You will see warm love from him, not hatred

Namoota  gosa  afur qabda Dubbisaa

Namoota sijaallatan irraa namootni qajeelumma si gorsan in wayyu jedheen Yaada.

Namni tokko Firoota gosa afur qaba

↪️ Warraa qeeqaaf arrabsoo jaallatan

Namootni akkasii yeroo hunduma dhimmakee qabu. Dhimmakee kan isaan qabaatanif garuu dogoggoruu kee sababii barbaadaniif qofa

Yeroo waan gaari hojjettu si hin jajjabeessan. Dhuguma waan gaari hojjette jedhani harkas Siif hin reeban. Keessattuu midiyaa hawaasa kana irratti baay’etu mul’ata.

Yeroo ati dogoggortu garuu eessa akka isaan ba’an ariifatani si bira ga’aan hin beektu. Warra kana gaafa waa dogoggortu of biratti argita. Sammuukee miidhuufi walaala akka taate odeessu barbaadu malee si gorsuu hin barbaadan.
Warri kun rakkisoodha

↪️Warra dhimma kee hin qabne.

Isaan kun waan gaari hojjettes waan gadhee hojjettes waa’eenkee Isaan hindhibuu kufuun kees milkaa’uun kees isaan hin dinqu.

Tuffii guddaa Siif qaban irraa kan ka’ee eessa iyyuu hin gessu jedhani waan yaadaniif care sin kennan
Garuu namoota miiltoo hojiikee ta’uu qaban turan
Ati garuu Waaqayyoon amanadhuuti mul’ata keessa ke jiruun milkaa’uuf fiigi malee dhimma namoota akkasi hin qabaatiin!

↪️ Baay’ee kan sijaallatan garuu mul’ata kee warra hin deggaree

Isaan kun immoo hiriyyoota, Maati, kee keessa ta’uu danda’u
Mul’atakee ykn hojiike garuu ni tuffatu.

dhimmakee qabu malee Dhimma mul’ata ati qabattee baate hin qaban. Warri kunis mul’atakee sikeessatti ajjesuuf warra sodaachisan dha.

Murtoo ati ofiikee irratti akka jijjirtu si godhu
Namni ogeessi garuu warra kana irraa of eeggata mul’ata isaatti jabaate Lafa yaade ga’aa.

↪️ Yeroo hundumaa warri si duuka Jira.

Hojiikee isa gaaritti si jajjabeessu
Yeroo isaani Siif kennani si gorsu wanta danda’aniin si deeggaru

Yoo dogoggorte namoota fuula duratti utuu hin taane qofaatti si ifatu, ballessakee si hubachiisu

Jaalala ho’aa sitti argisiisu males miira jibbaa irraa hin argitu

Warri kun jireenyakee keessatti warra sibarbaachisandha. Mul’atakee akka galmaan ga’attuuf warra Waaqayyoo Siif kennedha. Yoomillee fuula isaani sittin jijjiran

Egaa hundi isaaniyyu ha jiraatan warri siqeeqanis warri si jibbanis si fayyadu ati garuu ofitti amanamummaa Mataa keeti qabaachuu qabda.

Obboloota kiyyaa karaa irratti si hambisuudhaaf jechootni namaa humna qaba.
Kana hundumaa mo’achuu qabda jireenya Kee qajeelfachuufi miidhagfachuuf Kan danda’uu si mataa keeti.

Sagaleen Waaqayyoo immoo si jabeessa abdii sitti hora. Duddubatti akka hin deebineef onnee sitti godha.
Barsiisa fi gorsaa gaari Isa ta’ee hafuura qulqulluu qabaadhaa

↪️Qabxiilee sagal hariiroo namoota waliin qabdan fooyyessuuf gargaaran

↪️Gaa’ilas ta’e hiriyyummaa gaarii, walitti dhufeenya hojii ta’e kan jaalalaa, walitti dhufenyi namoota waliin ummannu jireenya keenya baay’ee barbaachisaa ta’us danqaawwan heddu qabatanii dhufu.

Qabxiilee muraasa walitti dhufeenya kanneen fooyyeffachuuf isin gargaaran kunooti.

↪️ Wal-dhabdeen yoo umamee nahuu dhiisuu.
Yeroo hundumaa haalli ittiin wal dhabdee hiiknu murteessaadha.

Garaa garummaan fedhiifi yadaa yeroo hundumaa wal dhabdeetti geessu danda’u.

Wal dhabdeen walitti dhufeenya namoota waliin qabnu keessaatti umamaan yeroo hunda badaa miti.

Hiriyyummaan keenya yeroo hunda kan cimuu fi kan dagaagu garaa garummaa keenyaan waan ta’eef wal dhabdeen siriiyyu walitti dhufeenya keenyaaf bu’ura ta’uu danda’a.

Wal dhabdee haala salphaadhaan hiikuudhaaf jalqaba waan nama kaaniitti dhagahamaa jiru hubachuuf yaaluun gadda agarsiisuun murteessaadha.

Akkasumas balleessaan kan keenya yoo ta’ee itti gaafatamummaa fudhachuuf qophaa’oo ta’uun tarkaanfii jalqabaati jedha oggeessi wal’aansa gaa’ilaa Isitar Peral.

”Yeroo hundumaa namni kaan maal balleesse osoo hintaane, ani maalan balleesse jechuun of gaafachu qabna. Maal sirreessuun qaba jechuun yaadu qabaanna.”

Application kunooti itti fayyadama iddoo install jedhu xuqaa buufadhaa

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *