Waldhabdeen yeroo hunda nu waliin jiraata.

Hojii onlaayinii kana guyyaatti qarshii 1000 hojaachuuf kan isin gargaruu application kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira

Yaada Gurraachaafi adii (Black & White Thinking)

↪️Yaadi gurraachaafi adii yaada namoonni akka absoluutii (wanti isaan yaadan, dubbatan fi hojjettan) dhibba keessa dhibba sirrii dha jedhani yaadaniiti. Isaaniif wanti hunduu “dogoggora ykn sirrii” (right or wrong) dha. Giddu galeessa (neutral) kan ta’ee isaaniif hinjiruu. Kanaaf namoota biraa wajjin danda’ani waliif hingalani.

▶️Fakkeenyaaf, Namoota yeroo hunda ani ilaalchi koofi hojjiin koo sirrii dha jedhanii yaadaniif
kufaatii guddaan addunyaa kanarra jiru kan fidee namoota biraa dha malee isaan keessa qooda hinqaban. Kanaaf utuu akka isaan jedhanitti hojjetameera ta’ee rakkoon tokkollee hinjiraatu jedhani waan yaadaniif baayyee aaruu, yeroo hundaa kan biraatti faraduu ykn murtoo dabarsuutti aariifatu.

▶️Ogeeyyiin xiin-sammuu yaada akkasi ( Cognitive distortion) Jal’ina hubannooti jedhani ilaalu. Sababiin isaas yaadi akkasii kun jireenya akka dhugaa jirutti akka hin argine nama godha. Jireenyi adunyaa kanarratti walxaxaa fi kan dhaabbi hinqabnnee yeroo hunda kan jijjiiramu waan ta’eef. Yaadni gurraachaafi adii bakka giddu galeessaa akka argattu siif hin hayyamu.

▶️Jechoota “yeroo hunda” (always), “akkas godhi akkasimmoo hingodhin” (do & don’t), “tasuma” (never) kanaafi kan kana fakkaatan gargaaramuun gara aarii cimaaf dubbiitti nama geessa. Namas ta’ee haala akka inni jirutti ilaaluutu gaariidha. Waa sirreesuuf (fix) gochuun yeroo gabaabaf malee bu’aa hinqabuu waan ta’eef hin aariifatinaa. Waan hundaa geedaruu kan danda’uu Waaqayyoo dha waan ta’eef isaaf carraa kennaa.

▶️Maliif firdii faraduufi aariin dhumtuu yaa namaa? Adunya kanarra namoota jiran hundumaa dogoggoraa gootani ofii keessan qofaan sirrii taatani hamma yoomiitti jeequmsaan jiraattu. Cubbu irraa kan ka’ee namnii ilaachi isaas ta’ee hojii isaa sirrii ykn guutu (Absolute) ta’ee tokkollee hinjiruu. Isa biyya bulchus ta’ee inni bulfamuu hunduu hir’uu dha. Warri waa’ee hafuura hojjenna jedhanis hir’uu waan ta’aniif jeeqamani waldaa jeequ.
Haa dammaqnnuu.

↪️Waldhabdeen yeroo hunda nu waliin jiraata. Sababi isaa ka’umsi waldhabdde keessa keenya malee alaa miti.

↪️Ali nagaa dha, kan nagaa dhabee ilmaan namaa isa dubbii keessa isaatti baatee deemu dha. Kanaafu akka waldhabdeen hin jiraanneef rakkoo hundee dhaan buqqisuus ta’ee ittisuu hin dandeenyu. Garuu yeroo inni uumamu miira tasgaba’een to’achuu dandeenya. Waldhabdeen gadheedha jechuu hindandeenyuu.

↪️ Namooti akka garee ykn akka dhunfaatti waan garlachuuf barbaachisaa ta’ee irratti ilaalcha garaagara qabaatani waliigaltee dhabuu danda’uu waan ta’eef. Kanaaf rakkoon waldhabdde utuu hintaanee akkata nuti itti furruu dha. Dubbii ka’ee jiruu tokkoo dubbii dhaan furuu yaalla yoo ta’ee abidda irratti beenzila dabaluu dha.

↪️Kunimmoo rakkoo jiruu ittumaa akka inni bal’atu godhaa. Dogoggora karaa Dogoggoraa hiiknna jedhanii yaaduun dogoggora guddaadha. Kanaaf haa damaqnnu. Hamma yoomiitti hukurmanee walhunkurraa. Application kunnooti buufadhaa

https://play.google.com/store/apps/details?id=org.wordpress.android

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *