Miraa Jaalalaa Jaalallee keef qabdu!

Jaalalaa jaalallee keef qabdu
Kaayyoo dhiirrif shamarraan itti walittii dhufaan jaalalaa irratti gosa shantu jira;
Dubbisiโ€ฆ๐Ÿ‘‡

โ†ช๏ธ1~jaalalaa inaaffa– jaalallii kun namoota wal jaallataan gidduu galuun adda baasuuf jaalalaa fakkeessani jaallataniidha.
Jaalalaa hinaaffaa irratti bu’ureeffameedhas.
Gosti jaalalaa kanaa namootni dantaa tokko irratti wal dorgomaan akka meeshaa lolaatti kan itti fayyadamaniidha. Jaalallii akkasii jaalalaa daliila jedhama. Abo 16/5

โ†ช๏ธ2~Jaalalaa bakkaa bu’umsaa– jaalallii akkasii nama baay’ee jaallataan dhabuu irraa kan ka’ee jaalalaa nama sanaa ittii dagachuuf jaallataniidha.
Namootni jaalalaa akkasii keessatti kufaan; namnii isaan jaallattan yoo isaan dhiisee ykn ganee fi yoo du’aan irraa adda ba’ee nama sana bakka buufachuuf jaalalaa sobaan ittin of sosobaniidha.jaalalaa of goyyomsuus jedhama.
Jaalallii akkasii jaalalaa yaaiqobii fi liyaati.Uma 30/14-15

โ†ช๏ธ3~ jaalalaa haalaa – jaalallii kun jaalalaa haala ta’e wayii keessatti walitti dhufanii haaluma ta’een immoo adda ba’aniidha.
Jaalallii akkasii jaalalaa mana barumsaatti walittii hidhamanii achii ba’anii ba’anii wal ganaan, jaalalaa karaa utuu deemanii gallaan wal dagataan, jaalalaa chatin wal jaallataani yeroo muraasa booda wal dagataanii fi kkf dha.
Jaalallii akkasii jaalalaa fakkaatee wanta namoota baay’ee xiin sammuutti, hafuuratti, fi foonitti namoota baay’ee miidhedhaa. Jaalallii akkasii jaalalaa sirbaa ykn weedduu jedhama.

โ†ช๏ธ4~ jaalalaa faayidaa– jaalallii kun jaalalaa dhugaa fakkachuun bara keenya kanaa namoota baay’ee qabatee kan jiruudha. Nama tokko qabeenya isaaf, carraa Isaaf, beekumsaaf beekamti isaa, taayitaa fi bu’aa irraa argataniif kan jaallataniidha. Waanta irraa barbaadan sana ergaa argatanii booda, jaalallii akkasii akkuma salphaattii diigama. Wed 8/10

โ†ช๏ธ5~ jaalalaa kaayyoo– jaalallii akkasii ulaagaa kan guutee fi kaayyoo jaalalaa isa dhugaa kan of keessaa qabuudha. Murtee jaalalaa dhugaa fi gaa’ela dhugaaf dhagaa bu’uraa kan ta’eedha.
Jaalallii kun mul’ata wal fakkaataa qaba, kaayyoo wal fakkaataa qaba. Jaalalaa wal madaalu wal jaallata, ofiif utuu hin taane waliif waliin jiraata, yaada fi dubbiin wal hubatu.
Jaalallii akkasii rakkoon haamaan yoo isa muudate iyyuu akka salphaatti hin fashalaa’u.sababoota garaa garaan yoo danqame illee irraa tarkaanfatee darba malee hin diigamuu tasumaa. Jaalallii kun akeeka jaalalaa isa dhugaati. Rom12/9
Jaalalli dhugaan bakka itti cabaan utuu in taane bakka itti fayyaniidha. Hos 12/6, 1qor 13/6
Jaalallee keef jaalalaa dhugaa qabaadhu.

Faayidaaf hin jaallatiin, jaalalaa dhugaatiin jaalladhu.
Waaqayyoo jaalalaa sobaa, jaalalaa fakkessuu, jaalalaa faayidaa, jaalalaa hinaaffaa jaalalaa karaa irraa kan itti fufiinsa hin qabnee irraa nu haa baraaruu!!!!!

Waan dubbiftee waa irraa hubatteef galatoomii!

JAALALLI GARUU HAFEE JIRAATA
1Qor 13/13
YESUUS NI DHUFA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *