Qulqulleessituun pirezidaantii taate ajaa’iba hojii waaqayyoo!

Carraa argameeti fayyadamu barbadaa tanan bilbilaa harkaa qabduun hojaachuu dandeessa app kana bufaadhu hojii jalqabii link isa bareefama kana jalaa jira

Gad bu’uun kee ol bahuufidha.

Akka Addunyaa kanaatti Giddu galli Mana Qorannoof Barnootaa beekamaan Hayyoota Addunyaa kanaa Itti baratantu ture.

Barsiisaan Hayyoota kanaa *Pirofeesar gaaf tokko torban dhufu qormaata waan qabdaniif, Maqaa hojjettootta Mooraa kana keessaa fi akkasumas maqaa namoota Bebbeekamoo dubbisaa koottaa! jedheen.
Jarris Maqaa Pirezidaantii, Itti Aanaa, Diinii fi Barreessitoota akkasumas Artistoota Hayyoota Namoota bebbeekamoo dubbisanii, qoratanii dhaqan.

Barsiisaan Hayyoota kanaa *Pirofeesar gara kutaa ol seenee,
“Qormaanni har’aa ulfaataadha; Nama ilaalcha Namummaa qabu qofatu argata jedheen”.
Jarris nahanii maal ta’a laata jedhanii wal gaggaafatan.
Qormaatichi:

  1. Maqaa Qulqulleessituu kutaa keessanii Barreessaa!
    2.Maqaa Qulqulleessituu kutaa keessanii barreessaa! Jedha.
    Erga qormaata arganii waan isaan eegan waan hin taaneef, Hedduu nahani ; qoosaas itti fakkaate.
    Isaan keessaa, kaan bifa ishee ni beeku garuu maqaa ishee hin beekan, kaan immoo isheeyyuu hin ilaalan turan.
    Barsiisaan Isaanii *Pirofeeserichi homtuu argachuu akka hin dandeenye argee, gareedhaan hojjedhaa! jedheen.
    Ammas Namni beeku hin argamne.
    Hundi isaanii erga dhabanii dhuma irratti ‘dhuguma Qabxii qabaa?’ jedhaniin.
    Innis ‘Eeyyee ni qaba Amma deemaa maqaa ishee qoradhaa!’ jedheen.

Tuutni Hayyoota kanaa Maqaa Qulqulleessituu kanaa iyyaafachuuf imalan.
Dhuma irratti bira gahanii,
“Maqaa kee akka nutti himtu kabajaan si gaafanna” jedhaniin isheenis ‘ Barbaachistuu’ jedhama jetteen.
Laptop isaanii banatanii Maqaan ishee ‘Barbaachistuu” jedhanii qabatanii deeman.

Dhuma irrattis Qulqulleessituun Hayyoota Addunyaa wallaalaa taasifte kun waltajjii Guddaa tokko irratti affeeramtu Hayyoonni kun waliigalan.
Dhaabbata ” Namummaan Haa dursu” jedhu hundeessuun dhaabbaticha Irratti Haasawaa akka taasiftu affeeran.
Qulqulleessituun, Hunda dursa isa ija Namaa narra dabarsee ija isaan xiyyeeffatee dhimma koo hordofaa tureef galanni haa ta’u…… yeroo jettee itti fuftu….. Hayyoonni kunis imimmaan qabachuu dadhabanii, dhuma irrattis Qulqulleessituun kun pirezidaaantii Dhaabbata kanaa akka taatu Irratti waliigalan.
Intalli Qulqulleessituun kutaa qulqulleessuu irraa kaatee pirezidaantii taate.

🔸️Yeroo keetu hin geenyeef malee
Ulaagaan bakka kee si hanqisu hin jiru.

↪️Yeroo tokko tokko Rakkoon ulfaataan nurratti kufee ijji namaa illee nu ilaaluu hanga tuffatu irraan nu gahuu danda’a.
↪️Namaan Tuffatamuun ijji Namaa sirra darbuun, Nama biratti gatii dhabuun kee sababaafi gaaf tokko ulaagaan si barbaadu tokko uumamee Warri si tuffatan akka si barbaadan taasisu ni dhufa.
↪️Maalifan Tuffatame ,Maalif ijji Narra darbe hin jedhiin hunduu gaarummaaf.
Hubannaa qabaadhaa!
Namummaan Ammas Haa dursu!
Bilisa Ne irraa
Application kunnooti amumaa bufaadhu itti fayyadamii 👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.downloadervideos.snapapp

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *