Namni dhuguma jaalalaan ni miidhamaa? Miidhaan jaalalaa hangam jabaadha?

Namni dhuguma jaalalaan ni miidhamaa? Miidhaan jaalalaa hangam jabaadha?

[Kutaa 1ffaa]

Mucaa ilma dhiiraati. qallaa bareedaa, bashaasha gaarii namaati. Bareedinaas, Amala gaariis uumamaan uumaan kenneef. Rakkoon inni qabu hiyyeessa ta’uun alatti kan biraa onnee qulqulluu sobaafi fakkeessa tokko hin beekne qabaachuu isaati. Barataa dha. Kutaa hanga tahe barata. Garuu mooraa mana barnoota sadarkaa lammaffaa tahe tokko keessa jiraachuusaa yoon argu, kutaa 9-12 keessaa tokko akka baratuun tilmaame. Sa’aan ganama. Yeroo barattoonni boqonnaa bahu. (4: 17) dha. Mukkeen mana barnootaa gurguddaa shimbirroonni irra martee waccu, as utaaltee muka kaanirra qubattee, kanarraa buutee kaanirra qubattu, kan yeroo feetees mataa barataa gubbatti udaan adii dibdee barataa mufachiiftu, akkasumaas sagalee kiloolee ishee sana bilisaan weeddiftee mama barnootaa bohaarsitu!..

Joollee qaqqalloon lama. Inni dhiiraa hudduun taa’ee miila tokko diriirsee miila biraammoo cabsee taa’a. Mucayyoon qalloon bareedduun simboo qabdu takka waliin jiru. marga magariisa jiidhaa mooraa mambarnootaa keessa jirurra taa’anii, dabtaraa fi qalama isaanii if cinaa kaahanii taa’an. Harkashee tokko qaqqallaa marga (citaa) jiidhaa keessa loosaa, harka mirgaan ammoo qalama afaaniin qabattee isaa wajjiin fuula keessa wal ilaalaa waliin haasawu. Kokkoflaa, taphachaa! Sesseeqaa! yeroo tokko tokkoos ijoollee mambarnootaa keessa wal qabattee asiif achi yaatu ijaan ilaalaa. Dabaree dabareedhaan hataa hataa (dhoksaan) ija jaalalaa kan qara eeboo caalu saniin wal waraanaa! โ€ฆ

Qilleensi ni bubbisa. Aduun bareedduun ganamaa, iftee lafa bareechaa turte duumeessi battalumatti dhufnaan dhokatte. Lafti ganamaa ifa aduu dhabe gaaddisa duummeessaan uwwifame. Fooliin roobaa u’urgaawuu eegalte. Didichaa fi sagaleen roobaatiis ni dhagahama. Sagaleen shimbirrootaas kan duraanii caalaa mooraa fi naannawa mambarnootaa bareechitee itti fufte. ciiw ciiw jettee uumama bohaarsaa afaan beektuun waliin haasooyti. Barsiisoonni gaawuni adii uffatanii kitaabaa fi haqxuu walirra kaayanii saffisaan gara kutaa seenaa jiraachuu kan hubate Abdiin, sa’aatiin boqqonnaa dhumuu yaadachuu qofa osoo hin taane, saffisni kun rooba dhufaa jiru dheefa miila fuudhaa jiraachuu namootaas ni hubate. Kana garuu ishee yaadachiisuu waan hin feeneef callisee ijashee kukkuula san keessa ilaalaa waliin haasawuu itti fufe. qilleensa qabbanaawaa mukkeenii fi foolii roobaa qabatee dhufu urgaawaa san funyaaniin habbuuqachaa, sagalee simbirrootaa kiloolee sanii fi sagalee seenaa qalloo san dabareen dhageeffachaa, ijaan ammoo kaarruu bareedaa fi hidhii akka timaamtim (suqaaritti) calalaqee bareedu sanirraa seeqa ishee saniin booji’amaa, guutumaan guututti qalbii fi yaadasaa bakka hundaa walitti qabee asitti deebisee, miira gammachuu keessa gangalachaa jira – Abdiin.

Duraanillee ishee baruuf hedduu ifaaje. Tahuus garuu erga maqaa wal baranii hin turre. Torbaanuma lameen dabre keessa wal baran. “Abdiin jedhama”.. “Aniis seenaan jedhama” jedhanii guyyaa wal baran sanirraa eegalee, onneen isaa hoggansa isaan ala taatee too’annaa ishee jalatti bulaa jiraachuu kan hubate Abdiin, guyyaan har’aa guyyaa jalqaba intala osoo inni hin hayyamin onneesaa hoggantu kana qaamaan wal arguu isaatti, hedduu gammadaa fakkaata. carraa bareedaa seenaa wajjiin turuu argachuu kana waan saphlatti hin laalle. Kanaaf sa’aan barnootaa gahuu hubatullee barnoonni hafee ishee waliin waan keessa isaa haasawuu filate. Carraa bareedaa kana argachuu isaatti gammadaa dha. Taa’anii waa’ee barnootaa fi waan tokko wal taphachiisaa, wal bohaarsaa turan. Seenaan garuu, galaana yaadaa kan paasific caalu keessatti darbamtee daakaa jirtiin sehaatii waa’ee sa’aatiin boqonnaa dhumuufii roobni haalarraa dhufaa jiraachullee hin yaadattu. Galaana keessa jirtu daakuun alatti, fuula abdii bareedaa san hataa ilaalaa, deebii qabbanaawaa onnee abdii tasgabbeessu isaaf deebisuu malee, maaltu akka mooraa mambarnootaa keessatti deemaa jiruufi maaltu akka tahaa jirtu humaa quba hin qabdu! Humaa! โ€ฆ

Hin turre. Galaana yaadaa daakaa jirtu keessaa seenaa kan dammayse, faana roobaa har jedhee yeroo tokkotti manneeni fi lafa iyyisiisee fi hangaasuu balaqqee wililiq jetteetu, garba paasific keessaa dammaqsee mooraa manbarnootaa keessatti darbee dammayse! Saffisni isheen itti lafa taa’aa jirtuu kaate garuu, daraartuu fiigicha maaratoonii biyya roomaatti fiiguuf hiriirtee fishkaan afuufamnaan furgaate san fakkaatti. Saffisaan lafaa furga’uun seenaa ammoo, Abdii miskiinticha galaana yaadaa Atlaantik keessa jiru naasisee dammaqsite. Ayii ganama san! Ganama Onneen waliif dheebbote walitti dhiyaattee dheebuu jaalalaa onnee goggoyse wal jiisan, ganama roobni jirkaan dib je’ee roobee uumama dheebuu bishaanii qabu jiisee dheebuu baase, ganama bareedaa Seenaa fi Abdiif seenaa ta’e, ganama anallee na gammachiise.. ganama anaafi shimbirroota babbareedoo afaan oromoo hin beeyne sanillee gammachiise, ganama addaati ture!

Roobni jirkaan roobu, lafa lafa osoo hin taane garba fakkeesse. Tumaan miila roobaa kan samii bu’ee qorqorroo manneenii tumu nama rifachiisee nama gammachiisa. Kana dhageeffachaa bishaan duuyda manaarraa carooree bu’u yeroo ilaaltu, waan roobni akka malee qorqorroo laaleessee imimmaan fufurdaa buusisaa jiru namatti fakkeessa! Bishaan mooraa mambarnootaa keessa gangalatu waan biraa! Roobni roobutti, Sa’aatiin barnootaa geessee barsiisaan ji’oogiraafii hamaan yoo daqiiqaa 2 orraafatte daree si ol galchine tahuu yaadannaan, sanirraan roobni guddaan gubbaa itti gad dhaabbachuu agarraan, ni gammade! Seenaan garuu waan gammadde fakkaachuu baattuus, akki tahuu qabdu akka Abdiin fedhu (asuma turuu) tahuu qofa tahe. Rooba guddaa kana keessa deemtee hanga class dhayxutti jiitee horofooyti. Sanirraan sagantaan itti aanu, kan barsiisaan Ji’ograafii waan taheef, akki tahuu qabdu dhibdee akkuma abdiin fedhu san tahuu filatte. Varandaa manneen kophaa jiraniirra ijaajjanii akka daawwattoota Ameerqaa dhufeetti rooba daawwachaa waliin haasahuu itti fufan!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *