Namnni Tokko, lamaa moo sadi: fooniif lubbuu

Bara haaraa kanati suuraa keessan maxxansuuf uffata haaraa bitachuun isin hin barbaachisu akka barbaaddanitti jijjiirtanii suuraa keessan bareedanii maxxansuun hin Danda’ama kana gochuuf appy kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira

Namnni Tokko, lamaa moo sadi (whole, Dichotomy & Trichotomy)

1↪️Sadii (Trichotomy): Qaama, lubbuu fi hafuura
Ilaalchi kun namni “foonii” fi “lubbuu” qofa utuu hintaanee kutaa sadaffaa, “hafuura” qabaa jedhani hafuuraa fi lubbuu adda baasuu. Hafuurri kallattiin Waaqayyoo wajjin wal qabata, isa waaqeesuuf nama gargaara jedhani amanu. Addaami fi Hewwan gaafa cubbuu hojjetan kan akkuma sanaan du’ee hafuura isaaniiti jedhani amanuu.

Ilaalchi kun nama kan bakka sadiitti baasuu(trichotomy) jedhama. Kun Waldaa warra wangeelaa keessatti ilaalcha namoonni baay’een baraniifi barsiisani dha.
Akka namoonni sadii (trichotomists) baay’een jedhanitti, lubbuun namaa sammuu isaa, miira isaa fi fedhii isaa of keessatti qabata.

Hafuurri namaa garuu dandeettii ol’aanaa kan inni qabaatu yeroo namni tokko Waaqayyotti amanuu ykn lamaffa dhalatu dha jedhu. sababi isaa duran cubbuu dhaan du’ee waan tureef gaafa amanuu hafuurri isa bilisa ta’aa. Roomaa 8/10 irratti “Kristoos isin keessa yoo jiraate, qaamni keessan sababa cubbuutiin du’us, hafuurri keessan qajeelummaa irraa kan ka’e jiraata ” jedha.

Hafuurri kutaa qaama keenya (foonii fi lubbuu) caalaa kallattiin Waaqayyoon waaqeffannuu fi kadhannudha jedhuu (Yohaannis 4/24 fi Filiphisiiyus 3/3). Foonni keenyaa fi lubbuu keenya hin waaqeefattu jechuu dhaa? qaama namaa keessaa hafuura qofaatti iddoo kenuun fayyinni keenya warra kaan hin ilaalaltu jechuu dhaa? ilaalchi falaasamoota warra Greeki “Haffura malee wanti ijaan mul’atu qaama nama dabalate gadhee dha” jedhuu.

kanaaf qaama isaatiin namnni waan barbaade yoo godhe rakkoo hinqabuu kan jedhuu fi hafuura akka malee ol kakaasuun “namnni hafuura kan jedhuu” fi dogoggora biraaf kan karaa banee dha. ilaalchi kun macaafa qulqulluu caala falaasama warra biyya lafa kan fudhateedha.
Falmiiwwan ijoo ilaalcha kanaaf deggersa ta’anii fi morman booda bali’nan qoranna.

Ilaalcha kana warri fudhatan “Hafuurri” kutaa namaa adda ta’e osoo hin taane, salphaatti jecha biraa “lubbuu” jedhuuf akka ta’e falmu. Namni kutaa lama qabaa. Innis foon isa mul’atuu (physical body) fi lubbuu/hafuura (soul or spirit) irraa ijaarame jedhu. Foonni (material) fi lubbu ykn hafurri (immaterial) dha. Lafa macaafi qulqulluun lubbu jedhetti lubbu jenne fudhanna, lafaa inni hafuura jedhettis hafuura jenne fudhanna.

Kan hinduunee qaama nama (immaterial) isa ta’ee waliin geedaree waame malee lachuu tokkoo dha kan jedhuu dhaa. Fakkeenyaaf: “Yesuus sagalee guddaadhaan, ‘Abbaa, hafuura koo harka keetti nan kenna’ jedhee iyye Luqaas 23/46. “Yeroo isaan dhagaadhaan isa rukutan, Isxifaanos, ‘Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu’ jedhee kadhate.” Hojii Ergamootaa 7/59. Macaafa Lallaba 12/7 irratti “biyyeen lafa irraa dhufetti deebi’a, . hafuurri immoo gara Waaqayyoo isa kennetti deebi’a.” jedhaa. Kutaa kana keessatti biyyee gaafa jedhuu foon (qaama) nama isa mula’tu dhaa.

Hafurri garuu gara Waaqatti deebi’aa. Seera Uumamaa 2:7 “ Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’ee.” Jechi Ibirootaa lubbuu jedhu נֶפֶשׁ (nephesh) dha, akkasumas barreeffama Ibrootaa kakuu moofaa keessatti yeroo 753 argama. 475 “lubbuu” jedhamee. Yeroo 117 “jireenya” jedhamee. Seera Uumamaa 2:7 irratti, Waaqayyo qaawwa funyaan isaatti hafuura jireenyaa itti godhu itti baafachu isaatiin lubbuu jiraataa ta’ee.
Ruach jecha Ibroota jedhu “hafuura” jechuudha. Yeroo 378 ni mul’ata.

Taateewwan kana keessaa 232 “hafuura;” jedhamee hiikamaniiru. 92 “bubbee;” jedhamee hiikamaniiru. 27 immoo “hafuura” jedhamee hiikamaniiru. Walfakkiitu hafuuraa fi qilleensa gidduu jira malee garaagarumaan hinjiruu. Jechoonni lamaan afuura jechuu waan ta’eef walfakkaatoo ta’uu isaanii hubachuu gaariidha.
Lafa dubbin Waaqayyo hafuura jedhee ykn lubbuu dha jedhee akka inni jedhetti fudhanna.

Bakka lama ykn sadi jenna yoo ta’ee bakka afuruu ta’uu danda’aa waan ta’eef akka bareefamee jirutti fudhachuutu gaari ta’aa. Namnni qaama mul’atu qabaa akkasuma immoo kan hin mul’anne qabaa. Inni hin mul’anne lubbu ykn hafuura jechuu dha.
Dr Mezgebu irraa nuuf darbaa jira eebbifamaa
Application kunooti itti fayyadama iddoo install jedhu xuqaa buufadhaa

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *