Gidiraanii fi rakkinni uttuu hin eegamin uttuu hin barbaadamin uttuu

macaafa qulqulluu sirrii argachuuf appy kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira

Gidiraanii fi rakkinni uttuu hin eegamin uttuu hin barbaadamin

Faallaa Jireenyaa waliin Jiraachu
Gidiraanii fi rakkinni uttuu hin eegamin uttuu hin barbaadamin utu hin hawamin utu hin afeeramin nama irra gaaa. Namni ga’ee jireenyaa kana irraa qoda in fudhanne in jiru; haaxinnaatus habayatus bara jireenya keenyaa keessatti gidiraaniif dhibeen gara garaa numudata.

Akka Kristaanotaatti haala akkasii keessatti yaroo of arginu dalga nutti gala. Waa’ee Waaqayyoo wanti nuti beeknuf haalli keessa jirru kan wal-faallessu nutti ta’aa. Waaqayyo essa jira, yaroo kun narra ga’u? jechudhaan gafanna. Nuqofa miti gaafii akkasin kan rakkate; toloti gooftaa Macaafa Qulqullu keessatti seenaa isaani dubbifnu illee gaafii akkasitin yaroo dhibaman argina.

Farfannaa 22/1 irraa akkana jedha: Waaqayyo ko, Waaqayyo ko, maaliif na dhiifte? Ana gargaaruuttii, dubbii aadnaa koottis maaliif fagaatte?

Yaroo tokko tokko Kristaanonni in qoramu; gidiraan warra Waaqayyon beeku kan warra Waaqayyon in beekne utu caalu argudhaan itti rakkatu.

ATTAMITTIN HAALA FAALLA KANA ILAALLA?

Kristaannummaan duuka buutu Kristos ta’udha; duuka buutuu isaa ta’un bu’aa maalii qaba isa jedhuf amantonni tokko tokko ilaalchaa fi hawwi dogoggoraa qabu.

Duuka buutuu Kristos yaroo taanu gidiraa in qabnu, rakkina in qabnu, gammachudhaan dhibee tokko malee jiraanna jechutin yaadu. Garu Macaafa Qulqullu yeroo dubbifannu, utuu baayyee hin fagaatin nuus Kristaanonni gidiraa biyya lafaa cubbun kufee kana kessatti ilmaan namaa irra ga’u keessaa hirmattu ta’u keenya barra. Akkasumas Waaqayyo haala dukana’aa fudhee gara gaaritti akkanni debisus in argina.

Kanaafu kutaalee Macafaa Qulqullu keessatti gidiraan qaama jireenyaa akka ta’ee, qulqullonni illee gidiraa baayee keessa akka darban hubanna.

Farfannaa 34/17 irratti
Yeroo warri qajeelonni gara isaatti iyyan, Waaqayyo in dhaga’a; inni rakkina isaanii hundumaa keessaas isaan in baasa.

Asitti waa madaalu qabna. Dhuguma rakkina keessa in darbina garu Waaqayyo kadhata keenya dhaga’ee gidiraa keenya keessaa akkanni nu baasu beeku qabna. Gidiraan yaroo nu argatu hiiree kooti jenne keessa ta’au osoo hin ta’in amma Waaqayyo keessa nubaasutti Waaqayyo ko, Waaqayyo ko, gidiraa koo kessaa nabaasi jenne itti kadhachu nurra jira. Innis akkuma waadaa gale, yaroo isaatti nubaasa.

Farfannaa 34/19
Wanti hamaan nama qajeelaatti in baayata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.

R/Isayyaas 43/2,3 irratti
Yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu;
Ani Waaqayyo gooftaan kee isa qulqulluu kan Israa’el, ani fayyisaa kee ti jedha.

Yohannis 16/33 irratti
Biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo’eera jedha.

Caalaatti yaada kana balinaan ilaaluf mee Macaafa Qulqullu keessaa jireenya namoota lamaa xinxalla.

Waa’ee jireenya Iyyob maal beekna?

Hirina kan hin qabne
Nama yaada qajeela
Nama Waaqayyoon sodaatu
Hamaa irraa kan gore
Ijjoollee kudhan kan qabu
Soreessa badhaadhaa
Namoota gara baa-biiftuu jiraatan hundumaa keessaa inni nama guddaa ture.

Gidiraa fi hirina jireenya Iyyob irra gae:

Sangonni isaa fi harronni isaa in hataman
Hojetonni isaa in ajeefaman
Holonni isaa ibiddaan gubaman
Gaalonni isaa in hataman
Ijoolleen isaa hundi bubbeedhaan duan
Qaami isaa madaa dhan rukutame
Dhuma irratti jireenyi Iyyob maalfakkata?

Waaqayyo debisee nama badhaadha isa godhe
Qabeenya dur qabun harkka lama hore
Jireenyi Iyyob inni bodanaa isa duraa caalaatti kan eebifame tae.
Ijoollee kudhan debise hore
Ijollee ijollee isaa amma dhaloota afuritti arge
Umuri qufe due

Iyyob bara rakkina isaatti faallaa jireenyaa keessa lixe keessatti gaafii baayee gafate. Waaqayyo ininni beekuf wanti isa irra gaaa ture kan walitti in dhufe itti tae.

Namni inni lamataa Macaafa Qulqullu keessatti faallaa jireenyaatin muddame ammo Yoseefi.

Abddi kutannaa fi gadda attamitti walaanu qabna

Waan tokko yokaanis nama jaallannu jireenya keenyatti aane, maxxanee kan jiru tokko yeroo dhabnu gadda guddaatu nurra gaa. Fakkeenyaaf gaddi akkasii kun:

Namni nuti jaallannu yeroo duu
Hojii keenyaa yeroo ariamnu/dhabnu
Walitti dhufeenyi, hiriyyummaan, firomni namoota waliin qabnu yeroo sababa garaa garaatin yeroo dhabamu.

Wanti nuti eegne fakkenyaaf bakka hojiitti guddina argachu yaroo dhabnu
Qabeenya keenya ibiddaan, hannaan, samamuudhaan, gatudhaan yeroo dhabnu.
Mucaa godhachu barbaanne godhachu yeroo dadhabnu yokaanis mucaa qaama hiru yoo arganne gaddi nurra gaa.

Namonni yeroo gadda keessa jiran maal eegu?

Nama/namoota barbaadu. Nama gadde tokko akka itti jajjabessinu waan hin beeknef gaf gaafii irraa faganna taa. kun gaarii miti.
Nama isaan dhaggeeffatu. Nama isaanitti utu hin faradin dhageefatu.
Nama gadda isaanii hubatee isaan waliin giddutin jaalala qaban mulisu barbaadu.

Namonni gaddan gaafii baayee deebii barbaadaniif haaqabaatan malee issaa debii isaanii guutu akkatti debiftufitti sirraa in eegani. Jirreenya keenya keessatti gaafii debii argufiin in dandaamne baayetu jira. Garu jaalalli keenya, sibiran jira waliin jechun keenya nama gadda keessa jiru sanaaf waan guddaadha.

Gaddi yeroo nurra gau attamitti keessaa bau dandeenya?

Gadda kee waan sitti dhagaamu hundumaa utu hin dhoksiin Waaqayyotti himi. Kana jechunis sodaa kee, aarii kee fi kkf. Akkasumas nama amanamaa tokko yoo qabaatte namattis himun furii guddaa namaa keenna.

Kan sifayyisu Waaqa waan taeef keessa kee isatti banii kenni.
Namni tokko biyya lafaa irra yeroo jiraatu gaddi, abdii kutachun, aariin, gidiraan, akka irra gau of amansiisiti kun siduwaa irra akkanni in geenye bari.

Amma gaddi kee sii bautti gaddi (akka kanaa olitti kaamee jirutti jechudha).
Yaada walitti qabaa barsiisa kanaa:
Gaddii gidiraa keessaan nama irra gau midhaa inni nama irraan gau maal akka taee ilaalleera.

Kristaanota taane yaroo jirru waaee jireenyaa, gidiraa fi rakkinaa ilaalcha dogoggoraa taee waan qabnuf yaroo gidiraan nurra gau abdii kutannaaf haala dalga namatti galu keessa seenna. Garu wanti nuti beeku qabnu jireenyi keenya gara fula duraa waan qabatamaa miti, darbbe ammo biyya lafaa kana irra amma jirrutti gidiraanii fi rakkinni nunolu. Hubannaa kana yoo qabaanne jireenya jiraachuf qophee gaaa goneerra jechudha.

Xumura:
Dhiphinni, gidiraan fi qorumsii qaama jireenyaati. Kristaanota taanu iyyu isaan kana jeelaa ala tau in dandeenyu amma biyya lafaa kana irra jirutti.

Garu Waaqayyo gidiraa keenyatti nugargaaruf, waan gaarii tokkos gidiraa keenya keessaa baasuf inni amanamaaf tolaa dha. Yesus cubbu irraa kan hafee waan hundumaan qorameera, duI utu in hafiin. Kanaafiti Hafuura Qulqullu jajjabeessaa ijoollee Waaqayyo isa ta’e Waaqa irraa nuerge.

Akeeki barnoota kanaa attamittin Faallaa Jireenyaa kan nutti tau gidiraa fi qorumsa keessa darbine jireenya injifanno qabu jiraachu akka itti dandeenyu mulisudhaafi.

Gaddi keenya yoo nubaane taee, keessa keenyatti ukaamamee yoo hafee, bifa biraatin jireenya keenya keessatti mulachu eegala. Fakkeenyaaf obsa dhabu, dafanii aaru, dallanu fi kkf. Midhamii keenya ammam iyyu gadi hafagaatu keessa keenya keessa sakataane amma fayyinutti walaansa argachutu nurra jira.

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *