Shamarree waggaa 14 Magaalaa Hawaasaatti butamtee turte

Hiriyaa caalaa gorsaa fi jechoota jajjabeessaa isinif kennu kana danda’uu appy kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira 👇🏾

Shamarree waggaa 14 Magaalaa Hawaasaatti butamtee turte dargaggeessa Bute Waliin to’atamte.

Waliif Tv( Waxabajji 19/2023) Finfinnee
Shamarreen waggaa 14 Meelaat Mohammad torban darbe Magaalaa Hawaasaatti konkolaataa lamaan butamtee achi buuteen ishee dhabamee ture.

Poolisiin Magaalaa Hawaasaa Akka ibsetti Shamarree kanaafi dargaggeessi Butii raawwate Kun Dilbata halkan Sa’atii 5:00 irratti Mana nama dhuunfaa Magaalaa Yergaaleem bakka Araadaa jedhamutti to’atamuu ibse.

Butamuu Shamarree kanaa booda hordoffii cimaa Poolisiin taasisaa tureen dargaggeessa ishee Bute Waliin shamarreen Kun to’atamuu ajajaa Poolisii Magaalaa Hawaasaatti gargaaraa Inspeekteraa Malkaamuu Ayyalaa ibsanii jiru.

Gama biraatiin ammoo Vidiyoo gabaabaa Karaa Miidiyaa hawaasaa TikTok gadhiifameen shamarreen Kun “Fedhakooti malee Butii miti haadhakoo waan gochaa jirtu dhaabi” yaada jedhu erga qoodameen booda namoota baay’ee gidduutti dheekkamsaafi burjaajii uumeera.

Vidiyoon Shamarree kanaa kan dirqamaan waraabame ta’uu Akka malu shakkii qabaachuu himuun, suuraaleen baay’eenis Miidiyaa hawaasaa irratti qoodameera.

Dargaggeessi Shamarree kana butes Dilbata kaleessaa jaarsolii gara Mana Shamarree kanaatti ergatee turuus maatiin ishee ibsanii jiru.
Waldaan ogeeyyii seeraa Dubartoota Itoophiyaa ammoo Fuula Fb isaarratti yaada laateen dhimma Shamarree Meelaat faana dha’ee kan hordofu ta’uu ibsee jira.
Application kunooti buufadhaa itti fayyadama

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.shegersoft.jechoota_xiinsammuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *