Mucaa Adaadaa koo Saafuu Addunyaa sobduu keessaa jira!

“Mucaa Adaadaa”

Hiriyaa koo tokko wajjiin taphachaa turre. Kanaan dura kaadhima akka qabu natti himee ture. Osoo taphannuu gidduudhaan gaa’elli isaanii yoom akka ta’e gaafadhe. Innis “lakkii hiriyaa koo sanaan wal dhiisne” naan jedhe. Nan rifadhe. Maaliif wal dhiistan jennaan waansaa natti himuu akka hin barbaadne miira qaama isaa irraan hubadhe. Maal rakkoo maaltu uumame jennaan akka armaan gadii kanatti na taphachiise.

“Aniif kaadhimaan koo kan wal barre akka tasaa ture. Osoon karaa deemuu gaafa tokko roobni na qabate. Achumaan fiigee mana tokko jala seeneen bokkaa qophadhe. Intalli ani bareedina ishii ibsuu hin dandeenye takka dhuftee nagaa na gaafattee “gara manaa seenaa hanga roobni caamutti” naan jette. Silaa mana seenuu hin barbaadnen ture; garuu intala sana argee bira darbuun dadhabee mana seene. Achii buna danfistee akaayii wajjiin fiddee dhufte. Nyaadhaa naan jechaa isheen garuu oliif gadi mana keessa deemti turte.

Ani sammuun koo na fajajee ijji koo ishee malee ilaaluu dideera. Isheen takka takka hattee ana ilaalti turte. Baay’ee kan si ajaa’ibu intalti nama akka ani jaaladhuuti. Rifeensi ishii yoo kan fardaati jedhame malee kan namaati jennaan namni si amanu hin jiru. Bifti ishii magaala. Ilkaan ishii kaarruudha. Gaafa kolfitu duumessi samii irraa iyyuu ‘wolelli’ jedha ture. Nama kana irraa fagaachuun baay’ee akka natti ulfaatu nan shakke. Ofi amansiisuuf jedheen kunis akka hin danda’amne keessi koo natti hime. Amma roobni cameera. Anis nagaan bulaa jedheen manaa bahee sokke. Isheen seequu nama galaafatu sanaan ‘hayyee nagaatti’ jettee na gaggeessite.

Yommuun ala bahutti miilli koo deemsa dadhabee walitti hidhamuu jalqabe. Onneen koo dhahannaa isaa garmalee dabale. Garuu bilbila intala kanaa fudhachuu dhabuu kootti guyyaa dhaloota koo abaaraan ture. Ani dhugaa dubbachuuf nama akkas bareedu argee hin beeku yoo filmii keessatti ta’e malee. Wanti arge kun boqonnaa na dhoowwateera. Sadarkaa of dagachuu irra iyyuu gahuuf akka deemaa jiru hubachuun jalqabe.

Erga malee galee booddee waan tokko akkan dagadhe yaadadhe. Innis ragaa barnootaa koo egaa mana intalattii sanattin dagadhee bahe. Deebi’ee akka hin deemneef lafti dhi’aa jira manni isaaniif xiqqoo ni fagaata. Kanaaf obsuun qaba jedheen of amansiise. Galgala nyaata nyaachuun dadhabe. Hirriibni na qabuu dide.

Naannoo sa’aatii sadiitti bilbilli wayii bilbilame. Keessi koo baay’ee dadhabee waa’ee intala sanaa yaadaa jira waan ta’eef bilbilicha nan kaasuu hin barbaanne. Waamee waamee ofuma isaa cufate. Xiqqoo turee ergaan gabaabaan naaf seene. Innis ‘dura bokkaa mana keenyatti qophattee turte; ragaalee barnootaa kees as nu biratti dagattee deemte waan ta’eef boru koottu fudhadhu’ kan jedhu ture.

Gammachuu keessa kootti uumamuu danda’u tilmaamuu ni dandeessu. Lafti naaf bari’uu dide. Sa’aatiin isaa natti dheerate. Halkan tokkotti si’a jaha ka’een sa’aatii ilaale. Bari’uun isaa uumama waan ta’eef laa bari’e kaa! Ganamumaan ka’ee gara mana isaaniitti qajeele. Gaafan nagaa gaafadhee mana seenu jaartiin guddoon dhufanii nagaa na gaafatanii seenii taa’i mucaa koo naan jedhan. Nan gammade. Olan seene. Sana booddee meeshaa mana isaaniitti akka dagadhe itti himnaan ‘eeyyeen intalli koo nama maqaan isaa abalu jedhamuuf kenni naan jettee gara hojiitti baate’ naan jedhan.

Meeshicha argachuu kootti gammadee ishii dhabuu kootti garuu keessi koo gadduu nagaan oolaa jedheen bahee deeme. Sana booda bilbila dura naaf bilbilame sanaan waliif bilbiluu jalqabne. Baay’ee taphatti. Akka sodaadhe sana miti. Akka qaamaan wal arginu waliif galle. Guyyaan geenyaan wal argine. Irra deddeebinee waliif bilbiluutti kaane. Adeemsi keenya suuta suutaan gara jaalalaatti geeddarame. Baay’een ishii jaaladhe. Isheenis akkasuma.

Egaa akkaataan kanaaniidha kaadhimaa tiyya sana wajjiin kan wal barre” naan jedhe. Anis wanti isaa baay’ee waan na dinqeef ‘kana booda hoo maal taatan?’ jedheen. Innis;

“Kaadhimaa tiyya sanaan garmalee wal jaallanna. Ilaalchi ishii akka malee natti tola. Nama hunda akkuma haadhaatti jaallatti. Kabajni ishiin maatii ishiitiif qabdu nama ajaa’iba. Yeroo baay’ee maallaqa ofii ishii baastee ‘ijoollee adaadaa*’ ishii hedduu gargaarti. Gaafa maallaqa dhabdu anarraas fuudhaa ergitiif. Kun amala ajaa’ibaa ture. Yeroo ani hojiidhaaf magalaa kana dhiisee iddoo biraa deemu iyyuu naaf bilbiltee ‘maaloo mucaan adaadaa koo tokko gatii mana barumsaa kafaluuf isa hanqatee jiraa maallaqa ergiif’ jettee herreega baankii isaa naaf ergiti turte. Akkaataa kanaan jireenya keenya itti fufne. Gara fuulduraatti wal fuunee namoota rakkattoota hedduu akka gargaarrus waliif galle.
Akkaataa kanaan waggaa afur wal duukaa jiraanne.

Yeroo ani fiildii deemu ijoollee adaadaa ishii waamtee isaan kaan qo’achiisaa, isaan kaan immoo akka isaan bashannanan gooti turte. Ijoollee adaadaa ishii hedduu isaanii nan beeka naan wal barsiistee jirti waan ta’eef. Isaanis naaf bilbilu. Baay’een jaalladhan ture.

Guyyaa tokko garuu wanta ija kootiin arge amanuu dadhabe. Intalti amala qabeettiin sun mucaa adaadaa ishii sana wajjiin osoo isaan taphataniin* arge. (Taphatan* kan jedhu sana irra deebi’aa dubbisaa). Amanuun dadhabe. Mucaan adaadaa ishii kun kanaan duras yeroo ani fiildii deemu naaf bilbilee yoom akka ani galufaa na gaafata ture. Anis firoottan ishii waanan kabajuuf dhoksaa tokko malee itti himan ture. Edaa ijoolleen adaadaa ishii kun dhuguma ijoollee adaadaa turan. Anatu gowwoome malee isaan ijoolluma adaadaa turan. Sana booda maal akkan yaadu beektaa? Baay’ina ijoollee adaadaa ishii gaafan yaadu baay’ina tapha* taphatamees yaaduun jalqabe. Sammuun koo na maraate. Kana booddee ijuma kootiin ishii arguun jibbe. Haala kanaan walirraa adda baane” naan jedhe.

Anis warra kaadhimamtootaa waan xiqqoo gorsuufin barruu kana barreesse. Yaa kaadhimamtoota! Ijoollee adaadaa hin baay’isinaa. Jira mitiiree yeroo tokko tokko ‘mucaa adaadaa koo’, ‘durbii koo’, ‘mucaa obboleessa adaadaa kootii’, ‘durbii koo’, ‘mucaa obboleessa konkolaachisaa eessuma kootii’, …fi kkf’ wanti jettan tokko jira. Maal isiniif godha kun hundi? Eenyutu kaardii siif guute? Mucaa namticha ollaa adaadaa kootii jiraatu tokkoof fira kan ta’uu fi anis kan akka haadhoo (obboleessa) kootiitti ilaaluudha? ‘Ere baakkish?’ Sitti hin hafne dhugaa! Nuutis warri dhiiraa isin gaafachuu hin dhiisnu mitiiree? Eenyuudha inni dura siif bilbile sun? ‘Mucaa namticha yeroo tokko taaksii keessatti wal barree kan fira namticha adaadaa kootiif ollaa ta’e tokkoo; ‘yaaw’ anaafis obboleessuma’ kkkkk. Fira argattee duuteettaam ati. Maal kana hunda nama gowwoomsuun?

Hundaafuu, yaa ijoolle! Baay’ina mucaa adaadaa hir’isaa! Mucaan adaadaa isin hin fayyadu; hariiroo dhugaa akka isin hin qabaanne godha malee. Cubbuu jireenya keessan diigu keessa galtu. Nama salphataa kan abbaan barbaade sa’aatii barbaadetti fedhii isaa isinirraatti fixatee deemu taatu. Kun immoo ulfina akka nama amaneetti qabdan qofaa osoo hin taane kabaja akka namummaatti qabdan iyyuu isinirraa hir’isa. Waaqayyo gaafa nu uumu akka nama tokko wajjiin gaa’ela qulqullaa’aa keessatti jiraannuuf malee akka ‘universal giver/hundaa kennituu’ taanuuf miti. Hundaa kennituun gartuu dhiigaatiif malee qaama keenya kabajamaa sanaaf miti. Dhalli namaa rakkina akkasii keessa jira waan ta’eef beekaman ‘challenge’ isin gochaa jira. Of haa ilaallu. Mucaa adaadaa meeqa qabna? Maal nuuf fayyadaa?

Warri mucaa adaadaa baay’ee qaban hedduun isaanii Waaqayyoon wal lolaniiru, dhibee HIV dhaan qabamaniiru, dhukkuboota wal qunnamtii saalaatiin daddarbaniin miidhamaniiru, gadaamessi isaanii foolii hin taane godhachuun hariiroon isaan nama wajjiin qaban diigameera, dhibee fiistullaatiif saaxilamaniiru, xiinsammuu dadhabaa keessatti kufaniiru, baay’ina wal qunnamtii saalaa raawwatan irraa kan ka’e fedhii isaanii guuttachuuf kallattii Waaqayyo hin eeyyamneen wal qunnamtii saalaa raawwachuu (oral and anal) keessatti kufaniiru, kubbaa seexanaa ta’aniiru, bu’a qabeessummaan isaanii karuma hundaan gad bu’aa deemeera, gaa’ela nama hin amanamne ta’aniiru ….kabaja hawaasa keessatti qaban dhabaniiru.

Egaa inni duraa Waaqayyo kufaatii akkasii jalaa nu haa baasu. Warra kufaatii akkasii jala jiranimmoo akka isaan gara Waaqayyootti deebi’an laphee araaraa isaaniif haa kennu. Warra ganaa lafaa ol dhufaa jiranii fi warra homaa keessa hin galaniif Waaqayyo ogummaa fi hubannaa akka Yoseef haa kennu. Ergaa Ximootewoos isa duraa 6:11 irratti “amalli nama Waaqayyoo wantoota kanneen irraa baqachuudha” jedha. Kanaafuu, yaa dhaloota; diinni saffisa cimaadhaan dhaloota kolaasaa jira. Kan nurraa eeggamu dafnee gara Waaqayyootti baqachuudha. Wal gorfachuudha. Fedhii keenya aarsaa gochuudhaan Waaqayyoon gammachiisuuf jabaachuudha. Waldaa irraa hin fagaatinaa. Sagalee Waaqayyoo dubbifadhaa. Kadhadhaa! Cubbuu ejjaa/sagaagalaa irraa of eeggadhaa!

Waaqayyo araaraa fi ayyaana isaa nuuf haa baay’isu!Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *