signs of true love A strong bond

“Mallattoolee Jaalala Dhugaa”

Nagaan hunda keessaniif haa ta’u. Namootni baay’een waa’ee jaalalaa na gaafachaa jiru. Hiriyaan koo na jaalachuu fi jaalachuu dhabuu isaa adda baafachuu dadhabe kan jedhan jiru. Isaaniif deebii akka ta’uuf barruu gabaabaa kana qopheesseera. Jaalalli dhugaa mallattoolee armaan gadii kanneen agarsiisa. Isaanis:

1) Walitti hidhata cimaa: Jaalalli dhugaa walitti hidhata cimaa (deep emotional connection) qaba. Namootni hedduun sababiima namni tokko “ani si jaaladha” jedheef osoo jaalala sana adda hin baafatin gatii guddaa itti kafalu. Namootni tokko tokko osoo keessa isaaniitiin jaalala hin qabaatin afaaniin boombii gad dhukaasu. Jaalalli walitti hidhata miiraa gad fagoo (deep emotional connection) hin qabne umrii hin qabu. Dafee addaan cita.

2) Haal-duree tokko malee gargaaruu fi eegumsa barbaachisaa kennuu: Jaalalli dhugaa nama jaalatu sanaaf gargaarsaa fi eegumsa haala irratti hin hundoofne (unconditional support and care) qaba. Namni dhugaan si jaalatu haala ilaalee sitti hin siqu; haala ilaalees si irraa hin siqu. Eegumsa siif kenna. Eegumsi inni siif kennu haala irratti kan hundaa’e miti. Si gargaara. Garuu waa sirraa argachuuf miti. Akkanumaan si jaallata. Si gargaara. Eegumsa siif malu siif kenna. Fayyaa keetiif, gammachuu keetiif, guddina keetiif iddoo guddaa kenna. Yeroo qormaataa fi bu’aa ba’ii jireenyaa si biraa hin dhabamu.

3) Wal kabajuu: Jaalalli dhugaa hundeen isaa kabaja. Jaalalli wal kabajuu (mutual respect) irratti hin bu’uureffamne dhaabbatee hin turu. Namootni lamaan kun yaada walii ni kabaju, ilaalcha walii ni kabaju, daangaa walii ni eegu, fi haala kamiiyyuu keessatti wal hubatu. Walii walii isaaniitiif iddoo guddaa kennu.

4) Wal amanuu: Jaalalli dhugaa amantii of keessaa qaba. Hiriyootni kunniin wal amanuu qabu dhugumaan wal jaalatu taanaan. Namni tokko dursa ofii isaatiif amanamaa ta’uu qaba. Namni ofii isaatiif amanamaa ta’e Waaqayyoofis nama biroofis amanamaa ta’a. Namni tokko ofii isaatiif hin amanamu taanaan nama biraas amanuu hin danda’u akkuma “haati hattuun ilmoo hin amantu” jedhamu sanatti. Namni hatu tokko namni hunduu hattuu itti fakkaata. Hiriyaan waan hin taane hojjatu hiriyaa isaas akkuma ofii isaa sanatti yaada.

5) Wal fudhachuu: Namni si jaalatu tokko ciminaa fi dadhabina kee walumaan waan si jaalatuuf si fudhata. Ati yeroo hundaa keessa isaa jiraatta. Nama biraa wajjiin si hin madaalu sababiin isaas akkuma ati jirtutti si fudhateera waan ta’eef. Akka abaluu ta’i jedhaa si cinqa taanaan si fudhatee hin jiru. Keessa isaatiin si simannaan ati waan hundumaa caaltee itti mul’atta.

6) Aarsaa: Jaalalli dhugaa aarsaa nama kafalchiisa. Si jaallannaan aarsaa siif kafala. Siif jedhee waan jaallatu tokko dhiisa. Siif jedhee waan hin goone tokko godha (cubbuu hin ta’in malee). Waan dhuunfatti qaban hariiroo isaanii sanaaf jedhanii aarsaa godhu. Dursa hariiroo isaanii sanaaf kennu. Ofii isaanii gara hariiroo sanaatti sirreessu (adjust)

7) Wal hubachuu: Nama tokko hubachuu danda’uun waan salphaa tokko miti. Addunyaa kana addunyaa lolaa fi jibbaa kan gochaa wal hubachuu dadhabuu dha. Miira nama sanaa hubachuu danda’uun iddoo guddaa nuuti nama sanaaf qabnu agarsiisa. Namni ati jaalatte sun nama kanaan dura miidhamee jiru faa ta’uu danda’a. Namni kana dura miidhame tokko madaan sun akka lammata tuqamu hin barbaadu.

Hundi keenya iyyuu madaan keenya yommuu tuqamu akkuma nu dhukkubu nuutis nama nu bira jiru sanaaf yaaduu, isa hubachuu, fi miira gar-laaffii qabaachuu qabna. Namni ati jaalattu sun tarii yoo bakka ati eegde sanatti argamuu dhabe namni kun maal ta’eeti laata jettee osoo nama sana hubachuu yaaltee gaarii ta’a.

8) Cubbuu irraa wal dhiibuu: Namootni hedduun jaalala dogoggoraan hubatu. Yaada kana mee akka armaan gadii kanatti haa ibsu. Gurbaan kun si jaalata. Kanaaf siifan du’a, siifan awwaalama siin jedha. Achumaan ‘koottu waliin ciisna” siin jedha. Atis baay’ee na jaalata jettee waan amantuuf deemtee jalatti bargaaffatta.

Jaalala warra wal hin fuudhin gidduu wal qunnamtiin saalaa seennaan jaalalli sun tortoree/shamee jira jechuu dha. Warra wal hin fuudhin gidduutti wal qunnamtiin saalaa mallattoo jaalalaatii miti. Sababiin isaas wal qunnamtiin saalaa gaa’elaan alatti “CUBBUU” dha waan ta’eef.

Jaalalli garuu gara cubbuutti nama dhiiba osoo hin taane cubbuu irraa nama dhiiba. Kaadhimamtootni cubbuu sagaagalaatti borcamaa turanii “wow yeroo gaarii dabarsine” jedhan baay’ee na ajaa’ibu. Cubbuu keessa turanii gaafa bahan gaabbiin namatti dhaga’amuu qaba. Garuu namni Hafuurri Qulqulluun keessa isaatti “active” hin taane cubbuu hojjatee gaabbuu hin danda’u; cubbuu hojjate sana akka waan gaarii godheetti itti gammada malee. Kanaafuu, jaalalli dhugaa cubbuu irraa nama dhiiba malee cubbuutti nama hin dhiibu. (…𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒂) 𝑬𝒆𝒃𝒃𝒊𝒇𝒂𝒎𝒂𝒂! Barreessan
𝑨𝒍𝒂𝒎𝒂𝒂𝒚𝒚𝒐𝒐 𝑯𝒐𝒙𝒙𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂

Barumsaa gaa’elaa karaa YouTube barachuu yoo barbaadan iddoo install jedhu xuqaa dhaggeeffadha

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *