Website YouTube caalaati akka gatii kennuu eenyuu beeka?

Hojii Online irraa mul’ataa of galmaa gahuun hin Danda’ama. Garuu osoo hojii hin egaliin mul’ataa qabachuuf hojiif kutannoo qabachuu barbachisaa link application bareefama kana jalaa jira

MUL’ATA QABAACHUU
Mul’anni maali?
Mul’ata jechuun waan hin jirre, gara fuula duraatti akka inni ta’u kan barbaaddu tokko, keessa kee keessatti arguu dha.
Fkn gamoo ijaaruuf yoo murteessite utuu gamoon sun hin ijaaramin dura fakkiin isaa waraqaa irratti kaafama. Kun mul’ata waliin waal fakkaata.
Mul’anni wanta amma hin jirre dursanii yaada gaaraa ofii keessatti arguu danda’uu fi wanta yaada garaa ofii keessatti argan sana immoo ija ofiin arguuf tarkaanfii fudhachuun mul’ata jedhama.

 MUL'ANNI MAALIIF BARBAACHISAA

Jireenyaa kee keessatti mul’ata hin qabdu taanaan kaayyoo kee hubachuu waan hin dandeenyeef waan ta’uun siif malu utuun hin ta’iin, bakka ga’uun siif malus utuu hin ga’ii hafta.
Mul’anni galma kee kan sitti agarsiisu, kallattii itti deemuun siif ta’us kan sitti himu waan guddaa dha.
Namni karaa deemu tokko bakka deemu sirriitti beekuu qaba.

Addunyaa kanarraa namoonni seenaa hin dagatamne hojjetanii ittin beekamanii haa ilaaluu.
↪️ Wiilbarii fi orviil xiyyaara hojjetanii ittin balali’uun mul’ata isaanii ture. Yaalii fi dadhabbii guddaa booda abjuu isaani dhugaa taasisan.
↪️ Aleksaandern Girahaam Beel haati isaa fi haati manaa isaa gurri isaanii sirriitti hin dhaga’u ture. Kanaaf waan tokko hojjetee ittiin isaan gargaaruu abju’ate. Innis Bilbila hojjetee yeroo dheeraa booda Mul’ata isaa dhugomse.
↪️ Mikaa’eel Faradaay waan guddaa tokko biraa ga’uuf mul’ata isaa godhatee innis jenereetara kalquudha. Akkuma yaade jenereetara kalaqee addunyaa kanaaf gumaacha adda taasise.
↪️Heneri Foord yeroo jalqabaatif konkolaataa kalaquuf yoo yaadu waan danda’ee fiixaan baasu namatti hin fakkaatu haa ta’u malee hojjetee argisiisee jira.

Application kunnooti 👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=org.wordpress.android

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *