Amalli Dhala nama Isa Akkamitti?

Qorannoon biyya Ameerikaa tokko akka addeessutti amalli dhala namaa bakka afuritti qoodama!

1) Amala dhuunfaa
Kun amala dhuunfaa keenyaa kan ta’e kan namoonni biroon hinbeekneedha. Dhibbantaa 25 ta’a. Amala keenya kana nu qofatu ofirratti beeka. Nurraa kan hafe namni beeku hinjiru!

2) Amala waloo
Amala nuti beeknu kan namoonni biroonis nurratti beekanidha. Inni kunis dhibbantaa 25 kan ta’uudha. Amala mul’ataa namoonni nurratti beekan, nus ofirratti beeknuudha.

3) Amala namoonni nurratti beekan nuti garuu ofirratti hinbeekne
Namoonni amala keenya kan nuti hinbeekne beeku. Garuu nutti himuuf of qusachuu danda’u! Kanaaf amala keenya hinbeekne kan dibbantaa 25 ta’u kana baruuf, akka isaan nutti himaniif afeerree maatiifi hiriyyoota dhaggeeffachuu qabna.

4) Amala dhoksaa
Amala nutis ofirratti hinbeekne, namoonnis nurratti hinbeekneedha. Kun qorannoo nama ajaa’ibsiisuudha. Amala keenya keessaa dhibbantaa 25 kan ta’u nutis ta’e namni biraan beeku hinjiru. Kana beekuuf gahumsa kan qabu Waaqa qofa!

AMALLI NAMOOTA CICCIMOO MAALI?

Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta’een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Namoota akkasii irrattis ta’ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa’ibu. Wanti ta’aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta’e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti.

❏ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku.

❏ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani.

❏ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani.

Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta’aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta’e bareechanii beeku.

“Of hin jajanis.” Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *