Namni hundi nama mo’ataa ta’ee gaafa arguu ni jaallata.

Appilikeeshinii kana buufadhaa Hojii toora interneetii irratti salphaatti milkooftuu linkii isa barreeffama armaan gadii kanaa jala jira itti fayyadamuu dandeessu👇🏾

Namni hundi nama mo’ataa ta’ee gaafa arguu ni jaallata.

Namni hundi nama mo’ataa ta’ee gaafa arguu ni jaallata. Seenaa namoota dhukkuba sadarkaa du’aa irraan ga’uu keessa deebi’anii fayyaa ta’ani, qabsaa’ani hiyyummaa mo’atani, fiigani tokkoffaa ba’ani, kolleejjii irraa sadrkaa gaariidhaan eebbifaman ykn hojii hin danda’amne fakkaatu galmaan ga’an yeroo arginuu ni jaallanna.

Akkasumas, nutis mo’attoota ta’uu ni jaallanna, ni hawwinas! Yeroo baay’ee waan tokko yaalte yeroo ta’uu diduu akka mo’amtee ykn kufteetti sitti dhaga’amuu danda’a. Garuu muxannoo argatte waan qabduuf akka namoota mo’atootti yaadu qabadda.

Gaafa irra deebitee jalqabduu muuxannoo argatte sanaan gufuu karaa kee dhaabbate kamiyyuu buqiftee mo’uu dandeessa waan ta’eef. Jireenyi biyya lafaa wal’aansoo dhaan kan guuteedha waan ta’eef wanti hunduu takka olka’aa takka gadi bu’aa. Kanaaf yaadi mo’ataa ykn Mo’amaa yeroo dhaa yerootti haala ati keessa jirtu irra dhaabate gara kee dhufa.

Sababi isaa adunyaa kuftee cubbuun dhugaa fi haqaa dhokse keessa waan jirruuf hiyyeesaa fi sooreessa utuu hinjedhin hunduu aadaa deema. Namnni aadaa deemu nagaa hinqabuu nagaas namaaf hin laatu. Namooti akkasi waan lafa irraa waan baay’ee laka’ee yoo himataa deeme iyyuu jireenyi isaa mo’ataa utuu hintaanee mo’amaa dha. Mo’ichi keessa jalaqabaa, of mo’uu irraa jalaqabaa waan ta’eef.

Kanaaf jireenya injifannoo mo’ataa ta’ani kan jiraatan arguun baay’ee cimaadha, yoo namoota akkas argitees baay’ee muraasa. Dhugaatti namoota Waaqayyo warra ta’aniif garuu argachuuf dhabuun, dhukubsachuu fi fayyaa ta’uun waa tokko wal hincaaluu. Yeroo hundumaa jireenya mo’ata jiraatu. Sababi isaa Macaafni Qulqulluun yoo Kiristoos keessa jirta ta’e mo’ataa ta’uu kee dubbata!

Biyyoota addunyaa kana irra jiran fi hawaasa irratti seexanni ciminaan hojii isaa hojjetaa jira. Akkasumas waldootaa, dhabilee amantaa garagaraa fi namoota dhuunfaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Wanti hundumtu yaada irraa maddaa waan ta’eef jabeesinee yaada keenya haa eegannu. 2 Sam. 24 irratti Daawit saba Waaqayyoo laka’uuf ka’uun isaa yaada isaa keessatti gaari turee.

Baay’ee ta’uu fi yaara ta’uu erga bare booda waan hojjechuu barbaduuf isa gargaara turee. Garuu yaadi gaariin hundi yaada Waaqayyoo miti. Kanaaf yaada keenya keessatti sexanni mana akka hin ijaaranne of haa eegannu. Yaada gaari fakkatee dhufe hunda keesumsiisuu utuu hintaane dursinee dubbii Waaqayyotiin haa madallu.
Namoonni waan hafuuraa caalaa waan foonii irratti kan isaan xiyyeeffatan maaliifi?

Sababni isaa furmaanni rakkoo isaanii kan foonii keessa jira jedhanii waan yaadaniif. Dhugaan jiru garuu furmaanni rakkoo ilmaan namootaa kan foonii keessa otoo hin taane kan hafuuraa keessa jira. Kanaafuu waan foonii caalaa waan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Jireenyi hafuuraa irraa jalqabaa. Jijjiiramni ati jireenya kee keessatti fiduu barbaadduu kamiyyuu jalqaba hafuuraa irraa jalqabuu qaba.

“Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta’a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.” 2Qor, 4/18 application kunooti buufadhaa itti fayyadama

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.free.unlimited.lemon.vpn

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *