Hiriyyonni warra mul’ata kee wal’ansoo qaban

1,Hiriyyonni warra mul’ata kee wal’ansoo qaban akka hin taneetti,warra kallatti adeemsa isaani kan kee wajjiin tokko ta’e filaadhu.(Dr.Maayles Muunro)

2,Addunyaa kana irra namoonni milkaa’oo ta’anii jiraata jiraan,warra ganama hirribaa ka’aanii haala mijaataa yoo dhaban,haaluma rakkisoo gara haala isa mijaatatti jijjiruuf jabaatani hojjataniidha malee,warra yeroo hundumaa haala mijaataa argaatanii keessa jiraatan miti.(George Bernans)

3,yoo nama waggaa tokko achi fageesse yaadu taate sanyii facaasi,yoo sanyii facaaste yeroo tokkicha irraa argatta.
Yoo nama waggaa kudhaan achi fageesse yaaddu taate biqiltuu dhabi,yoo biqiltuu dhaabde dachaa kudhan irraa argatta.
Yoo nama waggaa dhibba achi fageesse yaadu taate immoo dhaloota barsiisi,yoo dhaloota barsiiste dachaa dhibba irraa argatta.(Chaayinoota)

4,Mirri injifannnoo kan madaalamu injifachuu qofaan utuu hin taane,yommuu kufaanis ka’uuf tattaaffi godhaniin madaalama.(Oliiver Gold Ismiiz)

5,Waantota amma ammatti hin danda’amu namni jedhu keessa baay’een kanneen amma ammatti hin yaalamin jiraanidha.(Jiim Goodwin)

6,Gabbiin kan nu qunnamu yeroo wanta darbe irraa hin baratin hafnuudha,ati immoo kaleessaf gabbuu dhiisi abdii haaraadhan gara fuula kee duraatti hixaadhu malee,kufaati kaleessa boddee deebitee hin farsiin.(kaatiran puulsifer)

7,Mo’amtonni kaleessa keessa jiraatu,mo’attoonni garuu isa darbe irraa barachuudhan guyyaa har’a irra ta’anii gammachuudhan guyyaa boriitiif hojjetu.(Deniis waitley)

8,haala jireeya ofii ilaalani aaruu fi hidhii xuxuun(gungummaa) jiraachun diina dhala namaa warra gurguddoo keessa isa tokkoodha,diina kanaaf dabarsinee yoo of keennine adduunyaa kanarratti waan tokko illee hojeechu hin dandeenyu.(Hellen Keller)

9,ifa qabattee dukkana ibsuu dandeessa,dukkana qabattee garuu ifa dukkaneessu hin dandeessu.(Kakuu Obsuu)

10,Imaanaa nyaachun imimmaan nyaachu caala eenyumaa ofii nyaachudha.(Kakuu Obsuu)

Maaliif akkasitti qabdee wal hutaa?
silaa bara baraan hin jirattu hinuma duta
Tarii kan kee barri siif kenname addaa?
yommuun itti yaadu waa’ee kee kana baay’een gadda
In dhukkubsaattatti yoo sii ilaalan fayyaa
In maraattetti qullaa miti of irraa qabda wayyaa
Egaa eenyu siin jedhuree yaa haadha jibbaa?
Amalli kee silaa nama hin galu tokkos miti dhibba

Maalif waalitti tanaa garuu gufuufi tabba??
Hunduu silaa dhaala hin qabnu, kan jirru biyya hambaa
Maal waal qoduun jedhanito obboleessa ,lammi,fira
akkas ture Silaa ,kan jibbamuu qabu shira
jaalala ari’ee namni ofi isaa keessaa
Maalif garuu jibba keessummeessa?
jedhe namni qabeenya darbu fixeensa
sanyiin maal ta’eeti sanyii akka isaa balleessaa?
kan waal tumsuu malees walitti hammatee
Garagalto ta’ee qubeellatu quba nyaate
waliittis ta’u didaani kan akka kirrii fi lilmoo
Kan wal jibbees orma miti haadhafi ilmoo
Jibbis kanaaf nutti qabatee akka haphee
Kootta mee ni geeddarannaa yaada laphee

Guyyaa tokko oduu ajaa’ibaa tokkotu dhaga’ame .
innis biyya tokko keessatti Addurreen suufi uffattee,karabataa hidhattee ,ibsaa qabattee(shaamaa) namoota baay’ee dukkana( halkan) keessa ta’anii soorata(midhaan) nyaatanif ibsiti turte.Namoonni kunneenis waa’ee Addurre kanaa baay’ee dinqisiifatu,isaan duwwaas miti namoonni biyyoota garagaraa illee waa’ee Addurree tana yeroo dhagaa’an ni ajaa’ibsifatu.
Egaa guyyaa tokko namichi biyya biraa tokko waa’ee Addurree tana dhagaa’e badhaasuf badhaasa qopheeffate gara biyya isheen jirtuu kana imaale .akkuma achi ga’eenis akkuma dhagaa’e wan ajaa’iba Addurreen suufii uffatte ,karabataa hidhattee,ibsaa qabattee namoota baay’eef ibsiitu arge.wan nama dinqu namoonni sun Addurritti dinqisiifachun irratti of gatanii turan .egaa namichis badhaasa qabatee dhaqe kana

Addurree tana fulduraatti darbate Adurreetinis ibsaa gad dhiiste waan darbatame kana ari’uu dhaqxe,wanti akka badhaasatti namichi qopheesse dhaqee itti darbate kun hantuuta ture.kanaaf Addurreen biyyi ajaa’ibsifatu hantuuta argannan ibsaa gad dhiiste.Namoonni kunneenis osoo hirbaata nyaacha jiraani wanti isaan hin eegne isaan mudaate dukkanatti hafan .Addurreen isaan dur ajaa’ibsifatan ibsaa gad dhiistee hantuuta ari’uu jalqabde.
Hub:1,suufii uffatte ,karabataa hidhattee ibsaa qabatte ibsite malee Addurreen Addurreedhuma keessi ishee hin geddaramne(amalli amaluma Addurreeti).
2,inni adda baasu danda’u dhuufnan Addurreen ni salphatte ,warri ishee ajaa’ibsifatanii irratti of gatan hundinuu dukkana keessatti hafan.
fakkeessu fi akkeessun ajaa’ibsifatamun amma inni dhugaa mul’isu dhuufutti.
wanti ajaa’ibsifatamu hundi gaarii miti tarii dhumni isaa dukkana ta’uu danda’a.
Raajota sobaa irraa illee of eggadhaa akka dukkanatti isin hin hambisne.
(Maatewos 7 )

15 Yesus itti fufee, “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa, isaan hoolaa fakkaachuudhaaf raroo hoolaa uffatanii gara keessan in dhufu; keessa isaaniitiin garuu yeeyyii butatanii dha.
16 Ija hojii isaaniitiin isaan in beektu; ija wayinii baalaan-waraanteettii, harbuus kosorruuttii ciruu dandeessuu ree?
17 Akkasumas mukti gaariin ija ba’eessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata.
18 Mukti gaariin ija hamaa godhachuu, mukti gadheenis ija ba’eessa godhachuu hin danda’u.
19 Mukti ija ba’eessa hin godhanne hundinuu in murama, ibiddattis in naqama.
20 Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu” jedhe.

GALAA SAMMUU!
👉Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuu dandeenyu,yoo dhiifne burqaa gammaachuu tokko akka gogsine beekuu qabna.(Reyliiman Wiilber)
👉Gammaachuu fi shiittoon wal fakkaatu,osoo namootaf biifanii ofiifis ni urgeeffatu.(waaltoo Imarsaan)

👉Gaafa dhaabde dinaan jaallatamtee firri si jibba,Gaafa argatte immoo firaan jaallatamtee dinni si jibba,firaas ta’u dinas ta’u lamaan isaani iyyuu haala fi faayida isaan irraatti hunda’u ,Ati garuu qajeelumma fi garuumma irratti hunda’i dhumarratti injiifatan suma ta’a.(Kakuu Obsuu)
👉kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’a balleessudha.(Maaksim Troobey)

👉Hiriyyonni warra mul’ata kee wal’ansoo qaban akka hin taneetti,warra kallatti adeemsa isaani kan kee wajjiin tokko ta’e filaadhu.(Dr.Maayles Muunro)
👉Addunyaa kana irra namoonni milkaa’oo ta’anii jiraata jiraan,warra ganama hirribaa ka’aanii haala mijaataa yoo dhaban,haaluma rakkisoo gara haala isa mijaatatti jijjiruuf jabaatani hojjataniidha malee,warra yeroo hundumaa haala mijaataa argaatanii keessa jiraatan miti.(George Bernans)

👉Ifa qabattee dukkana ibsuu dandeessa,dukkana qabattee garuu ifa dukkaneessu hin dandeessu.kanaaf dukkana ibsuu yoo barbadde ifa qabadhu(Kakuu Obsuu)
👉Gabbiin kan nu qunnamu yeroo wanta darbe irraa hin baratin hafnuudha,ati immoo kaleessaf gabbuu dhiisi abdii haaraadhan gara fuula kee duraatti hixaadhu malee,kufaati kaleessa boddee deebitee hin farsiin. (kaatiran puulsifer)

👉Nama carraa jireenya qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee ba’a.(Araboota)
👉Dandii bakka yaadde si geessitu osoo hin beekin adeemsa hin jalqabi.(Ingilizoota)

👉Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuuf yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisu danda’utu si dura dhaabata.(Antuwan Tekov)
👉Namni namoota injifatu nama cimaadha,namni ofii isaa injifatu immoo nama hundumaa caala cimaadha(laawoo 8ffaa)

👉namoonni dhukkubaan hin du’an ,dhiphina keessa isaaniitin malee(Wiiliyaam muuldan)
👉waa’ee keef ragaa nama biraa hin barbadiin ,dhuguuman ati nama mul’ataa yoo taate hojiin kee siif ragaadha.(Kakuu Obsuu)

👉qooda haaloo namatti qabannu osoo mul’ata keenyatti haaloo qabanne silaa gaara rakkinaa hedduu jigsina turre.(Kakuu Obsuu)
👉Imaanaa nyaachun imimmaan nyaachu caala eenyumaa ofii nyaachudha.(kakuu Obsuu)
👉Dafqi bara dargagguumma hin cophne; bara dullumaa imimmaan ta’a.!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *