Kunis ni darba! Seenaa barumsaa of keessaa qabu!

Kunis ni darba !
Yeroo tokko akkas ta’e…. Namicha Hiyyeessa tokkotu lafa isaa qotachuuf ka’a. Garuu Qotiyyoo tokko qofa waan qabuuf, waanjoo karaa tokkoon qotiyyoo irra kaa’ee, tokko ofii jala seenee qotachaa jira. Namni biyya daawwachuuf achiin darbu tokko, gochaan isaa kuni isa ajaa’ibsisee ” akkamitti dandeessa ? Gara fuulduraa hoo akkanatti akkamitti itti fufta ? Ni miidhamta ! ” jedheen. Hiyyeessichi kunis ni darba jedheenii hojii isaa itti fufe. Namichis deeme.

Waggoota muraasa booda namichi suni akkuma kana duraa daawwiif gara biyya sanaa yeroo deemu, mee namicha qotiyyoo wajjin waanjoo ofirra godhee qotaatii kunis ni darba naan jedhe suni maal irra akka gahen ilaala jedhee yoo iyyaafatu ” innoo cimee hojjetee waan sooroomeef mootii guddaa ta’eera ” jedhaniin. Namichis gara mootichaa deemee yoo ilaalu, dhuguma mootii ta’ee arge. Sana booda bara tokko dhufee karaa qa’ee keetii yeroon darbu qotiyyoo tokkoon qottaayyu. Gara fuulduraa akkamitti jiraatta jennaan ni darba jette. dhuguma darbe. Baga gammadde jedheen. Mootichi deebisee inni kunis ni darba jedhee.

Ammas turtii booda namichi mooticha bira yeroo deemu achii isa dhabe. Eessa dhaqe jedhee yoo iyyaafatu ” innoo namoonni irratti fincilanii mootummaa irraa kaasanii inumayyuu isa ajjeesan” jedhaniin. Namichis iddoo awwala saa na geessaa jedhee yoo deemu, awwaala isaa irratti barreeffamni ” Kunis ni darba” jedhu barreeffamee jira. Achii namichi erga du’ee boodamoo maaltu darba ? Du’a caalaa darbuun maaltu jira ? Jechaa qoosaa deeme.

Kan nama ajaa’ibu garuu turtii booda daawwiif kan deemu suni mee inni namichi suni awwaalarratti kunis ni darba jedhee barreesse akka darben ilaala jedhee yoo achiin darbu, iddoo awwaala isaa sanirra daandiin ba’ee, awwaalichi ka’ee isa eege. Achii dhuguma wanti hin dabarre hin jiru jedhe jedhama.

Xinsammuu
↪️Jireenyi waliitti dabalama wantootaati:-
Rakkina qaba
Bal’ina qaba
Salphina qaba
Ulfina qaba,warra kanaatuu walitti dabalamee jireenya hiikkaa qabu fida.

👉nan kufe jettee hin sodatiin kufaatiin dhuma jireenyaa miti.ulfinatu naaf dhufe jettee hin booniin. Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.isa ta’uuf dhalattee osoo hin ta’iin hafuun kufaatiidha.isa ta’uuf dhalatte ta’uuf immoo, rakkina keessa darbuun dirqama.

👉Daqiqaa shan keessatti waan waggaa digdamii shanii hojjachuu yoo dadhabneellee, waan waggaa digdamii shan hojjanne balleessuu dandeenya!(Kakuu Obsuu)

👉Ka’umsa kee jijjiruu dhiisu dandeessa jireenya kee fulduraa garuu jijjiruu dandeessa( Napollehon)

👉Namoonni baay’een waan barbaadani hin argatani sababiin isaa waan barbaadani hin beekani

👉Qabeenyi guddaan ati qabdu sammuu keeti kanaaf sammuu keef ofeeggannoo guddaa godhi wanta har’a itti kufaattu bor ni baafatta waan ta’eef har’a maal akka itti kufaachaa akka jirtu beeki!

👉Hilleettii(Rabbit) lama si’a tokkon qaba jettee yoo duuka buute ,lachuu ishee qabuu hin dandeessu.

👉 Barbaadamaa ta’uudhaaf barbaachisummaan kee baramuu qaba.

👉Sabni itti gaafatamummaa isaa hin beekne, waanuma geggeessan isaa raawwate hunda shakkii tokko malee raawwachuu barbaada.

👉Geggeessaa dhabuun abaarsa, garuu immoo geggeessaa hin taane qabaachuun immoo abaarsa abaarsa caaluudha.

👉Mul’ata hanga du’aatti gatii sii baasisuu hin qabdu yoo ta’e,jiraachuun kee bu’aa hin qabu.

👉Wanti salphaatti dhufe fagoo hin ga’u ,wanti fagoo ga’e salphaatti hin dhufne.

👉Geggeessaan yaada moofaa qabu, bara adduunyaan qilleensa irra oofamaa jirtutti dhaloota lafa irra oofa.

👉Hiyyeessi kan uffata xurii osoo hin taane kan yaada(ilaalcha) xuriiti.(kakuu Obsuu)

↪️ Egereen biyya kanaa harka kee keessa waan jirtuuf dubbii kanaan sammuu kee leenjiis, ni milkooftas, nan amana itti gaafatamummaa baay’eetu si eggata.

Mukaa’uufi Miira yaadda’uu iitisuuf
Lubaa fi beekaa biyya Biriteen kan ture Burton,beekumsaa fi qaroomina dhala namaafi wal’aansaa irratti bara falaasama Giriik durii ture irraa kaasee waan waggoota kuma lamaaf biyya lafaa kannarra ture walitti qindeessuun jaarraa 17ffaa keessa kitaaba kana qindeesse.

Barreessaan kun ofiisaatiis rakkoo mukaa’uu fi miira gaddaa fi gadadoo yaada hammataa keessa ture.waa’ee ofii isaa irraas beekumsa guddaa horateera.
Kitaaba kana Gaazexeessituun biyya iskootland Amy Liprot kitaaba kana irra deebin bara 1960 maxxansiteetti.
Maloota furmaata Mukaa’uu shan

↪️1,Miira Ofii hubatanii of _bashannansiisuu
Rakkoon mukaa’uu fi gadduu dhibee dhaalaan darbuudha jedha kitaabichi.
Har’as mukaa’uun dhaalootaan akka dhufuu fi haala naannoorraa kan mudatu ta’uun ni beekama.Ani illee kana beeka!
Ani akka kootti namoota wajjiin hariroo gaarii qabachuun furmaatan jedha.

↪️2,Faayidaa bishaan qorraa
Yuunivesiitii portsmouth biyya UK keessatti argamutti Daarektara Qorannoo Laabratoorii haala naannoo kan ta’an Dr.Mike Tipton’bishaan qorraa barannaan miirri mukaa’uu namarraa ka’a.haala kanaan fiiziyooloojii fi seelii ofii wal’aanuun ni danda’ama.bishaa ho’aa caala qorraan qaama dhiqachuutu caala gaariidha jechudha.

↪️3,Umamaatti michoomuu
Pirofeesarri Simon Hiscock Daarektara iddoo kunuunsa biqilootaa Okfoord kan UK keessatti argamuuti.biqiloonni waan nyaatamaniif qofa nama hin quufsan kan fooliifi qaqqabannaan isaanii dharraa nama baasu hedduudha jedhe.

↪️4,Rakkoo qooddachuun rakkoo salphisa
“karaan ittiin rakkoo nurra tuulame salphisnu yaada keenya hiriyoota keenyaaf qooduudhaani,ofii keenyaaf qofa ofirratti feenee baannee deemuudhaan miti”jedhe.
Namoonni jireenya kophaa fi dhuunfaa filatan kanneen rakkoo mukaa’uuf saaxilamaniidha.har’a rakkoo mukaa’uu fi yaadda’uun qabamtee mana yaalaa yoo deemtu doktarri akka biyya keenyatti dawwaa siif ajajuu danda’a, garuu biyyoonni akka Denmaark,kanaadaa fi UK hariiroo hawaasummaa cimaa akka qabattu si gorsu.hariiroo jaalala nama hunduma wajjiin qabadhun jedha anis.

↪️5,Hojii Ofirra hi tuulin,hojii malees hin taa’in
Haati too yoo duute nattis hin himinaa ,nas hin dhooksinaa akkuma jedhe leenci,hojii malee taa’un maraatummadha,hojii ofi irra tuulinis akkasuma hojii tokkoofi lama akka malee yoo of irra tuulle wantoota nu barbaachisu biroo daganna.kanaaf hojiin keenya madaala yoo eege wayyaa.
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *