Hattoota Lamaan! Waan Ajaa’ibati

Oduu durii kana enyuutu yaadata lata?
HATTOOTA LAMAAN

Bara durii hattootni lama laga keessa dhokatanii jiraachaa turan. Isaanis guyyaa guyyaa karaa irra dhabbatanii namoota gabaa deeman irraa Qodaa isaaniifi qarshii isaanii irraa saamaa jiraatu. Gaaf-tokko hattootni kun tulluu irra bahanii nama gabaatii galu utuu eeggatanii namicha hoolaa korbeessa adii gaanfa gara bitaan cabaa ta’e tokko finyootti hidhee harkisaa, mataa isaa irratti immoo qabee dammaa kiiloo 10 ulfaatu baatee aduu cimaarraa kan ka’e gatantaraa gabaadhaa galu tokko argan. Yeroo kana hattootni kun akkamitti akka namicha kana irraa hoolaa adii isaafi damma isaa irraa fudhatan wal mari’atan.

Achii hattuu inni tokko gaabii uffaatee karaa irra ciisee yammuu namichi bira ga’u, “obbolesso, na dhiiftee hin darbin. Ani jaamaadha, na fuudhii deemi” jedhee kadhate. Namichis “akkam godheen karaa sitti argisiisa kunoo harka tokkoon hoolaan harkisa harka biroon ammoo qabee dammaa mataakoo irratti qabadheen adeema” jedheen. Hattichis “maaloo! ani finyoo hoolichaa siifan harkisa atimmoo harkakoo naqabattee adeemta jedheen.
Namtichis akkuma hattichi jedhe finyoo hoolaa itti kennee harka isaa qabatee karaa jalqaban. Utuu deemanii hattuun inni tokko laga keessa dhokatee dudduubaan dhaqee finyoo hoolaa irraa hikkatee hoolittii fudhatee sokke. Hattuu inni jaamaa fakkaate sunis takka deemee ka’ee abbaa holichaatiin “obboleesso, finyoon natti salphate hoolaankee nama hin rakkistu” jedheen namtichis yammuu galagalee ilaalu finyoon duwwaa ta’u isaa argee “hin hiikkate? reefuu finyoon sitti salphatee? dudduubatti deebi’een barbaadaa?” jedhee gaafate.

Hattichis “eeyyee, reefuma natti salphate, utuu xiqqoo ishee deebitee barbaaddee hin argatta” jedheen.
Abbaan hoolaas qabee dammaa mataa isaarraa buusee namicha isa jaamaatti kennee “asumatti na eegi damma kana immoo naaf qabi holittii fideen dhufaa” jedhee hoolaa barbaacha duubatti deebi’e. Hattichis yeroo inni xinnoo irraa fagaatu, damma isaa mataatti baattatee fiigee laga keessa galee jalaa bade. Namtichis hoolittii barbaadee waan dhabeef damma isaa fudhatee galuuf yammuu inni deebi’u damma isaas ni dhabe. Baay’ees gaddee harka duwwaatti hafe. Gaafa inni mana gahu, gadda yeroo gaddu agartee haati warraa isaa, maal taate? jettee gaafatte. Innis wanta isa irra gahe hunda, akkamitti hattootni wal ta’anii hoolaa fi damma haati isaa kenna isaniif kennite gowwoomsanii harkaa fudhatan hunda itti hime. Isheenis,”kun safuu dha, garuu homaa miti gaaf tokko hunduu hojii harka isaatii ni argata” jettee isa jajjabeessite.

Hattootni lamaan gara gabaatti deebi’uun hoolaa fi damma namicha gowwoomsanii fudhatan gurguruuf waliigalanii gara gabaatti deebi’anii dhaqan. Yammuu deebi’an sa’aatiin waan deemeef namootni baay’een gabaadhaa galanii namoota xiqqootu hafee ture. Hoolaan adiin kan gaanfi mirgaa cabaa sunis magaalicha keessatti baay’ee wanta beekamtuuf namootni itti dacha’anii asiifi achiin hattoota lamaan gaaffiidhaan ija babaasisan. Hoolaa kana eessaa fiddan? gaanfi isaa maaliif cabaa ta’e? jechuun isaan gaafatan. Hattootnis waa’ee hoolittii homaa waan hin beekneef waan deebisan dhabanii osoo joonja’anii poolisiin dhihootti isaan hordofaa ture tokko itti dhiyaatee gaafa ilaaluu hoolaa adii isuma magaalattii keessatti beekamaa taate sana ta’uu ishee arge, haadhi hoolaas ilma isheetiif kennaa kenniteetti yeroo jedhamu waan dhagaheef battaluma sana hottoota ta’uu isanii baree lamaanuma isaanii hidhaatti galche.

Poolisichis konkolaataa isaatiin hoolaafi damma sana qabatee gara mana namichaatti adeeme. Poolisiin Gaafa mana namichaa soqu, namichi argee, maaltu natti dhufemmoo gadda koo irratti gadda kan biroo naaf dabaluufii laata? jedhee hedduu rifate. Poolisichis olseenee hoolaa fi damma namichaa deebisee kenneef. Namichis gammachuudhaan, akkas jedhe “Yaa waaqayyo, hoolaa fi damma karaa dheeraa kana baachuu irraa nabaraarte” jedhee gammachuudhaan poolisicha galateeffatee qodaa isaa fudhate. MAREE: INNI KANKEE KANKETUMA, Isaa ati itti dafqitee fidee, yeroo ormii sii jalaa nyaatu waaqayyo caalisee hin ilaaluu, dafqii kee, eebbi kee, inni si jalaa samamee sunii sif ha gallu!. Eebbifamaa baay’ee isini jaalladha obbolaa koo 🙏

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *