of kabachiisi jiraadhu!

Of kabachiisii jiraadhu.
Amalli namoota keenya baay’een isaa, akka nama siwajjin jiraatuu sitti siquuf muddamu. Jaalala laastikii hin qoorsine fidanii garakee dhufu, yeroo kana dhuguma nawajjin jiraachuuf na barbaacha dhufan seeta. Akka gaazexessaa qaxalee fuula ifaadhaan odeeffannookee sassaaba, ihii jechaas si dhaggeeffata! Hidhii xuuxaa, seenaakee bakka ta’e yeroo itti himtu akka boo’uu wayiis ta’uu barbaada.
Fuula nama siif gaddee yeroo argitu atis tokko tokkoon seenaa jireenyakee dadhabinakee ciminakeefii eessarratti akka qumaara jireenyaa nyaatamte akka miiltoo dhugaatti itti himatta! Seenaakee qofa miti, seenaa maatiikees osoo hin hambisiin caccafaqxee sammuu buufta.
Waa’ee keef guutuu waan kenniteef, bor dabaree eeggatee sammuu isaa keessatti si tuffachaa dhufa. Sila nama gaarii, nama tarii yoon quuqamakoo bara dheeraa garaatti kanan qabadhe naa furaa jette itti himte, akka mudaa cimaatti kaasuun si ceepha’aa si gidirsaa kolfakee qammiidee jiraata.
Gowwaa hin ta’iin, namarraa fagaachuun yoo sitti cimellee iccitii dhuunfaakee kamiyyuu namni nama jettee afuura itti hin baafatiin.
Hiriyoonni fafakkeessoon tokko tokko akka waan siif gaddanii faara tolaan sitti siqaa, dadhabinakee ilaalu, adeemsa keessa tuffii guddaa siif qabaachaa bulu. Qofaakee jiraatta osoo taee, iccitiikee ofiikee qabatta dhukkuba biraas hin dabalattu. Baay’een nama keenyaa si gargaaruuf sitti siqxi osoo hin taane, si waraabdee bor hamileekee cabsaa sicaaluushee ofitti himuufi.
Eenyuyyuu faara toluu dhiisee, of fannisuusaa si agarsiisuuf muka haa yaabu funyoo mormatti of hidhee, amanteenii iccitiikeef dadhabinakee itti hin himiin. Namni Waaqa miti, rakkoo namaa guutuutti kan furu, shayee bitee si waraabee, achi bahee si odeessa! Iccitiikee ofiikee qabadhu, yoo bor namni natti hin ejjetiin jette.
Wakabaan waan natti hin tolleef, ani hiriyoota qubaan lakkaa’aman qofan qaba. Isaaniin (Firiijii) sammuukoo keessa kaa’een wajjin jiraadha. Iccitii isaanii qotee baruu hin barbaadu bor yeroon aarsaa godhee isaan lafafu waanan hin qabneef, kankoos qabaadheyyuu naa furu jedhee amanee itti hin himadhu. Hammam yoon jaalladheen, bakka isaan meeshaa akka aarsaatti gumaachaaf malee, iccitiikoo gumaacheefii bor sababa narra barbaadee akka inni na (zaraxxaxu) hin hayyamuuf. Kanaafan qofa galeessa ta’ee jiraadha. Qofaa jiraachuunkoo na fayyade, waas nan mine.
Kanaaf obboleessa atis obbolleetti Dugdatti akka bottii dhoqqeen sitti hin ejjennetti iccitiikee hin himiin. Hiriyaas hin baay’isiin, yeroof qabeenya haa fakkaatan malee, isaan sum’ii ati itti miidhamtu sitti ta’aa bulu. Hiriyaa sirriin Waaqayyo qofaadha. Yoo akkas goote qofa gammaddee jiraatta. Kanaaf of kabachiisii jiraadhu.
Waan gaarii kee waaqayyoof kenni waaqayyoos waan gaarii siif kenna. Namoonni tokko tokko maaliif gooftaa hin fudhattu jedhamanii gaafa gaafataman turi xiqqoo tureen dhufa jedhu.
Dargaggummaa isaanii biyya lafaa keessatti fixani seexanaaf aarsaa of godhani dhuma irratti gaafa humni isaani dhumee ijii isaanii arguu dadhabee gurri isaani duudee deemsa dadhabanii dulloomanii akka duraa ta’uu dadhaban gara waldaa deemani harkaa ol kaasu.
Yeroo hojjechuu fi bu’aa buusuu dandeessutti seexana tajaajiltee yeroo du’uuf kaatu kan waldaa si fidu maalidha?
Kanaf yeroo qabnu iddoo nu fayyaaneti gubbu dhiifnee yeroo keenya waliin kachuu qabna ijaannoo qabachu, ofitti amanamummaadhan jireenyaa mataa ofi jiraachuu yoo ofi jiraate booda dhalootaaf tataa kana hiriyaa si malee irraa fagaadhu kayyoo keeti cimii.
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *