Yaada Injifataan Dirree Taphaa Seeni!

𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐈𝐧𝐣𝐒𝐟𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 πƒπ’π«π«πžπž π“πšπ©π‘πšπš π’πžπžπ§π’!
Jireenyi bu’aa bahiidha. Mijatee akka garaa namaaf hinta’u. Badhaasni fiigicha booda mormatti namaaf godhama. Jiraachuuf kaachuun dirqama. Barachuu, daldaluu, qotuu, hojjechuu qabda. Yoo aarsaa baafte ni aarfata, yoo aarsaa hinbaasin teessee aaruu keeti!

Ilmi namaa uumamaan mo’uu, injifachuu, milkaa’uu, caaluu, dursuu, guddachuu, beekamuu, jajamuu…barbaada. Nammuu kana dheebota yoon jedhe nan sobsiisu. Garuu gufuuwwan utuu injifachuu barbaadanii injifatamaa nama godhan ni jiru. Mo’uu yoo barbaadde iyyuu dandeessee hinmo’attu. Mo’uu osoo dandeessuu mo’amta. Humnaafi dandeetiin kee albuuda awwaalame si keessatti ta’a. Maaliif? Rakkoo yaadaa!

Yaadonni sammuu keenya keessatti ijaarru tokkon tokkon isaanii jireenya keenya irratti dhiibbaa qabu. Kallattiinis ta’e al-kallattii bu’aa yaadota keenyaa ni arganna. Jireenyi keenya harraa bu’a yaada keenya kaleessaati. Bu’aan yaadota keenya har’aa immoo jireenya keenya borii murteessu. Kanaaf yaada keenya ba’eessa goonee eeggachuun abbumaaf!

Mo’uufi mo’amuun sammuu keessa jiru. Dirree sammuu kee irratti mo’amnaan, dirree taphaa seenuun mo’amuu kee mirkaneessuuf. Sammuun injifatamee namni injifatee beeku hinjiruka. Kun raajii ta’uu hindandeenyeedha. Kanaaf mo’uu yoo feete dursii yaada mo’ataa qabaadhu. Waa’ee mo’amuu, injifatamuu, dadhabuu yaaduu dhiisii, nan mo’a, nan injifadha, nan danda’a jedhi. Jireenyi firii muka yaadaati!

“Dirreen itti injifatanis ta’e itti injifataman dirree sammuuti” jedhe Miratuu Shaanqoo. Dhugaan jiru kanuma. Dirree sammuu keerratti yaadaan yoo injifatamte, dirree taphaa keessattis injifannoon kan kee miti. Mo’adhuu dirree seeni malee mo’amtee dirree hinseenin. Yaadii filadhuu yaadi!

Namoonni gurguddoon akka isaanii ta’uu hawwitu sun, jalqaba nama ta’an ta’uuf yaadan. Itti aansuun ni yaalan. Sana booda abjuu isaanii dhugoomsaniiru. Atis waan yaaddu gochuuf jalqaba akka dandeessu yaaduu qabda. Waan ofitti himte, kan kophaa argite sana ifatti mul’isuuf ammoo yaaluu qabda. Sana booda nama yaaddu ta’uuf kan si dhorku jiraa ree? Abadan! Har’uma, amumma, yaada keen dorgomicha mo’adhu. Kan hafatu yaada kee mirkaneessuu qofa. Application kana bufaadha Itti fayyadama πŸ‘‡πŸΎ

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.lyrebirdstudio.facelab

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *