Ani boodan dhufa ati deemi seenaa baay’ee nama dhibu!

๐˜ผ๐™ฃ๐™ž ๐™—๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™ฃ ๐™™๐™๐™ช๐™›๐™– ๐™–๐™ฉ๐™ž ๐™™๐™š๐™š๐™ข๐™ž

Abbaa tokkotu ture. innis ijoollee lama qaba. guyyaa tokko abbaan ilmaan isaatiin karaa fagoo deemna ka’aa, jedheen ilmaanis tole jedhan. Abbaan Konkolaataa isaa fudhatee ilmaan isaatiin ani sin dura nan adeemaa ani boba’aa(“nadaajii”) baayeen qaba waan ta’eef isiniifis dhiiseen deema.
Hamma isin na bira geessanitti isin jalaa hin dhumatu jedheen,Ilmaanis tole jedheen!!

Kana booda abbaan konkolaataa isaa fudhatee adeeme! bakka jedhessin gahe.
Ilmaanis karaa jalqaban.

Utuma deeman, deeman ilmi isaa tokko garuu karaa irratti wantoota baayee nama gammachiisan baay’ee nama hawatan arge.
Obboleessa isaa biraa hafee.

Isaan wajjiin bashannanaa karaa biraas ittiin deemaati waan garaan isaa hawwee fi ijji isaa jaallatte hunduma gochuudhaan konkolaataa isaas ittiin fayyadamaa utuu jiru, boba’aa(“nadaajii”) isaa fixate!?

Guyyaa kana of yaadatee, amma akkamin ta’a konkolaataan koo boba’aa fixate. abbaa koo bira akkamiin dhaqa?
obboleessi koo yoona abbaa koo bira gahee nagaatti jira. Ani garuuโ€ฆ??
Abbaan koo deebi’ee utuu dhufee maalin jedha? jedhee of gaafata

Hiriyoonni isaa inni wajjiin bashannanaa ture dhiisanii biraa deeman. innis kophaa isaa taa’ee gadduutti ka’e

Inni kuun garuu didee obboleessa isaa achumatti dhiisee bira darbee karaa abbaan isaa ittiin jedhe sanirra qajeelee waanadeemeef, Abbas isaa bira ga’e! akkuma achi gaheen abbaan isaa ilma koo obboleessi kee hoo? jedhee gaafate. innis abbaa koo inni karaa irratti bashannanaa jira. waan isatti tolu hunduma gochaa jira jedhee deebiseef.

Abbaan isaas turtii yeroo dheeraa booda bakka jalqaba dhufe sanitti deebi’uuf karaarra bu’e. ilmi isaa kan dur karaatti hafe sun qullaa isaa kophaa isaa uumama namaarra adda bahee bineensa waliin jiraata ture.

Ilmis achi ilaalee fagootti abbaa isaq argee abbaa koo abbaa koo ana ilma keeti boba’aan fixadhee akkatti si bira dhufu dhabe jedhee duuka fiige. Abbaanis ani sin beeku eenyu ati eessas baate? Jedheen. ilmis ana ilma keeti isa obboleessa isaa biraa hafe abbaa jedheen. abbaanis ani ilma qullaa akkasii hin qabu jedhee bira darbee deeme! Jedhama

Asirraa maal baranna yoo jedhee kanin yaade. ayyaana Waaqayyo nurra kaa’e baannee iddoo nuuf hin malle yeroo jiraannu ayyaanichi nurraa mulqama. Qullaas in taana! Ayyaana Waaqayyoo malee immoo jireenyatti jiraachuun hin danda’amu. Isa nutti kenname akka ta’utti qabaachuun nuuf ta’a!!

Efe 5ยนโตEgaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa!
ยนโถGuyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!

๐™ฐ๐šข๐šข๐šŠ๐šŠ๐š—๐šŠ ๐š†๐šŠ๐šŠ๐šš๐šŠ๐šข๐šข๐š˜ ๐š—๐šž๐šž๐š ๐š”๐šŽ๐š—๐š—๐šŽ ๐š˜๐š ๐š’๐š›๐š›๐šŠ๐š๐š๐š’ ๐šŽ๐šŽ๐š๐š๐šŠ๐šŒ๐š‘๐šž๐šž๐š— ๐š—๐šž๐šž๐š ๐š ๐šŠ๐šข๐šข๐šŠ
๐šˆ๐š˜๐š˜ ๐š—๐šž๐š๐š’ ๐š’๐š๐š๐š˜๐š˜ ๐š’๐šœ๐šŠ ๐š‘๐š’๐š— ๐š๐šŠ๐š”๐š”๐šŠ๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ ๐š๐š‘๐šŠ๐šŠ๐š‹๐šŠ๐š—๐š—๐šŽ ๐šŠ๐šข๐šข๐šŠ๐šŠ๐š—๐š—๐š’ ๐š†๐šŠ๐šŠ๐šš๐šŠ๐šข๐šข๐š˜๐š˜ ๐š—๐šž๐š›๐š›๐šŠ๐šŠ ๐š–๐šž๐š•๐šš๐šŠ๐š–๐šŠ
๐—ช๐—ฎ๐—ฎ๐—พ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ผ ๐—ป๐˜‚ ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐˜‚

Qol 2โถ Egaa Kristos Yesus goofticha akkuma fudhattanitti isatti jiraadhaa!
โทAkkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa! Galata guutee irra dhangala’us dhi’eessaa!

โธNamni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji’in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!
โนGuutummaan waaqayyummaa namummaa Kristos keessa in jiraata.
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *