HARMEE OGEETTII KAN MUCAA ISHEE AJJEESE AJJEEFTE!

HARMEE OGEETTII, KAN MUCAA ISHEE AJJEESE, AJJEEFTE!!!

➲ Harmee ogeettii tokkotu turte. Ogummaan harmee kanaa baay’ee nama ajaa’iba.

Yeroo ta’e, namni tokko mucaa ishee waraanuun ishee jalaa ajjeese. Ajjeesaa mucaa ishees, suuta suuta, yeroo eeggatteetu galaafattee- ajjeeste!

“Kan mucaa ishee ajjeese ajjeesuun ogummaadhaa? Yoomii kaasetu nama ajjeessuun ogummaa ta’e? Ajjeesaanis ogeessa jedhamee waamamee?” akka jechaa jirtu shakkii hin qabu. Kun, anattuu akkanuma gaaffii ta’ee ture. Akkana ture dubbichi:

➲ Biyya Ameerikaatti haadha ilma xiqqaa tokko qabdutu turte. Guyyaa tokko oduu gaddaatu gara ishee dhaqe. Kunis, ilmi ishee kun biillaadhaan waraanamee afaan du’aa irra akka jiru. Bifuma gaddisiisaa kanaanis lubbuun isaa darbe. Yeroon booda, namni mucaa ishee ajjeese murtiitti dhiyaate.

Namni ajjeese kunis, ijoollee ganna 14 hin caalledha. Yeroo kana harmeen kun, ija mucaa ilma ishee galafatee kanaa ilaalaa, “Ana amani, anunatu si ajjeesa” jechuun itti dhaadatte.

Murtii waggaa saddeetii fudhachuun, gurbaan gara mana sirreessaatti fudhatame. Yeroo mana hidhaa kana keessa jiru kana, namni deemee isa gaafatu tokkollee hin turre. Kan baay’ee nama ajaa’ibu garuu, harmeen ilmi ishee jalaa du’e kun deddeebitee isa gaafatti. Waan isa barbaachisus geessuufii itti fufte. Wanti ta’aa jiru kun, gurbaatti gaaffii guddaa uumuun isaa wal nama hin gaafachiisu.

Utuma akkanaan jiranii, turtiin adabbii isaa ni dhumate. Yeroo kana gaaffii tokko gaafatteen; “Yeroo asii baatu maal dalagda?” Innis akka waan hojjetu homaayyuu karoorfatee hin jirre isheetti hime. Sanaan booda, akka ofitti fudhattee haala hojii mijeessuufii dandeessu edda hubachiifteen booda, gara isheetti fudhatte. Haala hundumaas mijeessiteefii hojii isaa itti fufe.

Yeroo muraasaa booda, gurbaa sana ofitti waamtee, “Waanan yeroo tokko, yeroo mana hidhaa seenuuf jettu siin jedhe ni yaadattaa?” jetteen. Gurbaanis boquu isaa gadi cabsee, “Eeyyeen nan yaadadha. Akkamittiinan hirraanfadha!” jedheen.

Isheenis deebiftee, “Anis akkuman jedhe godheen jira. Kan mucaa koo ajjeese ajjeeseera” yeroo jettu mucaan rifannaa guddaadhaan gara ishee ilaaluun, “Maali anoo jira, yooman du’e?” jedheen. Isheenis, “Kanan ajjeesuu barbaade foon kee osoo hin taane, eenyummaa kee isa ittiin mucaa koo ajjeeftedha. Kanas immoo, guyyaa ati hidhamtee kaasee deddeebi’ee si gaafachuu fi gaarummaa sitti agarsiisuuni.

Ati guutumaatti jijjiiramtee jirta; nama mucaa koo ajjeese sana miti. Kan mucaa koo ajjeese sun du’ee jira!” yeroo jettuun, imimmaan qabachuu dadhabe. Walittis marmani! Guyyaa sanaa kaasee, akka haadhaa fi ilmootti waliin jiraachuu itti fufani. Akkanaan, harmeen ogeettiin ajjeesaa ilma ishee ajjeefte.

Jireenya keenya keessatti waa adda haa baafannu, waanti nuunis ajjeesee, namoota kaanis akka ajjeefnu nu godhe jibbadha.Eeyye Jibba dhukkuba hammaataa numti off keessaa ajjeesu qabnudha.Offkeessaa qofaa osoo hin taane nama kan biraa keessaa ajjeesuuf illee dandeetti qabna.Eeyyee Dandeetti qabna;jaalalaan dhukkuba kana ajjeesu dandeenya.

Waanan jechuu barbaade ifaadha!
➛ Ajjeesaa jireenya keenyaa adda haa baafannu. Ajjeesaan beekumsa, qabeenya, gammachuu fi yeroo keenyaa inni sirriin eenyu? Namni tokko dhukkubsatee mana yaalaa yoo deeme, ogeessi fayyaa dhukkubicha balleessuuf nama yaala malee nama sana miti.
➛ Eeyyeen, kan dhabamsiifamuu qabu nama badii raawwate yookaan kan hammeenyi keessan mul’ate osoo hin taane, badii isa nama keessaati. Hamaan nama keessaan dalagamu, namni hamaa ta’uuf ragaa miti. Kanaafuu, ajjeesaa isa ta’e qofaa haa ajjeefnu!
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *