Yaada fayyaa hin qabnee qabate nama komachuu duraa fayyaa bulleessa ta’ii!

“Mallattoolee Hariiroo Fayyaa hin Qabnee”
Kutaa 1ffaa:

Nama ta’ee kan nama wajjiin hariiroo hin uumne hin jiru. Namni tokko sababii garaagaraatiif nama kan biraa wajjiin hariiroo uummata. Hariiroon baay’ee barbaachisaadha. Garuu hariiroon hundi fayyaa qabeessa miti. Hariiroo dhukkubsataa hedduutu jira.

Yeroo hedduu namootni hedduun nama ta’e wayii wajjiin hariiroo uummatanii sana booda ittiin miidhamanii gaafa isaan boo’an argina. Boo’uun bu’aa hariiroo dhukkubsataa ti. Hariiroon keenya gara gammachuu fi eebbaatti yookiin immoo gara boo’ichaa fi abaarsaatti nu geessuu danda’a. Hariiroon fayyaa qabu bu’aa waloo fida; Waaqayyoos ta’ee namnis itti gammada.

Waan boru haamachuu barbaannu tokko har’uma yaadnee sanyii firii sana nuuf kennuu danda’u facaasuun baay’ee gaariidha. Boru biddeena nyaachuuf xaafiin akka si barbaachisu osoo beektuu har’a boqolloo qofaa facaasnaan isa barbaadde sana haamachuu hin dandeessu. Bu’aan boruu sochii nuuti har’a goonu irratti bu’uureffata. Namootni baay’een boruun isaanii akka gaarii ta’u barbaadu; haa ta’uu malee of eeggannaa har’a isaan irraa eeggamu hin godhanu.

Hariiroon keenya boru bu’aa gaarii akka fidu yoo feene har’uma hariiroo sirrii eegaluu, hariiroon keessa jirru immoo fayya qabeessa ta’uu fi dhukkubsataa ta’uu isaa sirriitti adda baafachuun tarkaanfii barbaachisaa irratti fudhachuun barbaachisaadha.

Mata duree kana jalatti mallattoolee hariiroo dhukkubsataa ilaalla. Tarii yeroo barruu kana dubbisaa jirtutti hariiroo jaalalaa keessa jirta ta’a. Isaan kuun immoo hariiroo jaalalaa kan kaleessaatiin miidhamaniiru faa ta’a. Kanneen biroo immoo hariiroo fayya qabeessa uummachuuf qophii irra jiru ta’a. Barruun kun hunduma keenya fayyadaatii sirriitti dubbisaa!

Hariiroon amma ati keessa jirtu kun boru kan si boossisuu fi si gammachiisu ta’uu isaa akkamiin beekuun danda’amaa? Mallattoolee armaan gadii kanneen gabaabsinee haa ilaallu. Isaanis;

1) Wal amantii dhabuu:
Hariiroo jaalalaa keessatti qabxiin barbaachisaan inni guddaan wal amanuudha. Hariiroo keeti keessatti wal amanuun hin jiru taanaan hariiroon kee dhukkubsatee jira jechuudha. Namootni baay’een yeroo tokko tokko wal sobu. Soba sana akka waan salphaatti ilaalanii yookiin sobanii rakkina uumame furuuf yaalu. Haa ta’uu malee sobni sobuma waan ta’eef hariiroo sana ni diiga. Namni har’a waan xiqqoo irratti sobe boru waan guddaa irratti sobuun isaa hin oolu.

2) Wal jalaa hatuu:
Qabxiin inni kan biraa meeshaa wal jalaa hatuu dha. Mucaan dhiiraa ykn immoo isheen durbaa nama hariiroo waliin qabdu sana jalaa waa hatuu ni dandeessi. Hanna jechuun mi’a nama biraa beekkamtii abbaa mi’ichaa malee faayidaa ofiif oolfachuu ykn fudhachuu jechuudha. Yeroo hanni gidduu isaanii jiraatu jaalalli gidduu sanaa badaa deema. Iddoo jaalalli hin jirretti immoo hariiroon gaariin tokko itti fufuu hin danda’u. Namootni waa wal jalaa hattan yoo jiraattan hariiroon keessan dhukkuba cimaan qabamuu isaa hubadhaa.

3) Wal kabajuu dhiisuu:
Hariiroo tokko keessatti wal kabajuun dirqama qaama lamaan irraayyuu eeggamuudha. Isaan keessaa inni tokko isa kaan hin kabaju taanaan dhukkubni hariiroo sana keessa seenaa jira jechuudha. Yeroo tokko tokko namootni hedduun waan gaarii waan godhan itti fakkaatee waa’ee nama hariiroo waliin godhatan sanaa hamaas haa ta’u gaarii nama sana duuba haasa’aa deemu. Yeroo tokko tokko immoo walitti nama hariiroo waliin godhatan sanatti qoosu. Wantootni lamaan kunniin hariiroo sana balaa guddaa irratti kuffisuu ni danda’u. Kanaafuu, waa’ee nama hariiroo waliin godhatan sanaa gaariis haa ta’u hamaa abbaa sana duuba osoo haasa’uu baatee gaariidha. Yoo haasa’ames yeroos, bakkas, namas, akkasumas haalas filachuun barbaachisaadha. Qoosaan waan gaarii ta’ee osoo jiruu haala, iddoo fi waan irratti qoosnu irratti hundaa’a. Qoosaan bakka, haalaa fi waan hin taane irratti qoosamu hariiroo sana ajjeessa.

4) To’annaa daangaa darbe:
Namootni hariiroo waliin qaban yeroo baay’ee wal to’atu. Eessa deemte? Eessa teesse? Maalirra teesse? Maal nyaatte? Maal hagde? Eenyu wajjiin dura bilbila haasa’aa turte? Gurbaan sun maaliif ija baasee si ilaala? ….jedhanii wal to’achuu ni danda’u. Wal to’achuun wal eeguudhaaf gaarii ta’ee osoo jiruu sarara isaa irra darbinaan gidduu hariiroo sanaa wal amanuun jiraachuu dhabuu isaa agarsiisa. Wal amanuun yeroo hundaa dhugaa qofa dubbachuu irraa madda. Nama yeroo hunda dhugaa dubbatu gaafa inni “ani iddoo sana oole” jedhu inni kuun ni amana. Nama sobaaf dhugaa wal makaa oolu garuu amanuu dadhabuu irraa kan ka’e yoo ishii “makeup” dibattee jiraatte iyyuu irraa dhiqsiisee fuula ishii ilaaluu danda’a. Wal to’annaa daangaa darbe wal amantii balleessee hariiroo sana dhibee cimaa itti gata.

Kanaafuu, hariiroo keessan keessa mallattooleen armaan olii kunniin jiraannaan hariiroon keessan dhukkubsachaa waan jiruuf mana yaalaa geessuutu isin irra jiraata. Qabxiilee hafan kutaa 2ffaa irraa argattu. Tarii nama hariiroo dhukkubsataa qabu tokko fayyisuu dandeessuutii waliif dabarsaa.
Kutaa 2ffaan itti fufa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *