Amanamummaa nama keessaa gogsa

akkuma salphaatti hojjetettu argaachuu dandeessuu appii dhugaadhaan gatii kennuu kana link isa barreeffama kana jala jira buufadhaa.

“𝑮𝒂𝒂’𝒆𝒍𝒂 𝑫𝒖𝒓𝒂”
𝑲𝒖𝒕𝒂𝒂 3ffaa

Seensaa fi kutaalee lamaan darban keessatti osoo gara gaa’elaatti hin seenin dura maal gochuu akka qabnu qabxiilee muraasa ilaallee turre. Ammas kutaa kana keessatti qabxiilee hafan akka armaan gadii kanatti ilaalla. Isaanis:

5) Cubbuu irraa fagaachuu:
Namoota hin fuudhin hedduu kan balleessaa jiru cubbuu dha. Cubbuu keessaas cubbuu ‘sagaagalaa’ ykn ‘sharmuuxummaa’ jechuudha. Addunyaan amma keessa jiraannu tun kabaja gaa’elaa hin qabdu.

Kanaaf, waan silaa namni tokko gaa’ela keessa erga seenee booda raawwachuu qabu gaa’ela dura akka inni shaakalu gooti. Ilaalcha namoota hedduu keessatti namni ‘sharmuuxee’ hin beekne tokko ‘faaraa’ jedhama. Dubartiin durbummaa/bantii ifii eeggattee jiraattu ‘faaraa’ jedhamti akka ilaalcha warra ‘sharmuuxanii’ tti.

Haa ta’uu malee ‘sagaagaluun/sharmuuxuun’ qaroomina osoo hin taane safuu dhabummaa, naamusa dhabummaa, of to’achuu dadhabuu, cubbuutti harka kennachuu dha malee ulaagaa kamiiniyyuu jabina hin ibsu. Macaafi Qulqulluun “Ani golgaa koo keessaa karaa qaawwa mana kootii ala ilaalee, wallaalota keessaa, dargaggoota gidduudhaa, gurbaa qalbii hin qabne tokko nan arge.

Inni cinaacha karaa mana dubartii tokkoo dhaqu irra, gara mana isheetti fuula deebifatee, in adeema ture (Fak 7/6-8)” jedha. Akka sagaleen Waaqayyoo jedhutti ‘sagaagalaa’ ta’uuf ykn ejjuuf haxxummaa osoo hin taane sammuu dhabaa ta’uudha kan barbaachisu.

Namni sammuu/qalbii dhabe miilli isaa gara ‘sharmuuxummaa’ tti adeema. Golgaa dukkanaa keessa jiraatee hojii akkasii kana hojjata. Wanti dukkana keessatti hojjatamu immoo hojii dukkanaati malee hojii haxxummaa/qarummaatii miti.

Dargaggootni baay’een sababa “wal fuunaatiin” cubbuu sagaagalaa keessatti kufu. Si jaaladhee siif du’uuf; kanaaf si wajjiin ciisu qaba jedhee sossobata. Haa ta’uu malee jaalalli cubbuutti nama geessu jaalala miti. Jaalalli of jaalataa miti. Miiltoo isaas cubbuutti hin oofu. Jaallannaan obsitee gaa’ela keessattiidha wal qunnamtii saalaa raawwachuu kan qabdu.

Wal fuudhuuf waadaa galuun ‘sharmuuxummaa’f sababa quubsaa miti. Hariiroon saalaa kan gaa’ela keessatti raawwatu hariiroo kabajamaa fi jaallatamaadha. Maqaan isaas ‘wal qunnamtii saalaa’ jedhama. Hariiroon saalaa kan gaa’elaan alaa immoo ‘sagaagala, ejja, battummaa, ‘sharmuuxummaa” jedhama. Maqaa kookkisaa itti moggaasuun sirrii miti.

Egaa namni tokko osoo gaa’ela keessa hin seenin dura cubbuu ejjaa/sagaagalaa/’sharmuuxummaa’ irraa of eeggachuu qaba. Tarii yoo cubbuu kana keessatti kufeera ta’e Waaqayyoon araarfatee cubbuu kana irraa duubatti deebi’uu qaba. Cubbuun kun dha’icha guddaa nama irratti fida.

Jireenya namaa balleessa. Amanamummaa nama keessaa gogsa. Kaayyoo namaa fashaleessa. Waaqayyo wajjiin nama walitti buusa. Gaa’ela diiga. Jireenya hawaasummaa balleessa. Kutaan kun asuma irratti raawwata. Kutaan itti aanu itti fufa…

Yaadaaf gaaffii yoo qabaattan AlemayehuHotessa jedhaa nuuf barreessaa.
Application kunooti buufadhaa itti fayyadama

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.gameeapp.android.app

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *