Jecha namaaf waan naannoo kee jiruun abdii hin kutin!

Jecha namaaf waan naannoo kee jiruun abdii hin kutin!. Hedduun keenya jecha namaan, waan naannoo keenya jiruun jireenyaaf haala kamirraa iyyuu abdii kutanna. Afuura Dureen baafattu, ilaalchaaf imimmaan ishee callisee cophu keessatti abdii kutannaa hin fayyinen arge.

Amma akkamiin ishee fayyisu? Akkamiin yaada ishee jijjiiree haaressu? Jedheen of gaafadha. Yeroo baay’ee waa’eekoo ni beekti. Ani nama rakkinakoo garaatti qabatee ittiin dhukkubsachaa jiraatu miti. Barsiisonni iccitiinkoo hunda alaa haga gola mana keenyaatti isaantu beeka

Kanaafan ba’aa meeqa baadhee garummoo fayyaadha. Gorsiif iftoominnin barsiisota koo irraa argadhu rakkoon dhuunfaatti qabu mara na dagachiisee barnoota kootti na fuulleffachiisa. ‘Marree durees fuudhee maafan barsiisaa Kennasaatiin akka mari’attu hingodhu?’ Jedheen yaade.

Yaada koo keessaa gara isheetti deebi’een ‘hinboo’inkaa jedheen. Inumaa akkas jennaan garaan ammaate imimmaan ishee lakkuu lakkuu cophe. Tole ani maal siif godhu? Jedheen gaafadhe.

Yoo “warri kee narraa si dhoowwan na dhiiftee nan baqatin kana qofan sodaadha. Anuu gaafan mana barnootaa dhiisee ofiinuu sirraa adda bahu fagoo miti. Ammasitti garuu eenyun qaba? ” jette.

‘Ammas osoo na lolanii waliin oolla, waliin deemna kanaafuu homtuu hin ta’u hin sodaatin. Harmeen osoo ati barnootatti cimtuu taatee si jaalattiim. Wanti isaan na lolaniifis, Akkan taphatti, haasaatti, yaada koo hiree barnoota hin daganneef akkan hiriyaa godhadhu hin feetu malee si jibbitee mitiim Duree!

Immoo anis hiriyummaaf barnoota, maatii akkan itti adda baafadhee hunda akka isa fakkaatutti adeemsisuu nan beeka.

Gama hundaanuu dhibaa’ummaan qabu. Sibiratti sa’aatii barnootaatiin alan argama. Atuu beekta akkan waa’ee barnootaatti of hin qisaasessine. Mitii? Immoo yoo fedhii qabaatte waliin taanee sagantaa baafannee haala sagantaa keenyaan waan hunda waliin raawwanna sitti tola. Immoo namni naannoo keenya jiru callisee osoon taane waan nurraa jaalatu tokko yoo qabaate nu barbaada.

Akka xiyyeennaa namaa argattuuf, atillee abdii ofitti horattuuf badii qofa osoon taane gaarii hojjechuunis jira. Kanammoo itti yaaduu dhabuu keenya malee umuriin nuti keessa jirru waan kamuu gochuuf nun daangessu.

Amma “fedhiin bada, ati dhiira naan jedhu. Bifa koo tuffatu, mana namaan jiraadha. An hojjettuudha” yaadota kana cinaatti dhiifteetu, waan ittiin mul’achuu dandeessu irratti xiyyeeffatta. Kanaaf immoo ani jalqaba waan humni koo danda’u hundaan si waliinan jira. Bakka nutti cime immoo barsiisaa Kennasaan jira. ‘

Haala kanaan osoo mari’annuu wayitiin ispoortii xumurame gara dareetti deebine. Galmeen gumiiwwan adda addaatif barsiisaan fedhii nuti qabnu nu gaafate. Ani Gumii Minimiidiyaattin galmaa’e. Gumii shanii ol yeroon filadhu Dureen gumii ispoortii tti akka isheen galmooftu dirqamsiise.

Nuffii malee akka isheen itti xiyeeffattee gosa ispoortii kamuu shaakaltu yeroo maran jajjabeessaan. Gumiin koo dhimmoota haasaatiin wal qabata, kan Duree ispoortiidha.

Baay’ee yeroo keenya barnootaan alaa gumii itti galmoofne irratti dabarsuudhaan jaalala waan hojjennuutiin qabamne. Turtii baatii jahaa booda waan dura ture sana hunda daganne. Nu lachuu waan harkaa qabnutti baay’ee yeroo keenya dabarsina. Akka dur waliin teenyee haasa’uuf yeroo hin argannu.

Har’a ganamaan hojjaa ishee dheeraa sana fiigaa kokkolfaa dhufte. ‘Maaltu argame? Har’a biiftuun ganamaa si’i moo?’ jedheen!

Afuura garmalee baafatte. “Waa sitti himuufani!” Jeette. ‘Maal ture?’ Jedheen deebii ishee eege.

“Dorgommii manni barnootaa keenya mana barumsaa godina keenya jala jiran hunda hirmaachisutti mana barumsaa keenya bakka bu’ee tapha kubbaa harkaa fi fiigichaan hirmaachuufani! Jette. Natti toleen imimmaan ija na guute. Yoo xiqqaate lubbuu takkatti jireenya urgeessuu danda’uun akkam boqonnaa namaaf kenna?

Osoo yaraa hunda gaarummaadhaan haguuguuf yaallee wanti faayidaan ala ta’e hinjiru. Dorgommii ilaaluuf maatiin koo naaf eeyyamuu didanis fiigicha ilaaluu baay’ee waanan jaaladhuuf boo’ee kadhadheen fiigee gara mana barumsaatti. Guyyaa dhuma dorgommiichaati. Barattoonni daandiitti yaa’anii gammachuu isaanii ibsatu.

Dureen mana barumsaa keenyaa maqaa guddaa kennuurra darbitee maatii waggaa hedduuf hojjettuu taatee bira turteef iyyuu maqaa gaarii gonfite. Warra jecha badaatiin hamilee ishee buusaa turaniin ol kaafamtee baatamte.

Bakka badaa namni itti nu yaaduu cinaatti dhiifnee, bakka dursinee itti argamuu qabnutti xiyyeeffannu malee dursuun hinjirun

Ulfaadhaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *