Walaloo Afuuraa:Madda keenyattii haa jiraannu!

Application kunni sagalee nama bilbilaan hasooftaan isinif warabuu kan danda’uu waan gaariif itti fayyadama link isa bareefama kana jalaa jira

Madda keenyattii haa jiraannu!

Adii ta’us gurraacha
Waanti ijaan mul’atuu
Maddaa irraa dhufe qaba
Malee ofi hin dhalatu

Iddoo qurxummiin jiraattuu
Namaaf jiraachuun ni cima
Madda isheetu bishaani
Warrii hin beekne walitti hima
Kana karaa dhugaani
Biqillii baalan bareede
Ija keenyattii mul’atuu
Osoo albuuda hin argannee
Hin goga malee hin guddatuu

Iddoonni dhufeetu dacheedha
Dachee albuudaaf biyyee qabu
Biqilliis iddoosa malee biqiluyyuu
Ija hin qabu
Ega obbooleessa kiyyaa qaalii
Atis madda qabda beekii
Madda keettii jiraadhu
Yoo hin taanee hin gogdaa beeki
Waaqayyoo biyyeeraa nama tolchuus
Hafuurrii keenya isa
Yoo isattii jiraannee eenyutuu nu rakkisa

Kanaaf yaa isa uumamtee
Hin dagatiin maddakee
Waan bulee baduuf mitii
Uumaaf laadhu harkakee
Madda keetti jiraadhu
Isaan alaa hin tortortaa
Laga si hin laatamnee daaktee
Maaf salphinaan fokkortaa

Muka gubbaa jiraachuun
Simbiraaf eeyyamee namaaf waan hin yaadamnee
Galaana keessaa buluniis qurxummii si nyaachisa ati achii hin argamne
Madda keetuu yesusi ati isa waliin bareeddaa

Mee gara isaattii koottu kophaakee maaf areeddaa?
Deemtullee hin qabdu galma
Maddakee dagateettaa
Jiraa of seeta taanan dammaqii gatamteettaa

Application kana bufaadha Itti fayyadama👇🏾 eebbifamaa

https://play.google.com/store/apps/details?id=il.co.smedia.callrecorder.yoni

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *