Haaloo hin qabatin dhisii!

“Haaloo hin qabatin”
“Namni maddii kee isa mirgaa yoo si kabale isa gara kaaniis itti qabi.” Mat.5/39

Yeroon itti walitti dhufeenya loltoota Roomaa wajjin qabaniin aariin Yihuudotaa kaka’u jira ture. Waraanni isaanii addaan hirmanii Yihuudaa fi Galiilaa keessa iddoo adda addaa buufachuun isaanii saba sanaaf acuuccaa ture. Sagalee malakataa guddaa dhageessisuudhaan wantota warri Roomaa hundeessan kan mallattoo aangoo isaanii agarsiisu kanaaf akka sagadan yeroo gaafataman itti hadha’a ture. Saba sanaa fi loltoota sana gidduutti walitti bu’iinsi yeroo baayyee waan uumamuuf jibbi isaanii dabalaa deemeera. Yeroo tokko tokko warra Roomaa keessaa kan aangoo qaban loltoota isaaniitiin marfamanii dhufanii Yihuudota warra maasii namaa keessa hojjetanii bulanitti ba’aa ulfaataa fe’anii gaara ol baasan ykn hojii ulfaataa sana fakkatu ajaju turan. Kun immoo barmaataa fi seera warra Roomaa ture. Waan kanaan mormuun immoo hammeenya guddaa ofitti waamuu dha. Guyyaa hundumaa onnee Yihuudotaa keessa kan jiru hawwii waanjoo warra Roomaa of irraa fonqolchuu ture. Keessumaa warra Galiilotaa keessatti yaadni kun faca’eera. Qifirnaahom daangaa irra waan jirtuuf magaalaa teessuma warra Roomaa turte; barsiisa Yesuus keessatti illee bakka gadi qabamuu Israa’el ta’uu ishee dhaggeeffattoota Isaa yaadachiiseera. Sabni sun Yesuustu koora warra Roomaa kana cabsa jedhanii abdiidhaan eegaa turan.

Yesuus ija addaatiin waan garaan isaani itti midhamee jiru ilaale. Hafuura ijaa baafannaa fi fedhii aangoo ittiin diina isaanii kana cabsan qabaachuuf isaan qaban isaan keessatti hubate. Sagalee gaddaatiin akkas isaaniin jedhe, “Hamaadhaaf hamaa hin deebisin: nama maddii kee isa mirgaa si kabaleef, maddii kee isa bitaa itti qabi.”

Dubbiin kun barsiisa Kakuu Moofaa wajjin kan wal faallessuu ture. Seerrii akkas jedhu jiraachuun isaa dhugaa dha, “Isa ija jaamseef ija, isa ilkaan cabseef ilkaan” (Lew 24/20), kun seera Museetti kenname keessa tureera; haa ta’u malee, kun qaama raawwachiisu qaba. Dubbiin Waaqayyoo akkas jedhu waan jiruuf namni tokko illee ofii isaatii ijaa baafachuudhaan qajeelaa hin ta’u, “Deebiseen hamaa irratti hojjedha hin jedhin.” “Ati waanuma namni ana hojjeten isa hojjedha hin jedhin.” “Diinni kee yoo kufe hin gammadin.” “Diinni kee yoo beela’e buddeena inni nyaatu, yoo dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.” Fkn 20/22; 24/29, 17; 25/21, 22.

Jireenyi Yesuus lafa kana irratti dabarse hundinuu kana kan mul’isu ture. Fayyisaan keenya kan Inni mana Isaa isa waaqa irraa dhiisee dhufeef diinota Isaatiif buddeen jireenyaa fiduuf dha. Amma Isa owwaalanitti yeroo Isa ari’achuudhaan Isa dhiphisan kan isaan irraa dhaga’an jaalala Isa araara isaaniif godhu dha. Karaa Raajicha Isaayyaas akkas jedhe, “Ani dudda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan qabe, fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga’isan jalaa hin dhoksine.” “Isa ni cunqursan, ni dhiphisanis, Inni garuu homaa tokko iyyuu hin dubbanne, akka ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti ni oofame. Akkuma hoolaa yommuu rifeensa irraa muramu cal jettuus Inni calluma jedhe malee afaan Isaa hin saaqqanne.” Isa 50/6; 53/7 Akkasumas fannoo irraa taa’ee warra Isa fannisaniif araara gaafate. Hattuu Isaa wajjin fannifameefis abdii kenne.

“Namni maddii kee isa mirgaa yoo si kabale isa gara kaaniis itti qabi.” Mat 5/39
Argamuun Abbaa Kiristoosiin waan marseef wanti biraan itti hin mul’anne, jaalalli Isaa inni dhuma hin qabne akka Inni biyya lafaa eebbisuuf Isa kakaase. Maddi jajjabina Isaatii kana ture; Nuufis har’a akkasuama. Namni Hafuura Kiristoosiin qabu Isa keessa ni jiraata. Inni isa marsee waan jiruuf, ba’aan isaaf qophaa’e Fayyisaa isaa irra buufata. Wanti gara isaa dhufu hundinuu Kiristoos biraa dhufa. Inni hamaadhaaf hamaa deebisuun isa irraa hin eegamu; Kiristoostu irraa deebisa. Eeyyama Waaqa keenyaa malee kan isa tuqu tokko illee hin jiru, warra heyyamaman ” hundumaa” keessatti, “Warra isa jaallatan hundumaa gargaaree gara waan gaarii hundumaatti isaan geessa.” Rom 8/28

“Namni yaa’ii si irraa qabaatee qomee kee yoo si irraa fudhachuu barbaade kootii kees dhiisiif. Namni tokko akka kiilo meetirii tokko duukaa dhaqxuuf yoo si dirqisiise akka Kiilo meetira lamaa duukaa dhaqi.”

Yesuus bartoota Isaatiin, qooda diinota Isaaniif hamaa deebisuu, amma isaan gaafatanii ol akka raawwataniif isaanitti hime. Kanaaf, amma danda’ametti yooma seera biyya sanaatiin kan mormu ta’e illee waan ajajaman hunda raawwachuutu isaan irraa eegama ture. Seerri Museedhaan kenname hiyyeessotaaf ilaalcha gaarii qabaachuun akka irra jiru gaafata. Yoo hiyyeessi tokko liqii liqeeffachuudhaaf akka qabsiisaatti uffata isaa kenne, nama liqii liqeessuuf uffata sana fudhachuuf mana hiyyeessicha akka seenu hin heyyamamu; akka inni fiduufitti karaa irra dhaabatee isa eeguu qaba. Haala kamiin iyyuu yoo ta’e, kan qabsiisi sun nama sanaaf deebi’uu qabu halkaniin dha. K,Deb/ 24/10-13 Bara Yesuus lafa kana irra turetti seerri ho’a of keessaa qabu kun baayyee hin kabajamu ture. Haa ta’u malee, ammam illee waan seerri jedhuun ol yoo ta’e waan isaan murteessan raawwachuu akka qaban bartoota Isaa barsiise. Waan isaan qaban keessaa gar tokko illee yoo isaan gaafate, kennuu qabu. Liqeessaa sanaaf amma deebi’uufiin irra jiru ni deebisu, yoo barbaachisaa ta’es hanga seerri isaaf murteesse caalchisanii kennuu qabu. “Yoo namni kam iyyuu yaa’iitti si geessee kootii kee si irraa fudhachuuf si gaafate, qomee kee itti dabalii kenniif.” “Yoo waan akka kiilo meetira tokkoo akka wajjin deemtuuf yoo si gaafate, ati immoo akka kiilo meetira lamaa wajjin deemi.”

Yesuus itti dabalee, “Nama liqii si gaafateef liqeessi, deebiftees irraa fudhachuuf isa hin gaafatin.” Museenis kana barsiiseera. “Obboloota kee keessaa inni tokko dhabaa yoo ta’e garaa itti hin jabaatin; harka kee diriirsiif, wanta barbaachisus amma barbaachisutti liqeessiif.” K,Deb/15/7, 8/ Eertuun kun jecha Yesuusiin ifa taasisa. Yesuus kan gargaarsa si gaafatu hundumaaf calluma jedhii kenniif hin jenne; kan Inni jedhe, “Amma isa barbaachisu liqeessiif;” kun immoo liqii ta’uu irra kennaa haa ta’u jedhe; sababiin isaa, “Nuuf baasu jettanii utuu hin abdatin liqeessaa” jedha waan ta’eef. Luq/ 6/35“Namni ofii isaa wajjin kennaa kennu siinis, ofii isaas, olla isaa isa beela’ee fi anaan nyaachisa.”
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *