Gaafii deebii dhabee seenaa dhugaa!

Seenaan dhugaan kun baay’ee nama gaddisiisa

  Namni akka koo jira jedhee hin yaadu, garuu jiraachuu danda’a.
  Seenaa kana qooduu kanan barbaade yeroo hunda gaaffii  keessa koo waanan jiruf yoon dubbadhe tarii namni tokko yaada qajeelaa naaf kenna ykn gorsa nama biraa yoo argadhe sodaa gaaffii kana keessaa bahuu nan danda’a jedheen yaade.

  Ani ijoollummaa kootii kaasee abjuu ykn mul’ata keessa koo jiruuf jiraachuuf akka namatti baraadhes hojjedhes abjuu koo jiraachuun fedhii koo irraa darbee dirqamaa ta’ee natti argamaa.
  Jireenyi hireedha malee hiriyaa miti.

  Abbaa koo ijoollummaatti du’an dhabus haati koo obbolaa koo waliin nu guddifte. ani mucaa dhumaa irraa dhaladheedha.  Ani erga of beekee mana barumsaa galee kutaa tokko irraa hanga kudhanitti baradheera. haa ta’u malee kutaa sadeeti hanga kudhan gidduutti rakkoon guddaan na mudatee ta’uus abjuu koo dhugoomsuun qaba jedheen xiqii keessa galee.

  Rakkoon na mudate namoonni baay’ee na jaallatanillee ani nama jaalladhu hin qabu ture.  Garuu maatii koo irra deddeebi’anii hin gaafatu turan, maatiin koo umuriin ishee gaa’elaaf hin geenyee lakkii haa barattu jedhani didanii, gidduu kana keessaa tokko humnan na qabee waan badaa narraati hojjechuuf yaale turee haa ta’uu malee ani harkaa bahee jira.

  Silaa gaafas humtuu hin umamne waan ta’eef qulqullummaa koo ammallee waan jiruuf gaafa sana maatii kootti hin himne.  Haa ta’u malee ji’a 4 booda baay’ee dhukkubsadhee mana yaalaa dhaqee daa’imni gadameessa kee keessa jira naan jedhe kun gonkumaa ta’uu hin danda’u ani dhiiraa bira hin geenyee qulqullummaati jira jedhen mana yaalati bahee galee. torbee tokko booda iddoo birati ilaalamuuf yoon deemu dr akkas nan jedhe ati durbaa garuu daa’imni gadameessa kee keessa jira  naan jedhe, anis waan godhu dhabe.

Gara manati galee xiqiin jireenyaa itti fufuu qaba malee abjuu koo karaati hin habisuu jedhen murteesse. ammas maatiin koo kana hunda hin beekan.

  Akkamitti akka akkas ta’e hin beeku, keessa kootti gaaffii deebii hin arganne ta’ee hafeera.
  Guyyaanis gahee anis mucaa nan  godhee. qulqullummaa koo mucaa koottu! balleesse.  Ergaasi maatiin natti dheekkamanis obseen ba’aa hunda dhabe.

  Kunis yeroon kutaa saddeet xumuree kutaa 9ffaati darbeedha. barnoota koos addaan kutuu ykn dhiisuu hin barbanee. gara mana barumsaati deebi’ee barumsaa koo kutaa 10n jalqabee.

Garuu barumsaa baradhee abjuu koo dhugoomsuu hin danda’uu nati akka ulfaatus nan hubaadhe. yeroo kana biyya arabaa deema jedhen murteeffadhee. waaqayyos na gargaareera biyya arabaa deeme hojii koo hojjachaa jira abjuu koo milkiin jiraachaa jira akka nama tokkoti.  Milkaa’aa yeroon jedhu sooressa jechuu koo miti abjuu keessa koo jiru jiraachaa jira jechuu kooti guddaa Gooftaan haa ulfaatu.

  Mucaa koos barachaa jirti garuu yoon galee abbaan koo eenyu akka jettu beeka kanaf immoo baay’een sodaadha. sababni isaas mucaan gaafas humnan na qabu barbadee humaa akka ofi hin rawwaane beeka waan ta’eef kan keeti osoon isan jedhe amanee hin fudhaatu dhugaa kana. anis akkas jechuuni gonkumaa hin barbaadu.

  Mucaa kootiif deebii kennuu hin dandeenye.  Hiriyaan ani kana booda jaalladhu dhuguma dhugaa kana narraa fudhatee jireenya dhugaa na waliin jiraata jedheen gaaffii fi shakkii qaba. 

Mee sodaa keessa koo jiru akkan of keessa basee jireenya gaafii hin qabne jiraadhuf gorsaas ykn yaada keessan na bareessa anis dubbiseen keessatti of ilaalaa. Jireenyi hireedhaa.
Seenaa dhugaa kanan dubbisee irraa Eebbifamaa

Yoomiyyuu abdii kutadhee
Galma koof yaada hin hiru
Namni abdii kutatu
Isa du’erra hin jiru!

Daandiin kaayyoo koo geessu
Yoo fakkaates caccabaa
Lafa abjuu koo Sana
Bor iftaan Nan qaqqaba!

Iji kΓ ayyoo fageenyatti
Ifa isa borii agarti
Obsaaf seexaa qabaannaan
wanti hundumtuu hin dabarti!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *