Walaloo Afuuraa: poems of the Spirit

Application kana bufaadha Itti fayyadama link isa bareefama kana jalaa jira

“Qaraaniyoo gubbaatti
dhiiga kee lolaaftee,
Isa na hidhate cubbuttii na hiikte
Himee illee hin fixu
Gooftaa koo gochaa kee
Waan na faayifatteef Yesus galata kee

Homaa utuun hin beekin
si yakkeetan ture,
Anaaf dhiphachuu kee
Gooftaa ko ani hin barre,
Atoo anaaf jettee
muka Fannoo baattee,
Duutee awwaalamtee
anaaf du’aa kaate.

Utuu ati na waamtuu dhaga’uu dadhabee, Dhiiga kee qulqulluu irran tarkanfadhe Garaa naa hin kutanne na duukaa immoo buutee, Lubbuun koo utuu hin badin waamtee na deebifte. Cubbuun na joonjessee Iji koo na jaamee, Kan na argus dhabeen bakkeetti gatame Utuun bitintiruu jooree utuun qoramuu, Gooftaa ko na dhaabde Jaalalli kee hin dhumuu. Akkan siin biqile siin akkan guddadhu, Jaalala isa hin dhumne akkan siif qabaadhu, Akka ati na jaallatte si jaallachuun fedha, Jaalala kee haa ta’u Goofta sin Kadhadha.”

Birmadummaan na gonfitee
Qaanessite diinootakoo
Dhiigaa keetiin na golgite
Anaaf taate jireenyakoo!
Eenyummaan koo inni kaleessaa
Awwalameera dacheetti
Dukkana keessan si’iin ba’e
Mul’adhe ifa bakkeetti.
Si’achis balaan na hin argu
An si keessa dhokadheera
Arfiin du’aa siin caccabee
Seexannis golgolaa’eera.
Ol aantummaakee labsite
Du’aa kaate of mul’istee
Kabajaaf teessuma diinaa
Akka hin kaanettii kuffiste!

Application kunnooti amumaa bufaadha👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.vyroai.photoenhancer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *