi’ee ishee rakkisa .
Haasa’adhan simboo caalaa dhufeera namni hunduu dadhabii qaba mitiiree Simboonis in mo’amte utuu in beekin waan in yaadne keessa seente Hundumaa wajjin ciifte . Inni yeroo sana kaase deebi’ee nagaa ishee in gaafanne silayyuu hamminaf dhufe waan ta’eef. Simboon amma filannoo biraa hin qabdu guyyaan Cidha isheef Abdii waan ga’ef iccitti ishee kana qabattee Abdiitti Heerumuu murteeffattetti .
Guyyaan cidha ga’ee haala namatti toluun gaa’ila dhabbatan Abdiinis baay’ee itti gammadaa fudhatee gale.
Mana tokko keessa erga jiraachuu jalqabnii bubbulaniiru Ijoollee 4 gidhataniiru.
Amma mana isaani keessa nageenyi dhibaa dhufeera Simboon dubbii baay’isuu eegaltetti akkas na goote kana natti balleesite jette Abdii lolti.
Barii lafaa kaate anaaf ati akkasitti itti fufu hin dandeenyu jaarsoliin biyyaa dhufanii gargar nu baasu qabu jette itti himtee. Namoota barbaachisodha jettu hundumaa waamatte (jaarsolii biyyaa jechuudha).
Jaarsoliin dhufanii dhimmicha ilaalu fi dhaggeefachuu eegalan.
Simboo: guyyaa gaafa ga’ila dhaabatnii kaase waaninni itti balleessa ture tokko lama jette utuu in hambifatin haasofte xumurte
Abdii: miilla ishee jalatti kufee boo’ee dhiifama gaafachuu jalqabe jaarsoliin biyyaas egaa dhiifama godhiif badiisa amanee dhiifama si gaafateera jedhani ishee gorsan isheenis tole jettee .
Aduun dhi’era hundumtuu mana manasaatti galeera. Ijoollen simboo fi Abdii 4nu rafaniiru Abdii fi simboon kutaa ciisicha isaani dhaqan .
Abdii sagalee garaa nama nyaatun SIMBOO JEDHEE WAAME
Simboon Yoo maalidha jette
Innis deebisee baay’ee akka jaallatuf akka isa barbaachistu itti hime . Isheen in calliste.
Haasa’u itti fufe ani gaafan si fuudhuf jedhe Diinakoo isa ta’e Hundumaa wajjin ciisu kee beekan ture mucaa inni angafaa kankoo akka in taane beekan ture .
Garuu kana hudumaa yoon kaase sitti haasa’e na jalaa akkati miidhamtu waanin beekuf utuun beekuun sababan si jaalladhuf callisuu filadhe Ani dogoggorte jedhee si dhiisu si miidhu hin danda’u sababiinsa ani baay’een si jaalladha jedhe
Waanti Simboon iccitiidha jette yaada turte hunduu Abdiidhaf iccitii hin turre.

Ati garuu jedhe Abdiin simboodhan badii koo xinnoodhaf jaarsolii gidduu n dhaabachiiste jedhe . Ammayyuu garuu Jaallalli ani siif qabu hin hir’anne jedhe
Simboon bo’ichaf of qabuu dadhabde Abdiin ofitti qabee ishee sossobe.

Hundi keenya waaqayyoo kana natti balleesse sana natti balleesse jenne waan baay’ee namatti himna barreessina in yaadnas .Waaqayyoo maali wajjin akkanni nu jaallatte hubannera’o .
Jaalala guddaa ammana hin jedhamnen nu jaallate inni utuu nuyi hir’ina qabnu nu fo’ate balleessa keenyaf madaa’e .

Jaalalli maal akka ta’e nutti agarsiise baay’ee isa ta’e cubbuu keenya osoo beekuu maqaa masootin nu waame. Irra daddarbaa keenyan du’o taane utuu jirru inni garuu jaalala isaa isa guddaan ofitti nu bute.

Akkas jedhe mitiiree macaafaa qulqulluu keessatti
(His 16 )
5 ati gaafa dhalatte sana ijaan ilaaluun waan nama jibbisiisuuf bakkeetti gatamte malee, namni siif oo’uudhaaf wanta kana keessaas tokko illee siif gochuudhaaf garaa siif laafe hin turre.

6 /Ani utuun darbuu ati dhiiga kee keessa ciiftee utuu dhidhiitattu sin arge; ati dhiiga kee keessa utuma ciiftus:- Jiraadhu! siin nan jedhe;

9/Ani bishaaniin si dhiqee, dhiiga si irraa qulleessee, dhadhaa ejersaa si dibe.

MEE yaadimee waaqayyoo natti balleesse waan jette yaada turte lafa inni si fidemmoo ilaali maal keessatti akkanni si jaallate .

Waaqayyoo baay’ee keenya mana suusii keessa fuudhee jireenya nu badhaase .
Yeroo mandara suusii keessa turre huccuu tokko ji’otaf utuu hin miiccamin uffanna har’a waaqayyoo gaafa jireenya keenya jijjiree nu bareechu garuu maaf guyyaa guyyatti akkan jijjiiradhu in gootu jenne waaqan wallansoo qabna .

Waanta waaqayyoo nuu godhe utuu hubannee ilaalle hundee komii keessa keenya gogsaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *