Dubartonni hogganootaa ta’u ni danda’uu?!

Dubartonni hogganoota ta’u ni danda’uu?
Kutaa 1ffaa
Macaafa Qulqullu keessatti gaeen dubartoonni hoggana keessatti qaban maal fakkaata?

Yaada tokko irratti murtii yaroo laannu kan nuti irratti hunda’uu qabnu Macaafa Qulqulludha. Yaroo kana jeennus Macaafi Qulqulluun gutummaatti maal jeedha isa jeedhu fudhachu qabna malee isaa kutaa tokko lama irratti xiyyeffachuu hin qabnu.

Waaqayyo Jalqaba irratti akeeki inni dubartiif qabu maal ture? Dhiirris dubartiinis bifaa fi fakkeenya Waaqayyon uumamani S.Uuma.1/26-28). Waaqayyo tokko garu bifa sadiin mulata: Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulludha.

Isaan kuun sadan wal qixummaatti walii galanii jiraatu. Akkuma kana dubartii fi dhiirris miltoo ta’aanii uumama Waaqayyoo uumee irratti mo’aanii akka jiraataniif ture akeeki Waaqayyoo duratti qabu. Hoggana kana keessattis lachuun isaanii walqixxummaatti qooda fudhatu ture.

  1. Kufaatii booda dubartoota irra maaltu ga’ee?
    Addaamii fi Hewwaan lachuun isaanii abboommii Waaqayyo cabsuu isaanii irraa kan ka’ee cubbamoo ta’aani. Cubbuun kunis walii galtee fi tokkummaa duur dhiiraa fi dubartii giddu ture miidhe.

Kufaatiin garaagartummaa fi olaantummaa fide, kuniis miltoo walii ta’uun hafee inni tokko olaanaa inni tokko gad-aanaa ta’un in dhalate. Kufaatiin boddeetti dhiirri dubartiif mataa akka ta’u taasifame S/Uuma 3/16-19. Hawwaasii dhiiraan bulfamu yaada Waaqayyo isa duraa hin turree; garu kufaatiitu fide. Waaqayyo yaroo isaan uumee bifa isaafi fakkeenya isaan lachu isaanii uume.

  1. Dubartoota Kakuu Moofaa fi aadaa Yihudootaa keessatti:
    Bara Kakuu Moofaa keessatti hojiin guddaan dubartoonni hojjetan haadha manaa ta’uu fi haadha ta’aanii ijoollee guddisuudha. Yihudota giddutti maatiin bu’ura hawaasaa ta’ee waan ilaalamuuf ga’een dubartootaa kun kabajaa qaba ture. Haata’uu iyyu malee issaa ga’een dubartootaa bara sana keessatti kana qofa in turre.

Dubartonni tajaajila raajummaatti waamaman, tessoo firdii irra kan ta’aan, hogganaa sabaa kan ta’aan Kakuu Moofaa keessatti akka Hafuura Qulqullun dibamanii kaafaman ni argina. Fakkeenyaaf Miriyaam (S/Ba’uu 15/20), Dibooraa (A/Firdii 4/4), (2 Mootota 22/14-20) akkasumas Asteer (Macaafa Asteer).

  1. Yesusii fi dubartoota: Yesus hawwaasa dhiira caalchisee dubartii gadi qabu keessatti dhalate; garuu tajaajila isaa keessatti dubartootaaf iddoo guddaa keenne kana gochudhaanis jaalala Abbaa isaatii raawate. Dubartii fi dhiira walqixeetti tajaajile. Dubartoonnis akkuma warra dhiiraa akka isaan hojii Motummaa Waaqayyoo keessatti qooda fudhatanii kennaa isaaniin tajaajilaniif karaa baneera.ysuus danqaa tokko malee dubartootatti waa’ee Motummaa Waaqayyo ni dubbata ture (Yohannis 4); dhukuba irraa isaan in fayyisa ture; duukaa butoota isaa keessattis isaan dabalee ture. (Luqa. 8/1-3); mana dubartootaatti hin barsiisa ture (Mariyaamii fi Martaa); yaroonni du’aa ka’ee kan durssee isa argee dubartoota turanii (Maat. 27/55-56); akkanni duaa ka’ees kan warra dhiiraatti labsee dubartoota turani. (Maat 28/1, 8-11).
  1. Dubartoota waldaa ishee jalqabaa (Kakuu Haaraa) keessaatti:
    Guyyaa Peenxaqoosxeetti Hafuurri Qulqulluun dubartootaa fi warra dhiiraa irratti gadii bu’ee (HoE 2). Hundumti isaanii humna Hafuura Qulqulluutiin akka Kristoosiif dhugaa ba’aaniif walii isaanii tajaajilaniif kana godhe. Lubummaan warra dhiiraa hin hafee; kana booda lubummaan nama tokkoof, saala tokkoof, Saba tokkoof, Qoomoo tokkoof, maatii tokkoof utuu hin ta’in warra Hafuura Qulqulluu fudhatan hundumaaf ta’eera. Uumama haaraa kana keessatti (Waldaa Kristoos) dhiiraa fi dubartii, garbaa fi gooftaa, Griikii fi Yihudii jeechuun hafeera. (Gala. 3/26-28)
    Kennaan Hafuura Qulquluu dhiira qofaaf utuu hin ta’iin dubartootaafiis kennameera (1 Qoro. 12-14; Romee 12; 1 Peexroos 4).
    Phawuloos tajaajilaa isaa keessatti dubartootaan marfamee akka turee in hubanna. Xalayyaa isaa keessatti dubartoota isa waliin hojii wangeelaatti hidhatoo ta’aanif galata guddaa galcha, kabajaa guddaa isaaniif qaba. Dubartoonni kun kan isaan tajaajila hogganaa keessatti illee qooda qabu (Filiphiisiyuus 4/1-3; Romee 16; Titoo 2/3-5).
  2. Ga’ee dubartoota seenaa Waldaa Kristaanaa keessatti:
    Du’a ka’uu Kiristoos boddetti jaarraa lamaaf ga’een dubartoonnii waldaa keessatti qabaachaa turan itti fufuu isaa seenaan in addeessa. Barreeffama barreesse tokko tokko keessatti maanguddoo waldaa kan turee namnii Turtuuli’aan jedhamu gartuu dubartootaa kan akka diyaaqonootaa, dubartii qeerroo tajaajilttuu, kan abbaan manaa irraa du’ee, kan sadarkaa maanguddummaatti tajaajilan akka jiran addeessa. Agarsisawwan gara garaas utuu dubartoonni Irbaata Gooftaa kennani, utuu amantoota eebisani irraa kan ka’ee argameera.

Garuu Turtuuliyaan dubartoonni dadhaboo, kan kufanii fi jireenya hafuuraa warra dhiiraaf gufuu akka ta’aan dubbata. Waldaan naannoo biyya Israa’el aadaa Yihudootaa keessaa gara warra ormaatti yaroo babalachaa dhufte, karoora yaada (PHILOSOPHY) Griikootaan fudhatamte. Akka jecha Griikotaatti dubartiin gad-aantuu ta’uu qabdi. Kanaafuu waldoonni warra ormaa dubartoota walumatti qabaatti tajaajila waldaa keessaa ala godhani. Kana malees hubannaan tokko waldaa keessatti ka’ee innis namni Waaqayyoon akkaata addaatiin tajaajilu yaadu fudhuun irra hin jiru bakka GADAAM jedhamutti galuu qaba jechuutiin fuudhii luuboota dhorkaa ta’e.
Kana jechuun dubartiin hojii haafuuraaf guufuu akka taateetti kan hubachiisudha. Karaa fayyinaa tokkuummaa haqabaatan malee isaa eenyummaa isanitti gadaantummaan qabu turani. Ilaalchii akkasii waldaa kan dadhabsiisu ta’ee argameera; kana malees yaada Waaqayyoo isa guutuu waliin kan walfuudhatu hin turre.
Bara waldaan itti haareeffamuu eegalteetti (Jaarraa 15ffaa) dubartoonni tajaajila waldaa fi hojii misiyoonummaatti qooda fudhachuu eegalani.
Kutaan itti fufaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *