Dubartii cimtuu ta’i nama jiraate jireenyaa isan fakkeenyumaa gaarii qabu kana irraa ilaalaa!

GORSA MURTEESSAA 3 SHAMARRANIIF

1) Hariiroo gaa’elaa jalqabuun dura yeroo fudhadhuutii Waaqayyoon irratti kadhadhu. Sababiin isaas aniin bu’aa kadhannaati. Jireenya ani har’a qabu kanaaf bu’uura kan ta’e kadhatakoo ijoolummaati. Kanaafuu, hariiroo sirrii jalqabuudhaaf dursa Waaqayyo waliin hariiroo gaarii qabaachuun fedha addaa Inni siif qabu hubachuuf sigargaara.

2) Yeroo hiriyyuummaatti hariiroo hin taane, kan Waaqayyoon hin gammachiisne irraa of eeggadhu. Hiriyaankee wal wajjiin jiraanne malee jedhee yoo sirakkise irraa fagaadhu, hiriyaan akkasii waan barbaadu sana argannaan boru dhimmakee hin qabaatu. Yoo dhuguma sijaallata ta’e yeroo maleetti gaaffii ulfinaa fi eenyummaakee tuqu akkasiirraa of eeggatuu qaba, ati kana jala sararii itti himi. Yoo kana jetteen yeroodhaaf itti dhaga’amuu danda’a, booda garuu dhuguma sidinqisiifata, caalaatti sijaalata, si amanas.

3)Barumsaa fi gorsa galaa borii siif ta’u fudhadhu: Barumsi gaa’elaa Waldaa Kiristaanaa keessatti kennamu baay’ee sigargaaraatii tasgabbaa’ii baradhu. Harmeekee fi namoota gaa’ela isaaniitti fakkeenyummaa gaarii qabanirraa gorsa jireenyakee boruuf ta’u fudhadhu. Sagaleen Waaqayyoo Fakkeenya 12/15 irratti, ‘Nama gowwaatti karaan ofii isaatii qajeelaa in fakkaata, namni ogeessi garuu gorsa in dhaga’a’ jedha. Kanaafuu obboleettiikoo ogeettii ta’i, gorsa gaggaarii fudhadhuutii jireenyakee ogummaan gaggeessi.
Waaqayyo nama sirrii siif haa kennu! Hariiroonkee fi adeemsikee gaa’elaa haa eebbifamu!

𝙙𝙪𝙗𝙖𝙧𝙩𝙞𝙞 𝙘𝙞𝙢𝙩𝙪𝙪 𝙩𝙖’𝙞!
yeroo namoonnii tokko tokko obboloota dhiiraatiin “maal akka dubartii godhataa?, maal akka dubartii ta’aa?” Jedhan isaanittan qaana’a nan aaras. Osoo akka dubartii taatee atuu badhaate jedheen dhiisa!”

Obboleettii koo koottumee dubartii cimtuu ta’i!
Degree, deploma, doctoreti homaa sin gaafatu.
Sadarkuma irra jirtutti cimina kee mul’isi. Yoos
Ni kabajamta .
Ni sodaatamta.
Yaadni kee fudhatama argata.
Ni milkoofta.
Qixa nama kamii jiraatta.

Kanaaf qabxiilee muraasa armaan gadii irraatti xiyyeeffadhu:-
↪️Ofittii amanamummaa qabaadhu.
↪️yaada kee sodaa malee ibsadhu.
↪️ Nama kam faana walitti dhufeenya qabaadhu.
↪️ ofii kee sirriitti eeggadhu.

↪️mul’ata gabaabduu of dura hin kaa’iin.
↪️Haala hundaatti of qopheessi.
↪️Karaa tokko milkaa’uu dhabdeef abdii hin kutiin.
↪️Haala hundumattii akka dandeessutti obsa qabaadhu
↪️Yaada namaa dhaggeeffadhu kan si fayyadu keessaa filadhu.

↪️Hunda faana qalbiin kee hin cabiin kee adda baafadhu.
↪️Har’a qofa miti boruu kee madaali qaroo fagoo qabaadhu.
↪️miidhagina duuba kee qofa miti isa keessa kee sirriitti eeggadhu, qajeelummaa qabaadhu.

↪️Dubartiin ofitti amanamummaa qabdu:-
Hin gowwoomfatu,
Dogoggortu irraa baratti ,
Jecha namaan sammuu ishee hin cabdu,
Hojaattee, dubbattee, yaaddee milkaa’umsa hin dhabdu.

↪️yaada ishee kan ibsattu:-
Dandeettiin ishee daraan dabala,
Fedhiin ishee ni kabajama,
Yaada gaarii maddisiisti
Nama hundaaf marii taatii.
Gammachuu yeroo hunda qabdi,

↪️ namatti kan dhiyaattuu:-
Daftee waa adda baafattii,
Yaada namaa hubatti,
Dandeettii dubbannaa ishee gabbifatti,
Seenaa kaleessaa fi har’aa sirriitti baratti,

↪️Dubartiin haala hundaatti of qopheessite:- daftee waan isheetti dhufuun hin kuftu. Dhaba, qabeenya, qorummasa karaa kaamin ishee mudatu dandeessee keessa darbiti.

Fkn Nama tokko waliin jireenya jaalala cimaa ta’e keessa yoo jiraatte tari boru walitti bu’uun dhufuu mala kanaaf akka gaafas hin miidhamneef har’a of amansiisti, rakkoo booda uumamuuf of qopheessiiti,isheen yaaddeef miti har’a qofa ilaaluun irraa hin jiru waan ta’iif

Harkaa yoo dhabde dandeessee keessa darbiti dhabni jilba ishee hin buusu. Qorumsi dubartummaa isheen ishee mudate kamiyyuu umurii ishee dheera hafe dukkanaan akka xumurtu hin godhu, sana achumaatti irra tartee jireenya haaraa eegalti.
Dubbiin baay’ateef harreetti hin fe’an!
Kanuma hojiirraa oolchaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *