Arrabni keenya fayyuu qaba?

Arrabi Keenya fayyuu qaba.
Arrabi lafee hin qabu, garuu lafee cabsa jechi jedhu jira.  Kana malees arrabi lafee cabees in fayyisa.

Macaafi Qulqullun bu’aa qaama keenyaa hundumaa kessaa arraba ilaalchisee waan baayee dubbata.  arrabii kee jireenyatis du’aattis sigessu hin danda’aa.  Rakkinni namaa inni guddaan arraba isaa to’achuudha.  Barnooti kuun firdii isinitti faraduuf utuu hin tain attamitti akka arraba keenyatti akka gaaritti fayyadamnu kan itti ilaallu taa. 

Mee akkaataa Waaqayyo itti nama uumenin jalqaba: mataa keenya irra qaawwa torbatu jira.  Lakkobsi torba akka Macaafa Qulqullutti gutummaa kan mulisudha.   Qaawootii kana keessaa sadii xindii dhaan jiru, tokko garuu qofaa isaa jira.  Ija lama, gurra lama, qaawwaa funyaanii lamatu jira.  Inni torbafaa garuu qaawwa tokko duwaa qaba: innis afaan keenya.  Afaan lama utuun qabaadheera ta’ee jedhe namni hawwu jiraa?  Waan jiru natti hin fakkaatu.  Isuma tokkicha kana iyyuu eggachuun rakkisaa nutti ta’ee jira.   Qaawwa mataa keenya irra jiran kessaa inni tokkicha ta’ee uumamee kun rakkina guddaa nurraan ga’u danda’aa.

Macaafi Qulqullun waa’ee qaawwa kanaa yaroo dubbatu: afaan, arraba, hidhii, dubbii, sagalee jedhetu ka’aa. 

Har’aa, Macaafi Qulqullun waa’ee arrabaa fi afaanii wantanni dubbatu gabaabaatti baranna.  Duraan dursine Kutaa Sagalee Waaqayyo keessaa Macaafa Farfannaa 34/ 11-13 yaada jiru dubbifanna.

Kottaa yaa ijoollee na dhageefadhaa; animmoo Waaqayyon sodaachu isin nan barsiisaa.  Nama nanaa ati jireenya hin awitaa?  Waan gaaritti gamaduufis bara dheeraa jiraachu in jaalattaa?  Yoos arraba kee hamaatti, afaan kees soba dubbachuutti eegi!

Sagaleen Waaqayyo kaninni nu barsiisu waa’ee Waaqayyon sodaachuti.  Jireenya argachuuf, waan gaaritti gamaduuf, bara dheeraa gammachuu fi gabitti  jiraachuuf Waaqayyon Sodaachuun murtessaa dha.   Eegerii keenya, dhuma keenya, kan murteessu Waaqayyon sodaachu keenya.

Waaqayyon sodaachu inni jedhu dhoksaa ammas ga’u erga qabaate, sodaa kana attamittin jiru irra olchina?  Sodaa kana attamittin mulifna? Deebiin isaa kutaadhuma amma dubbifanne kana kessa jira.  Innis akkas jedha, arraba kee hamaattii, afaan kee soba dubbachuutti eegi! 

Sodaa Waaqayyo qabaachun keenya kanninni mulatu arraba keenyaa fi afaan keenyaan akka ta’ee Daawit hin dubbata.  Arraba keenya haamaattii, afaan keenyas soba dubbachutti yoo eegne, Waaqayyon sodaachu keenya argisifna jechuudha.   Waaqayyon sodaachun immoo bu’aanni nuu keennu:  jireenyaa fi bara dheeraa gabitti jiraachudha. 

M.Fakkeenya 13/3 akkas jedha:
“Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa in eeggata; namni of eeggachaa hin dubbanne garuu, jireenya isaa ni balleessa.”
Jireenya inni jedhu kuun Macaafa Qulqullu afaan Ingliffaa irraa lubbu(SOUL) jedhe ka’aa.  Lubbu inni jedhu enyummaa nama tokkoti.  Yaroo karaa irraa kaannu, dadhabbiin kaninni mulatu lubbu keenya kessatti; Seexanni kaninni boji’atu lubbu namaati.  Yoo arraba kee eeggatte lubbu kee eegatte jechu dha. Ta’u baannaan garu, lubbun kee balaa hamaatu ishee eegata jechu dha.

M.Fakkeenya 21/23
“Namni afaan isaa fi arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of in eega.”

Rakkinni arrabaan namatti dhufuu tokko lama miti, baayee dha.  Arrabi mana heddu jigseera, mootota walitti naqeera, du’a nama baayeef sababa ta’eera, hiriyyoota walitti naqee nagaa dhowwateera, hidhaatti, ariyatamutti, namoota baayee galcheera. Kanaaf iyyuu arrabi keenya fayyuu qaba. 

Arrabii ebbii keenya akka dhimisee nukessaa badu godha.   Yaroo baayee ebbi Waaqayyo nuu kennes kaninni nuu keessaa goguu; arraba keenya irraan kan ka’ee dha.  Inni arraba keenya keessaa ba’u nu xureessa waan ta’eef eebbi Gooftaa nu keessatti ija naqachu dadhaba.  Inni kunis: nama hadhessu, hamachu, soba dubbachu, dhekkamu, gungumu, faradu, komachu, abaaru, namatti qabachu fi kkf. 

Dhukubi arrabaa akka dhukuba kaani miti, sababiin isaa dhukufachu keenya ofirratti in beeknu.  Keessi keenya xura’aa ta’uu isaa ofii keenya irratti waan hin beekneef, dhukkuba arrabaa keenyaaf namoota kaan yakkina.  Yoo arrabii keenya fayye garuu namoota kaan illee in fayyifna.

M.Fakkenya 18/21 irraa akkas jedha:
“Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu.”

Dunnis jireenyis harka keenya kessa jira. Fakkeenyaaf Rome 10/9-10 irraa akkas jedha:
Yesus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yoo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaase immoo garaa keetti yoo amante fayyina bara baraa in argatta. Namni garaa isaatti amanee qajeelaa taa, afaan isaatiinis beeksisee in fayya.

Arraba keetin dhugaa baate, garaa ketti amanuun fayyita; afaan keetin nama duratti goftaa ganutin badda.  Ati har’aa arraba kee attamitti ittin dhimma ba’aa jirtta?  Dubbin afaan kee kessaa ba’u lafee namaa cabsa moo, nama fayyisa?  Moo arrabi kee akka dhukuba qabu iyyuu ni beektaa laataa? 
Kutaan 2ffaa itti fufaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *