Hariiroo fayyaa hin qabnee

“Mallattoolee Hariiroo Fayyaa hin Qabnee”
Kutaa 2ffaa
Mallattoolee hariiroo fayyaa hin qabnee ilaalchee qabxiilee barbaachisoo ta’an kutaa 1ffaa jalatti ilaallee turre. Warri kutaa 1ffaa hin argatin fuula kana jala seenaa dubbisaa. Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisin kutaa kana hin jalqabinaa. Kutaan 2ffaanis kunooti.

Dhala namaatiif hariiroon baay’ee barbaachisaadha. Hariiroon dhala namaa kun kan barbaachisummaan isaa guutuu ta’u yoo hariiroon sun fayya qabeessa ta’e qofaadha. Kanaafuu, hundi keenya hariiroo fayyaa qabu uummachuu, hariiroo fayyaa dhabe wal’aanuu fi hariiroo hin fayyadne irraa of ittisuu akka qabnu barruuleen kutaa darbee fi kutaa kanaa nu barsiisu.

Egaa hundi keenya hariiroo fayyaa qabu erga barbaanna ta’ee hariiroo fayyaa hin qabnee fi kan nu miidhu akkamiin beekuu dandeenyaa? Mallattoolee hariiroo fayyaa hin qabnee mee akka armaan gadiitti haa ilaallu. Isaanis:

5) Hirkattummaa:-
Hariiroon gaariin tokko kan ittiin beekkamu bu’aa waloo (waliinii) fiduudhaan. Namni hariiroo jaalalaatiin walitti hidhame bu’aa waliinii argata. Yeroo tokko tokko garuu qaamni tokko isa kan biraatti hirkatee jireenya maxxantummaa (parasitic life) jiraata. Yeroo kanatti qaamni inni tokko ni miidhama jechuudha. Namoota lama walitti hariiroo godhatan keessaa lamaan isaaniiyyuu waan qabanii fi waan danda’aniin bu’aa waloof (waliiniif) carraaquu qabu. Asi irratti wanti hubatamuu qabu “anatu si caalaa hojjate; kan kootu caala” jechuudhaan jireenya isaanii wal dorgommii keessas galchuun sirrii miti. Dhibaa’ummaa fi haxxummadhaan inni tokko isa kaanitti hirkatee akka silmii dhiiga saawwan irraa dhugduutti dhuga taanaan hariiroon kun dhukkuba kansarii cimaatiin qabamuu isaati.

Maallaqa walii ilaalanii walitti dhufanii maallaqa sana walirraa nyaachaa hariiroo sobaa keessa jiraachuun du’a. Yoo isin maallaqa qabaattan kan fuudhee sadi dhalches “ani laaxxeedha” jedhee isin jaallata. Nama akkasii kanaan “laaxami ati” jedhaatii ofirraa ari’aa. Kun silmiidha dhiiga keessan dhuguuf malee isin jaallateeti miti. Silmiin faayidaa waloo (mutual benefit) hin beektu ofumaa xuuxatti malee.

6) Wal loluu:-
Namni nama ta’ee namaan wal hin lolle jira jedhee hin yaadu. Haa ta’uu malee osoo beekanii nama kaan miidhuudhaaf lolli godhamu lola hariiroo ajjeessuudha. Lolli yoo uumameeyyuu lola sana gara furmaataatti fiduun dirqamaadha. Sababa garagaaraa funaanaa wal loluun dhukkubsachuu hariiroo sanaa agarsiisa. Namootni tokko tokko gaafa siin loluu barbaadanii sababa dhaban sababa ofii isaanii uummatu. “Bara dheengeddaa yommuu ani eebbifamutti maaliif baga gammadde naan hin jenne” jedhanii lola kaasuu ni danda’u. Sababni akkasii sababa nama hojii hiikeeti malee waan darbe as fidanii balaa ittiin uumuun bu’aa hariiroo fayyaa hin qabneeti.

7) Wal sodaachisuu:-
Yeroo tokko tokko namootni hariiroo keessa jiran wal sodaachisuu ni danda’u. “Yoo ati akkas goote akkas si godha” jechuudhaan.

Yeroo tokko namticha wayiitu intala wayii fuudhuu barbaade. Egaa deemee maatii ishii gaafate. Maatiinis intalti isaanii amala nama wajjiin jiraachuuf ulfaatu akka qabdu itti himanii intala isaanii akka isa hin heerumsiisne itti himan. Namtichis “kan amala ishii anumaaf dhiisaa ani nan sirreeffadha” jedhee isaan amansiise. Sana booda isaanis yaada isaa irratti walii galanii intala isaanii namtichatti heerumsiifatan.

Egaa namtichis akkataa haadha manaa isaa kana wajjiin nagaan jiraatu fala barbaadu jalqabe. Galgaluma gaafa wal fuudhan sana haalli addaa tokko mana isaanii keessatti uumame. Adurreen namtichaa foon cidha sanaaf qalamee ol kaawwame dhuftee suufte. Namtichi adurreedhaan “dhiisi” jedheen. Adurreen garuu suufuu sana ittuma fufte. Namtichis “hin dhiistuu?” jedheen. Isheen garuu ittuma fufuu irrayyuu foon sana nyaachuu jalqabde. Yeroo kanatti haati manaa isaa kan amala hamaa qabdi jedhamte kun waan ta’uuf deemu kana cal jettee hordofti turte. Namtichis adurreedhaan “dhiisi..1, dhiisi .2, dhiisi .3” jedhee hanga sadiitti lakkaa’ee adurreen garuu dhiisuu hin dandeenye. Achumaan shugguxii saanduqa keessaa baasee adurree sana ittiin dha’ee ajjeesse jedhama.

Guyyaa sana irraa jalqabdee haati manaa kun namticha kana garmalee sodaachuu jalqabde. Namtichi kun gaafa haati manaa isaa waa balleessitu “dhiisi..1, . gaafa inni jedhu isheenis akka adurree sanaa shugguxiidhaan lafa na kaa’a jettee waan sodaattuuf amala ishii sirreeffachuu baattus sodaa guddaadhaan wajjiin jiraatan.

Yeroo tokko namootni tokko tokko jaallatanee osoo hin taane sodaachifamanii kan nama wajjiin jiraatan ni jiru. Garuu namni tokko jaalalaan nama kan biraa wajjiin jiraachuu qaba malee dirqamee ykn sodaachifamee ta’uu hin qabu. Wal sodaachisuun akkasii kun jiraannaan hariiroon sun dhibee hamaa jala jira jechuudha.

8) Miidhaa qaamaa:-
Namootni tokko tokko sababii garaagaraatiin hiriyaa isaanii ykn nama hariiroo wajjiin godhatan sana irra miidhaa qaamaa ni geessisu. Qaamni tokko fedhii isaa guuttachuuf humna fayyadama taanaan hariiroon sun balaa guddaa jala jira. Haadha manaa kee ykn hiriyaa kee kabaltee osoo hin taane jaallatteeti kan nama gaarii gochuu dandeessu. Yeroo hedduu abalu hiriyaa isaa akkas godhe, abalu hiriyaa isaatti keemikaala dhangalaase, abalu haadha manaa isaa ajjeesse, .fi kkf ni dhageenya. Isaan kunniin wantoota har’a uumaman osoo hin taane kanaan dura dhukkuba hariiroo isaanii keessa jirutu dho’e (explode) jechuudha. Yeroo baay’ee amalli akkasii warra dhugaatii alkoolii dhuganii fi amala addaa qaban irratti mul’ata. Kun hariiroo sanaaf dhukkuba cimaa dha. Dafee yaala argachuu qaba.

9) Wal qunnamtii saalaa humnaa:-
Wal qunnamtiin saalaa hariiroo gaa’ela keessa qofatti jaalalaan raawwatamuu qabuudha. Gaa’ela keessattis humnaan osoo hin taane jaalalaaniidha kan raawwatamuu qabu. Yeroo baay’ee boo’ichi obboleewwan keenya shamarranii irraa dhaga’amu “humnaan gudeedame” kan jedhuudha. Dirqisiifamanii gudeedamuudhaaf sababiin garaagaraa jiraachuu ni danda’u. Sababiileen humnaa ol ta’an akkuma jiran namni gudeedame sun yeroon inni gudeedamuu isaatiif sababa guddaa ta’us jira.

Ta’us hariiroo tokko keessatti wanti akka humnaan wal qunnamtii saalaa fayyadamuu jiraannaan “you are in danger” obboleettii koo. Hariiroon mallattoolee akkasii of keessaa qabu hariiroo dhukkubsataadha. Hariiroon kun yoo yeroodhaan wal’aanamee fala argachuu baate jireenya namaa balleessa.
Xumurameera!
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *