๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—›๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐˜‚!

๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐—›๐—ถ๐—ป๐—ท๐—ถ๐—ฟ๐˜‚!
Jireenya injiffachuun hawwii dhala namaati. Osoo mijatee akka garaa namaaf ta’ee kan jibu hinjiru. Jireenya hawwu jiraachuuf nammuu ni yaada. Utuu hawwii qofaan argama ta’ee!

Mul’anni karaa gabaabaan dhugoomu hinjiru. Yoo jiraates mul’ata gabaabaa ta’uu isaati. Kaayyoo guddaa milkeessuuf, gatii guddaa baasuun dirqama. Galmi guddaan bu’aa dadhabbii guddaa booda argamuudha. Ganama kaate galgala keessa hinseentu!

Rakkoo waloon qabnu tokko karaa gabaabaa filachuudha. Daandii qajeelaa irraa gorree qaxxaamura deemna. Aarsaa baasuu caalaa, dhamaatii malee guddachuutu hawwama. Namoonni jireenya salphaatti argamu barbaadu. Jireenyi garuu nama salphaa hinbarbaaddu!

Waa’ee Mandeellaa atuu na caalaa beekta. Waggaa 27 guutuu abjuu isaa dhugoomsuuf ifaaje. Waanjoo garbummaa cabsuuf umurii isaa hamma kanaa mana adabaatti dabarse. Isa qofa miti! A. Liinkoon, Biilgeeti, M.Gaandii, Joorji Waashingiton, B.Obaamaa, Helen Kileerโ€ฆ.hunduu karaa fagoo deemuun bakka yaadan gahan. Kan kophaa of keessatti argan baasanii addunyaatti argisiisuun salphaa isaaniif hinturre. Wanti guddaan kamuu bu’aa dadhabbii guddaati!

Har’a gubboon/mattahaan ulaagaa dorgommii waliin beeksisa irratti bahuu malee maaltu hafe. Ilmi harka qalleessaa baratee oggummaa isaan hojjechuu dadhabeera. Gahumsa caalaa waraqataaf bakki kennama. Kan fira hinqabne, warri harkaan deemuuf humna dhaban, baratanii maratanii taa’u. Kun bu’aa karaa gabaabaa barbaaduuti. Badhaadhummaa karaa qaxxaamuraa argachuuf, namoonni garaa malee mataa hinqabne sun carraa ilma hiyyeessaa gubanii qaammatu!

Sittan hima! Nama yaaddu ta’uuf karaa gabaabaa hinbarbaadin. Buddeen iyyuu yoo dafqanii nyaatan namatti miyaa’a. Dafqanii kan dafaqatantu namaaf sifaa’a. Dadhabbii nama biroon jajamuu hinbarbaadiin. Kun yeroof akka aduu ganamaa sitti toluu danda’a, garuu utuu hinturin akka aduu waaree jireenya kee guba. Milkaa’inaaf karaan qaxxaamuraa hinjiru!

Abjuu sirrii dhugoomsuun gatii nama baasisa. “Karaan milkaa’inaa qoreen cuqqalamaadha” jedheen ture kitaabattii koo keessatti. Funyaan irraa butanii wanti yaadan, mana keessaa bahanii jooruu barbaada. Ciisanii abjootu malee, ciisanii abjuu hindhugoomsan. Kanaaf mul’atni ati qabdu yoo dafee dhugoomu dide, kun amaluma mul’ata sirrii ta’uu hubadhu. Kaatee hindhaabatin, jalqabdee hindhaabin, jabaadhuu bakka yaadde gahi!

BEEKUMSA NAMNI BARE ITTIIN OF BARU!
โ†ช๏ธ Addunyaan keessa jirru warra hubatanii, of gumeessanii itti hojjetaniif moo’icha akkuma gonfachiiste, warra hubannoo fi xiyyeeffannoo malee waan tokko qabanii gadhiisanii burjaaja’aniif immoo baraan boo’icha laattee jirti. Nama dhuunfaa ta’ee sabni akkasumas biyyi waan xixiqqoo irra waliif darbee waliin waan gurguddaaf iddoo kennee deemu moo’ee, namaa fi biyya biroo mataa gaadi’ee ittiin qotatu, warri mataan gaadi’amee waan guddaa argee, guddaaf wal kaa’achuu wallaalee waan xiqqaaf wal cabse immoo bara baraan harka warra biraatti humna isaanii gurguranii, haftee jarri kennaniif eegaa jiraatu.

โ†ช๏ธ Dhugaan furmaata! Warri dhugaan waliin imale, iddoo gahuu qabu gahee, waan qabachuu qabus qabateetu jiraata. Warri dhugaaf gurra cufate immoo, kubbaa sobni ittiin taphatu ta’anii jiraatu. Kan dhiitamaa oolu kubbaa ta’us, kan weeddifamu immoo warra kubbaa dhiitaa ooledha. Kubbaan madooftee, baqaqxee, tarsaatee, foqoqaa rakkoo argaa ooltus, ijji addunyaa isa dhiitu malee isa dhiitamu irra akka hin jirre hubachuu dandeessu. Namaaf illee dubbiin akkas waan taate fakkaata. Nama dhaananii boo’icha nama dhorku. Dhugaa ofii beekanii, of kabachiisanii jiraachuuf, gulantaa ofii olkaasanii, sammuu ofiin of gahoomsanii jiraachuun beekumsa warri bare ittiin of barudha. Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *