Waaqayyo qormaataa fi rakkina keessa akka darbinu kan inni fedhuu?

Macaafa qulqulluu bilbilaa irraa jiru isa sirri argachuuf appy kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira

Waaqayyo qormaataa fi rakkina keessa akka darbinu kan inni fedhuu?

Waaqayyo qormaataa fi rakkina keessa akka darbinu kan inni fedhuu ykn hayyamu maaliifi?
Jireenya amantoota keessatti wantoota baay’ee rakkisaa ta’an keessaa tokko duuka buutu Kiristoos ta’uun qormaataa fi rakkina biyya lafa kana keessatti jireenya keenya mudatu irra bilisa nu hin godhu.

Waaqayyo waaqa gaarii fi jaalala ta’ee maaliif waraana, du’a daa’imoota fi sukanneessaa, dhukkuba fi miidhaa garaagara namoota isa jaalatannirra akka ga’uu godha? Warri waliin rukutani ykn Sobdonni akka fedhanitti yeroo jiraatan warri isa jaalattan garuu rakkina maallaqaa, hojii dhabuu, fayya dhabuu, yaaddoo fi sodaa keessa akka darban maaliif hayyama? Dhugumatti, osoo nu jaallatee, wantoota kana hunda nurraa fuudha turee jedhee kan yaadu baay’ee dha.

Waaqayyo nu jaallachuun isaa jireenyi keenya salphaa fi mijataa akka ta’u godha jechuu miti. Wanti namoota lafarra jiranirra ga’uu nurras hinga’a. Warra itti hin amanne iyyuu ayyana isaa (universal grace) jalatti eega jiraa. Guyyaan firdi hingeenye waan ta’eef bokaa roobsaa akkasumas aaduu baasafi jiraa.
Macaafni Qulqulluun akka jedhutti Waaqayyo warra isa jaallatu “waan hundumaa gaarummaaf akka godhuuf dubbata” (Roomaa 8:28).
Egaa qoramsi fi rakkinni inni jireenya keenya keessatti hayyamu qaama waan hundumaa gaarummaaf hojjechuu keessa qooda qaba jechuu dha.

Kanaaf yeroo qoramsi fi rakkinni nutti baayyatu Waaqayyo najaalatu ykn maliif ana qofaarratti jennee gaaffi ykn yaadan dhiphachuu irra
kaayyoo Waaqayyo jireenya koo keessatti garumaaf hojjetu keessa qooda qaba jennee
fudhachuu qabnna.

Murtoon sammuu keenya isa ol’aanaa irraa!

Murtoon sammuu keenya isa ol’aanaa irraa (frontal cortex) irraa madduu bu’aa gaari (positive outcome) fidaa. Murtoon sodaa irratti hundaa’e garuu (primitive brain) irraa maddaa. Innis yaada lubbuun jiraachuu ( survival) qofa namatti fidaa.

Horiin ykn bineenssi waan itti dhufee tokko ykn loluu ykn baqachuu dha. Sababi isa horiin (instincts, isa amaarifaan ደመ ነፍስ) jedhamu qofaa dhaan yaaddi. Namni sammu isa gadaana (primitive brain) dhaan yaadu nan danda’a moo naballeessuf dhufee isa jedhuu dafee murtoo kenna. Ala tokko tokko gaaridha garuu utuu adda hinbasin na ajjeesuuf dhufee nan baqadha ykn nan ajjeesa jedhani tarkaanffi
fudhachuun aari irraa madda waan ta’eef jireenya isa nan jiraadha jedhani yaadan nama jalaa baleessa.

Namooti kanaan yaadani dafani aaruu, nama loluu, waan isaan jedhani ala kan jiruu mana, biyya ykn jaarmiyaa isaani baleessa jedhani waan yaadaniif kan isaani wajjin waliif hingallee baleesuutti amanu. Fakeenya kan nuuf ta’uu bineensa keessa naacha (Corocodile) dha.

Lafa naachi jiruu yeroo hunda dubbiitu jiraa. Namas ta’ee bineensa tokkollee karaa lateefi hindabrsuu, baayyee aara waan ta’eef. Namooti akkasitti yaadan waan isaan mudatu hundumaa nabaleessa jedhani waan yaadaniif dafani tarkaanfi fudhatu.

Murtoon sammuu keenya isa ol aanaadhaan ( Frontal Cortex) garuu yeroo odeeffannoo argatu, bu’aa gaarii fidaa. Sammuu ofi gara kanatti guddisuuf barumsa biyaa lafa (secular) fi sagalee Waaqayyoo siritti barachuun baayyee barbaachisaadha. Yeros wanti hunduu waan gaariidhaaf ta’a jennee miiraan utuu hintaane, loojikii (logic) dhaan yaadnee murtoo gaarii laachuu dandeenya.

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.robba.muleta.macaafaqulqulluu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *