Hundii tokko miti akkas hin jedhin!

“Dhiirri Hunduu Tokkuma”

Jaallatanii dhabuunis ta’ee argachuun waanuma jiruudha. Hundas hin jaallatan. Kan jaallatan hundas hin fuudhan. Jaalalli akkaataa qaba. Ijas qaba. Akka namootni hedduun jedhan jaamaa miti. Garuu namootni hedduun maqaa jaalalaatii jaamanii jaalalli jaamaadha jedhu. Ijoon dubbii kiyyaa isa kana miti.

Yeroo hedduu boo’icha namoota jaallattanii dhabanii karaa hedduun ni dhageenya. Yeroo ta’e wayiitti wal jaallatanii miidiyaa hawaasaa kana miila tokkoon dhaabbachiisu. Guyyaa tokkotti si’a hedduudhaaf suuraa nama sanaa maxxansaa oolu. Haasaan isaanii waa’eema nama jaallatan sanaati. Hunda caalaa kutaa Macaafa Qulqulluus gaafa maxxanfatan isa waa’ee jaalalaa, gaarummaa fi isa kanaan wal qabatan maxxansu. Nama irra keessa dubbiseef jaalaluma Kiristoos waan maxxansan fakkaata. Garuu dhugaan jiru isa osoo hin taane waan keessa isaanii guutetu akkana isaan dubbisa. Isa adda baafachuuf mala salphaa fayyadamuudha. Innis gaafa nama kana irraa adda bahan maxxansi isaanii ashaangullittii irraa kaasee hanga kutaa Macaafa Qulqulluu kan gadda isaanii ibsu maxxansuutti ta’a.

Egaa namootni akkanaa yeroo baay’ee gaafa nama tokko jaallatan ijji isaanii waan qabamuuf nama hunda akka nama sanaatti ilaalu. Namni sun yoo isaaniif gaarii ta’e namni hunduu gaarii isaanitti fakkaata. Tarii yoo namni sun isaan miidhe namni hunduu waan isaan miidhu fakkaata. Kanaaf jumlaadhaan “dhiirri hunduu tokkuma/dubartiin hunduu tokkuma” jedhu. Kun ilaalcha dogoggoraati.

Keessattuu yaa ijoollee shamarranii warri “dhiirri hunduu tokkuma” jettaniif ani gaaffiin koo …”maaliif nama hunda jaallattan isin dura?” Namni hundi namummaa isaatiin wal qixa malee amalaa fi naamusaan garagarummaa guddaa qaba. Akkam gootee hunda isaanii akka isaan gaarii hin taane barte? Faallaa isa kanaa immoo yoo namni ati jaallatte sun gaarii siif ta’e maaliif nama hundaa ija sanaan ilaalta? Kun lamaanuu dogoggora keeti. Tarii namoota torba dabaree dabareedhaan jaallattee yoo isaan hundumaa dhabdee jirta ta’e nuuti kana hin beeknu. Atis ifa godhi. Kana hundaa laphee kamtu baata garuu osoo ta’eeyyuu?

Warri dhiiraas “dubartiin hundi tokko” kan jettan dhiisaa. Dubartii ta’uudhaan eeyyeen hunduu tokkuma. Nama ta’uudhaan eeyyeen hunduu tokkuma. Kana irraa kan hafe namuma argite irra ija kee dhaabaa ooltee namoota nagaa walitti hin cafaqin. Hundi akka keetii miti. Hundi akka sanas miti. Hamaa baay’ee keessa gaariin hedduun ni jira. Gaarii hedduu keessas hamaan tokko lama hin dhabamu.

Kanaafuu, yaa obboleettii! Dhiirri hundi si hin miine. Si hin boossisne. Kan si miidhe mucaa gurraacha ati jaallattee isaaf jettee waan hedduu gatii kafalteef sanaadha. Isa guyyaa hedduu nyaata malee si bulche sana (nyaatammaa hin sobdu malee hinuma nyaattu). Isuma sana deemii gaafadhu. Gaafa isin wal miitan san nuuti isin bira hin turre. Nu dhiisaa maaloo! Sila maaliif bofa jaallatte ati? Surrii kaawwannaan hundi nama sitti fakkaate moo? Bofnis akka jiru beekaa! Isin warri dhiiraas dubartoota maqaa balleessuu dhiisaa! Isheema maallaqa kees, qulqullummaa kees daaraa gootee badde sana gaafadhaa malee Caaltuu fi Boontuu maqaa hin balleessinaa. Isaanii miti kan si miidhe.

Miidhaa akkasii kana hir’isuuf:-
1) Nama sirrii yeroo sirrii fi sababa sirriitiin jaaladhaa! (Kan maallaqa fi sagaagalaaf wal jaallatanis waan jiraniif)

2) Yeroo gaa’ela dhaabbachuuf karaa qaamaa, sammuu, diinagdee, hafuuraa fi xiinsammuudhaan qophooftanitti wal jaalladhaa!

3) Erga wal jaallatanii immoo kiyyuu, waan ofii, namakoo, lubbuu koo, hiree too, …’minaaminii’ jedhaa osoo wal hin fuudhin dura sooshaal miidiyaa hin dhiphisinaa. Hanga gaa’ela bira geessan icciitiidhaan qabadhaa. Amma qilleensa irratti hafarsitanii gaafa walirraa adda baatan saree moocaa hatte taatu. Uumamuu keessaniiyyu jibbitu.

4) Kaadhimummaa keessan qulqullummaan qabadhaa. Sababii wal jaallattaniif qofaa fiigdanii ansoolaa jala seennaan jaalalli keessan akka afuuffaatti achumatti dho’a. Kana booda qilleensa jaalalaa sana itti guutuu hin dandeessan. Shamarran dhiira “sin jaaladhe; siifan du’a” jedhu hundaaf miila hin baninaa. Maal Yesuusiidha moo inni kan siif du’u? Dhiirri erga iddoo sana gahee booddee kana booda wanti haaraan inni eeggatu waan hin jirreef hamma gaa’elaatti obsee na eeggatee na fuudha hin jedhin. Inni garaa isaatti “mission accomplished” jechaa jiraam yoona!

5) Hamma barbaadde jaaladhu malee ani isa malee hin jiraadhu hin jedhin. Ati kan hin jiraanne yoo bishaan, nyaata, qilleensaa fi Yesuus dhabdeedha. Ani isa (ishii) malee hin jiraadhu jetta malee hinuma jiraattaam hin sobda malee!

6) Sababii inni si jaallateef hubadhu. Namootni tokko tokko si osoo hin taane biyya ati keessa jiraattu (yoo Burkinaafaasoo ta’uu baate), maallaqa keeti, bifa keeti (yoo qabaatte), konkolaataa keeti, fi kkf dha kan jaallatan. Ati kan jaallatamteef wantoota armaan olii kanneen sababii qabduuf waan ta’eef iddoo wantootni kunneen hin jirretti namni kun akka si dhiisee deemu hubadhu. Sababa quubsaa qabatee haa dhufu (qabattee haa dhuftu).

7) Waaqayyoon sodaadhaa! Dhiirrii fi dubartiin adeemsa gaa’elaa keessatti Waaqayyoon hin sodaanne homaa tokko iyyuu gochuuf wanti isaan sodaatan hin jiru. Namni Waaqayyoon hin sodaannee fi hin kabajne ana kabaja jettee hin eegin.

8) Inni dhumaa immoo amala. Amma dhuguma amala miidiyaa hawaasaa irratti qabdu kana qabattee akkamiin inni (ishiin) ana wajjiin jiraata jettee yaadda? (Warra amala hin taane agarsiisan kan ilaallatuudha malee si miti).

“Dhiirri Hunduu Tokko Miti”
Eebbifamaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *