Dubartonni Hogganoota ta’u ni danda’uu? Obbolleetti koo Jabaadhu akkii kee hin jiru!

Dubartonni hogganoota ta’u ni danda’uu?
Kan itti fufaame
Kutaa 2ffa Maal irratti hundaa’utiin dubartiin hoggana keessatti qooda hin fudhattu jeedhame?

Dubartiin waldaa keessatti akka gab jettuuf hin abboomamnee?
1Qoro/14/33-35; 1Xim/2/8-15

Dubartoonni walgaii waldoota kristiyaanaa keessatti hin dubbatin. Dubbachuun isaaniif hin tau; akkuma seerri jedhutti haa abboomaman. Wantii isaan baruu barbaadan yoo jiraate garuu, manatti abbaa manaa isaanii haa gaafatan, dubartiin walgaii waldaa kristiyaanaa keessatti dubbachuun isheedhaaf yeelloo dha.” 1 Qor/ 14/33-35
Ammas dabalataan Phaawlos akkana jeedheera: Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul’ise himtu, yoo haguugachuu dhaabaatte garuu, mataa ishee ni salphifti; isheen kun dubartii mataa haaddattee wajjin wal hin caaltu. 1 Qor/ 11/5
Kutaa Macaafa Qulqullu kana lamaan walbira qabnee yaroo ilaallu waan wal faalleessu fakkaata. Iddo tokkotti matumaa hin dubbatiin dubartiin yaada jedhu qaba; iddo tokkotti ammas dubartiin akka kadhattuu fi raajii akka dubbattu dubbata.

Kutaa akkasii kanaaf yaroo hiikaa itti kenninuu eeggannaa gochutu nurra jira. Lakkobsa tokko fudhannee barsiisa (DOCTRIN) gochu hin dandeenyu. Gaaffii kanaa gaditti jiran of gaafachu qabna:

  1. Gutummaatti Kakuu Moofaa fi Haaraa keessatti yaadi Waaqayyoo maal fakkaata?
  2. Kutaan kun yaada gutummaatti Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin wal faalleessa immoo wal sima?
  3. Kutaa kanaan duuraa fi boddeetti maaltu barreeffamee jira?
  4. Eenyutu barreesse?
  5. Essatti barreesse?
  6. Aadaan bara sanaa maal fakkaata?
  7. Maaliif barreesse?
    • Mee duraan durssa waa’ee magaalaa Qorontoosi fi magaalaa Efesoon isiniif ibsuu yaalla. Waa’een dubartoota dubbachu dhowwuu kun amantoota waldoota biyya kanatti argamanif kenname. Nuti hubachu kan qabnuu seenaa magaalota kana lamaaniiti: isaaniis:-
    A. Qorontoos:
    Griikii keessatti kan argamtu, magaalattiin Qorontoos daldaala guddaan keessatti geggeeffama. Magaala kana keessa namoota birmadummaa qabaan gara 250,000 fi garboota gara 400,000 tu keessa jiraata ture. Magaalatti kana keessatti amantii waaqa tolfamtu AFRIDOS jeedhamtuutu keessa ture. Mana sagadaa guddaa maqaa isheetiin hojeetanii itti sagadu. Mana sagadaa isaanii kana keessas kan tajaajilan dubartoota gaalamoota 1000 ol ta’aantu jira. Namoonni AFRODISIIN waaqefatan karaan isaan ittin ishee waaqefatan dubartoota sagaagala kana waliin ciisuudhaan ture. Kanaafu, hamileen (MORAL) magaala sanaa kufee ture. Dubartoonni jireenya sagaagalummaa kana keessaa gooftaati kan amananis baayee turaniiru.

Gara waldaatti yaroo dhufaniis akkuma jireenya isaanii isa duriitti amantoonni xuraa’ummaa isaani itti fufan. Kana malees dubartoonni sun akka barbaadaniitti uffachuu eegalan. Akka bara sanaatti dubartoonni isuma mana sagadaa AFRODISItti baran fidanii mana sagadaa Waaqayyoo wacaan jeequmsaan sirna dhabsiisan. Rakkoon kuunis waldatti kana keessatti rakkina baayyee fi walxaxaaxa guddaa fide. Dubartoonni akka Sagalee Waaqayyoo irraa jedhutti Abbaa manaaf abboomamuun maal akka ta’ee in beekan. Akka aadaa yaroosiitti dubartiin sagaagallii kan isheen ittin beekamtu mataa ishee aguggachu dhiisuudhaan; kanaaf Phawuloos warra gooftaatti amanaan akka mataa aguggatan abbooma. Bara sanatti dubartiin abbaa manaa qabdu tokko akka abbaa manaa qabdu kan isheen ittin muliftu mataa ishee aguggachudhaan. Akkuma bara kana keessa dubartiin heerumtuun tokko warqee qubatti kaaachutin akka heerumte yokaanis akka naqatamte beeksiiftu jechudha. Yaadii isaas dhirri yaroo ishee argu quba ishee ilaalutiin dubartii heerumtuu fi leexaa ta’u ishee adda baafata.

Warra mataa hin aguugganne akka dubartii sagaagaltuutti waan yaadaniif waan biraaf waan isheen kaate fakkaata. Waldaa Qorontoosiif kun barbaachiisaa ture. Phawulos barsiisa Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’udhaan Dhiiraa fi dubartii Waaqayyo attamitti akka uumee itti mul’isuudhaan rakkoo kana akka to’atamu gochu yaale.
Kanaafu, 1 Qor/14/33 irratti dubartiin waldaa keessatti hin dubbatin inni jeedhu jeequmsaa hin uumiin, amala isa mana sagadaa

Afrodis keessatti bartan akka barbaadan wacuudhaan yaroo sagadaa jeequun sirri miti jechu isaati malee isaa dubartiin kadhachuu, raajii dubbachu hadhiiftu jeechu isaa miti.

B. Efeesoon:
Efeesoon keessatti itti dabaluun waaqa tolfamtu kan warra Roomaa DAYAANAA jedhamtuf waaqeessu. Akkuma kana duukaa butonni ishee baayeen dubartoota. Amalli fi deemsi isaani akka Sagalee Waaqayyotti jedhuutti hin jiraatan.
Kana malees waldaa Efeesoon keessatti barsiisi sobaa babalachaa dhufe, baayyeen duukaabuutu barsiisa sobaa ammo dubartoota akka turan hubachu in dandeenya HoE/20; 1Xim/1/4-7,20; 3/11;5/13; 6/3-5; 2 Xim/2/17; 3/6-7
Kutaan kun akkanni jirutti yoo hiiknee barsiisa waa’ee dubartootaa Macaafni Qulqulluu kutaa biraatti barsiisu waliin faallaa nuduraa ta’aa jechudha. Romee 16/1 Qor/11/4-5). Kanaafu kutaaleen kanaa olitti jiran dubartoota hojii tajaajilaa fi hoganaa irraa rawwatee hin ittisu/hin dhowwu. Garuu obbolota akka kanatti amananis ni kabajna.
• Dubartonni warra dhiiraa (abba manaa isaaniif abboomamuun irra hin jiru? 1Qor/11/1-6; Efe/5/22-25; 1Xim/ 2/8-15)
Gaailaa keessatti dhugaadha dhirrii mataa haadha manaatii. Kana jeechuunis hoogana jaalala irratti hundaaee kennu qaba abbaan mana; gadi qabuuf olaantummaaf mirgga kennamee miti.
Abbaan manaa (dhirri) haadha manaa isaa (dubartii) irratti mataadha jeechuun dhiiruma hundumaatu dubartiif mataadha jechu miti. Waldaatti, haawwaasa keessatti kana ta’u qaba jechu miti. Macaafa Qulqulluu keessatti dhirri qoftii hogganaa waldaa haatau kan jedhu bareefamee in arginu.
Eebbifamaa barumsii keenya itti fufaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *