If there is money, everything is close to us.

Intarneetii bilisaan fayyadamaa jirtuu? Yoo fayyadamaa hin jiraannee amma appii kana buufachuun fayyadamaa. Technology’n kun osoo maall-aqa homaallee isin hin gaafatin Social Media kamuu daangaa malee bilisaan akka fayyadamtan isin gargaara. Ani ofii koodhaa itti fayyadamaan jira, Isinis itti fayyadamuuf appicha barreeffama kana jala argaatu

Maallaqni jiraannaan wanti hundi nutti dhiyoodha. Biyyoota guddataniif immoo balbalarra jira. Namnis, beekamtiinis, jaalatamuunis, jajamuunis, bashannanuun, hariiroo walitti fufaa nama waliin qabaachuun, hojii si mul’isullee hojjettee of agarsiisuun waan yeroo ammaa kana maallaqni hojjetudha.

Gama biraatiin immoo maallaqichuma fiduuf hojjechuuf jettee namallee dhabda. Yeroon wal siif hin geessu. Batattisaa olta. Jooraa oolta Yookaan immoo dhaabachaa oolta. Akkuma gosa hojii itti bobbaatuutti haalli sochii kee murteessa. Kan taa’aa oolus jira. Amala hojii isaa waan ta’eef. Kan uffachaa, dibachaaf waan dibateef waan uffate, bakka deemeef, maaliin akka deeme, maal akka nyaatees eessaa akka nyaate agarsiisaa oolus jira. Innis hojii isaati.

Garuumee… yaadeen yaadakoo sodaadhe. “Yaaduun rakkisaadha. Kanaaf namoonni hedduun murteessuu qofa filatu. ” Jecha jedhamu tokko dhaga’een rakkina yaadakootii dhiisee keessaa bahe.

Akkuma hojiinkoo na qabetti , akkuma haalli fuula natti ifetti jiraachuu naaf wayya jedheeni.

Baay’een jabinni isaanii hin argamin, kan gateettiin isaanii ba’aa meeqaaf gadi cabee ciminni yaadaaf cichoominni onnee isaanii isaan utube gola meeqa jiru!?

Kan mul’atanii jabina isaanii namni hin odeessineef, kan awwaara rakkinaa urgufachuuf aaraaf, hoo’a ibiddaaf bu’aa bayii meeqa keessa oolan, kan dafqan, kan itti gaafatamummaa meeqa baatan, kan qaawwa hedduu duuchuuf gugguufan, silaa jabinni isaanii hin argamuuf malee meeqa dammaqsanii meeqa si’oomsu!?

Kan mul’atu garuu isaan sana miti. Kan argamu warra isaan irraa fayyadamaa ta’e qofa. Jireenyuma hawaasa nuti keessa jirruu ta’ee, warri akkasii xiqqeeffamanii ilaalamu. Tuffatamanii gatamu. Sababni isaa, bifaan caban; Qaamni isaanii miidhame! Gogaan qaama isaanii gubate. Dadhabe. Fuula kaameraa isaaniitiif hin tolan. Gaafa kadhaa qofa meeshaa itti fayyadamaa kan godhatu heddummata.

Hojjechuutti, ittigaafatamummaa baatan fiixaan baasuutti of dagatanii miidhamu. Yeroo ofiif hin kennan. Of kunuunsuun akka jiru hin yaadan. Hin beekaniyyu. Haala xiqqoo amma fooyya’aa jiruuf, hubannaa argachaa jirrutti fayyadamaa, hojjennee gatii humna keenyaa argachuun akkuma jirutti ta’ee, gatiin nuti ofiif kenninu immoo hunda caalaa barbaachisaadha.

Akkuma hojii keenyaaf amanamoo taanu, ofii keenyaaf dhimmammoo ta’uu dagatamuu hin qabu. Ittigaafatamummaan baachuu qabnus bakka itti dhaabbachuun irra jiraatu beekuun nu barbaachisa. Galmi keenya maal akka ta’es yoo hubanne wayya. Dhamaatiin keenyas amma galma keenyaan walii galutti yoo nuuf ta’e filatamaadha.

Application kunooti buufadhaa itti fayyadama iddoo install jedhu xuqaa buufadhaa 

INSTALL

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *