Jaalallii keenya Hawwii ta’ee hafee carraa dhalaa nama!

Seenaa jaalalaa Dargaggeessa tokko dubbisaa. Yeroo tokko tokkoo daandiin nuti barbaannu utuu jiruu haalonni garaagaraa garuu daandii gara biraa nu filachiisu. Ga’een keenya wantoota jireenya keenya keessatti dhufan haala gaarii fi haala sirrii ta’een hiikuun yoo fudhanne malee adduunyaan Baa’aa nuti baachuu hin barbaanne nu baachisuu barbaaddi.

“Ani maqaan koo Oliyaadin jedhama. Kanin dhaladhe magaalaa Baakkoo yommuu ta’u, barumsa koos hanga kutaa 12 tti achuma magaalaa Baakkoo keessattin baradhee xumure. Maatiin kiyya sooreessa jedhamuu baatanillee hojii dhuunfaa isaanii waan qabaniif hiyyeessa miti. Haati kiyya gabaatti baatee waantoota garaagaraa kan daldaltu yoo ta’u, abbaan kiyyammoo suuqii mana keenya fuul duratti dhaabbateen jireenya keenya nuuf gaggeessa. Ana waliinis ijoollota sadii kan qaban yeroo ta’u obboloota koo keessaa ani barumsatti cimaafii kaayyoo guddaafis nama eegamun ture.

Haaluma kanaaniis barnoota koo kutaa 9ffaa yeroon baradhu, guyyaa tokko dubartiimti waliin guddanne suuqii abbaa koo keessa taa’ee, daldalaa, qayyabachaa utuun jiruu miira ani kanaan dura ishee hin beekneefii bareedina kanaan dura irratti hin agarreen ofii kan sukkaara kiiloo walakkaa bituu dhufte onnee koos wallakkaatti addaan na jalaa kuttee deemte.

Anis guyyaa sanaa kaasee qalbii kiyya waan fuuteef karaaf tooftaa garaagaraa haala ittiin ishee gaafadhu barbaadus garaa jabaadhee wanta keessa kootti uumame itti himachuuf waggaa lama natti fudhate.

Haalaafii sodaan koo yommuu ani ishee argu, hedduu waan narraa beekamuuf isheenis narratti beekteema callisti turte. Haa ta’uuti ani barnoota koo qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa (maatiriki) darbeen kutaa 11ffaa yeroon galmaa’uu, waraqaa xiqqoo fedhii keessa koo ibsu guyyaafii haalan ishee jaaladherraa kaasee miira keessa koo mul’isu kan fedhe naan haa jettu jedhee barreesseen itti kenne.

Isheenis deebii homaa utuu naan deebisin torbee lamaaf erga harkatti qabattee booddee guyyaa tokko mana amantaa bakka waliin tajaajillutti akka wal arguu qabnu natti himte. Anis tole jedhee guyyaa sana of qopheesseen deebii ishee yeroon eeggadhu, isheenis akkanuma akka na jaalachaa kan turteefii fedhii koos hubachaa jiraachuun, “har’amoo bor na gaafatta jedheen si eegaa ture” naan jette.

Gaaffii koofiis tole waan naan jetteef guyyaa sanarraa kaasee anaaf isheen hiriyaa jaalalaa waliif taane! Hariiroon keenyas daran itti cimuun hiriyoonni fi maatiin keenya beekanis lamaan keenya wal dhiisuu waan didneef nu dadhabanii nu dhiisani. Yeroo hedduu walk (deemsa suutaa) fudhachuudhaaf magaalaarraa achi siqnee waan baanuuf obboleessi ishee waan arguuf yeroof numarratti callisee darbus, yeroo isheen manatti galtu reebicha, dhiitichaaf kaballaa isheerratti geesisaa ture.

Kan koo maatiin koo erga dhagaa’anii booddee abbaan koo nama hubataa waan ta’eef wantan gara fuul duraatti gochuu qabu ogummaadhaan na gorsa. Reebichii fi rukuttaan isheen rukutamtu hedduu waan natti dhagaa’amuuf jaalala lamaan keenyaa kan daran itti cimse malee kan hin laaffisne ture.

Haa ta’uuti barnoota koo kutaa 12 ffaa xumuree yommuun yuunberistii Wallaggaa deemu hiriyaa koof gaaffiin fuudhaa biyyaa alaarraa yookiin diyaasfooraan tokko fedhii ishee utuu hin gaafatiin maatii isheetti yeroo ergatu, maatiin ishees tole jedhanii waan deebisaniif bilbiltee yeroo dubbii kana natti himtu anaanis baay’ee na dhiphisuu jalqabe. Hangan danda’ee ishee jajjabeessee isheenis yeroof gaaffii maatii ishee didduus, haa ta’uutti garuu rakkoon gara biraa maatii sana keessatti mul’ate.

Kunis obboleessi ishee hangafaa konkolaataa Isuzu utuu konkolaachisaa jiruu balaa tasaan mucaa waggaa 11 yeroo ajjeesu walii galteen warra mucaan jalaa miidhamteef obboleessa ishee kanaaf jaarsoliin araara erga buusanii booddee murteen murteessan obboleessi ishee qarshii 60,000 akka kaffalu waan ta’eef, yeroo sanatti maatii sana keessaa kaffaltii kana kaffaluuf namni danda’u waan hin jirreef qarshiin kun kaffalamuu yoo baate obboleessi ishee waggaa 12 mana hidhaatti waan hidhamuuf maatiin kun rakkoo guddaatti galani.

Kanumaanis diyaasfooraan kun rakkoo maatii kana gidduutti uumame hubatee “isin mucaa keessan yoo naaf kennitan animmoo qarshii kana guutummaatti isinirraa kaffaleen ilma keessan hidhaarraa bilisa baasa” yommuu jedhu, maatiin ishees dirqama heerumte malee jechuun kan dura laaffisanii itti himan amma garuu guyyaa rakkoo keenyaa kan nuuf hin taane mucummaan kee kamirrattidharee jechuun ishee rakkisani.

Isheenis wanta gootu dhabdee erga natti himtee booda, anis humnaafi maatiin kiyya qarshii kana kaffaluu akka hin dandeenye waanin beekuuf deemi kan rabbi jedhe haa ta’un jedhe.☝️

Anaaf isheenis erga utuu walitti boonyuu wal gaggeessinee booda diyaasfooraan ishee fudhachuu dhufe kun qarshii hundumaa kaffaleefii adeemsa biyya alaa ittiin bahaan xumuriifin yeroon barnoota koo waggaa sadaffaatti darbu ameriikaatti ishee fudhate.

Haa ta’u malee diyaasfooraan sun umuriin hedduu waan ishee caaluuf miiraan walii galtee akka hin qabne fi mana keessatti walii galteen, jaalalis isaan gidduutti uumamuu waan dadhabeef as deebitee maal gochuu akka qabdu natti himtus anis haga dandaa’ame jaaladhu, isa waliin jiraadhu innis baasii guddaa sitti baaseera; jireenyis lama waan hin jirreef kanuma kan takkaa carraan si jalqabsiise bareechii jiraadhu jedhus isheen garuu abbaan manaan ishee kun kanaan dura haadha manaa fuudhee irraa adda bahuu isaa waan dhageessef tarii jireenya ishee gara fuul duraatti kana sodaachaa waan dhufteef ammumaan haala mijeeffachuu akka qabduuf yoo dandeessee haalli isheef mijate waggoota muraasa erga hojjettee boodee anaan “yoo dandaa’ame ofittin si fudhaa yoo dadhabamemmoo lamaan keenya biyya biraa waliin jiraanna” jettee yaada ishee qabattus abbaan manaan ishee namoota biyyaarraa ammayyuu akka ana waliin haasaa’aa jirtu erga baree booddee utuu isheen hin beekiin bilbila isheerratti app odeeffannoo ishee hundumaa fuudhee gara isaatti dabarsu erga bilbila isheerra kaa’efii akka isheen haasaa ana waliin haasoftu fi daa’ima isaaf godhachuu akka hin barbaanne iccitii anaaf ishee gidduu jiru tokko lamaan bira ga’e.

Kanumaanis baay’ee isheetti aaruun kana dura mana keessa qofaa ishee hojjechaa kan ooltu amma garuu hojii hundumaa ji’a tokkoof boqonnaa bakka hojiiti fudhatee bilbila fi meeshaawwan isheen itti fayyadamuu dandeessu erga irraa fuudheen booda harka ishee fi miilla ishee hidhuun ji’a tokkoof utuu namni hin beekin mana isaa keessatti utuu ishee reebuu fi waan barbaade utuu isheerratti taphatuu gadaadoon ishee dabarse. Isheenis haala kanaan turtii ji’a tokkoo erga dabarsitee booda harki ishee fi qaamni ishee erga hiikameefii miilli ishee bitaaf harki ishee mirgaa diriirffachuufii kottoonffachuu waan dideef ammas achuma mana ishee keessa abbaan manaan ishee kunis ogeessa fayyaa waan tureef yaala fayyaa manumatti laachuuf jalqabe.

Haala kanaan ji’oota muraasa erga dabarsitee booddee yommuu bayyaannattee gara fayyaa isheetti deebitee booddee daa’iimmi gadameessa ishee keessa akka jiruu fi kanaan booda karoorri anaaf isheen qindeessine ta’uu akka hin dandeenye erga barreen booddee hiriyaan koo bo’ichaan natti himtee. Anis wanta isheen taateetti ergan baay’ee gaddee booda inumaayyuu lubbuun ishee ni darbemoo jedhee ji’oota muraasaaf sodaachaa wanan tureef atumti lubbuun kee si keessa jiraatee fayyaa keetti deebi’ii jiraadhu malee anaafis rabbii kan naaf laate hewaan cinaacha koo hin dhabu jedheen ishee ergan sossobeen booda, jireenya kan biraa akka hin yaannee fi amala isaa, gaarummaa isaa fi hammina isaa waliin qabattee jaalalaan isa bittee waliin akka jiraattu ergan ishee gorsee booda anis abdiin isheerraa qabu ergan kutadhee booda barnoota koo rabbii na gargaaree eebbifamee, dalagaas bakka gaariitii argadheen rabbi na milkeesse hiriyaa bakka ishee naaf buutuu fi onnee koo bakka hir’ate naaf guuttu argadheetiin jira.

Yoo rabbii na milkeesses ishee waliin gaa’ela godhannee bultii ijaarrana. Yeroo ammaa kana hiriyaan koo diyaasfooraatti heerumte sun abbaa manaa isheef daa’ima godhattee haga dandeesse nagaa fi tasgabbiin waliin jiraachaa jirti. Rabbis kanaa olitti mana isaanii keessatti nagaa akka buusuufi anis nan kadhadhaafi!
Xumureera. Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *