Nama mudaa hinqabne ta’i!

“Nama mudaa hinqabne ta’i”
“Abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma ta’e isinis akkasuma mudaa malee ta’aa.” Maat 5/48.

Jechii “Egaa” jedhu goolabbii akka ta’e agarsiisa. Warra duraan dubbataman guduunfuu isaati. Warra Yesuusin dhaggeeffatanitti jaalalaa fi araara Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ibsaa jira. Kanaaf isaanis mudaa malee akka ta’an isaan gaafata. Abbaan keessan Inni waaqa irraa, “Inni warra galata hinqabnee fi warra hamootaaf iyyuu arjaa dha.” (Luq. 6/35), Inni ol waan si qabeef akkuma Isaa mudaa malee taatanii namotaa fi ergamoota dura dhaabachuu akka dandeessaniif jedhee Yesuus waamicha godhe.

Haalli jireenya bara baraa, akkuma isa yeroo Jannata keessa turee ayyaana jala jira; qajeelummaa guutuu ta’e, tokkummaa Waaqayyoo wajjinii, seera Waaqayyoo wajjin guutummaatti wal fudhachuu gaafata. Amalli Kakuu Moofaa keessatti gaafatame isa Kakuu Haaraa keessatti gaafatamee wajjin tokko dha.

Safartuun amalaa kunis kan nuti bira ga’uu hin dandeenye miti. Abboommii tokkoo tokkoo isaa wajjin abdii wal qabatutu jira. Waaqayyo akka ofii Isaa nu gochuuf waadaa seeneera; kana immoo namoota ayyaana Isaa hin xureessinee fi warra fedhii Isaa wajjin wal hin mormineef ni raawwata.

Jaalala hin dubbatamneen Waaqayyo nu jaallate. Jaalala Isaa isa ballinni, dheerinni, gadi fageenyi isaa sammuu namaan ol ta’eef yeroo iddoo kennuu jalqabnu akka Isa jaallannuuf nu kakaasa.

Mul’achuu jaalala Kiristoosiin, cubbamoota utuma jirruu jaalala Isaa nutti mul’ateef, garaan jabaan na’ee gadi jedha, cubbamaanis sanaan jijjiiramee mucaa Waaqayyoo ta’a. Waaqayyo madallii dirqamaa hin fayyadamu; meeshaa Inni fayyadamee garaa keessaa cubbuu haxaa’u jaalala dha. Isaanidha kan inni koormaa gara gad-of deebisuutti, diinummaa fi amantii dhabuu gara jaalalaa fi amantiitti kan jijjiiru.

Yihuudonni yaalii mataa isaaniitiin guutuu ta’uudhaaf baayyee dhama’an iyyuu hin dandeenye. Kiristoos qajeelummaa ofii isaaniitiin mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye itti hime.

Amma amala qajeelummaa warri mootummaa Waaqayyootti galuuf jiran qabaachuu qaban itti himuu jalqaba. Lallaba gaara irra irratti lallabe hundumaa keessatti ija isaa ture kan Inni dubbate. Amma garuu, madda isaa itti hime; Waaqayyo qulqulluu akka ta’e isinis qulqulluu ta’aa. Seerri amala Waaqayyoo kan agarsiisu dha. Qajeelfamni Waaqayyoo amala Isaa kan agarsiisuu fi hundee mootummaa isaatiiti. 

Waaqayyo jaalala. Akkuma qara biiftuu biiftuu jaalallii, ifnii fi gammachuun Isa biraa gara ijoollee Isaatti gadi bu’a. Kana kennuun uumama Isaati. Jireenyi Waaqayyoo jaalala ofittummaa hin qabne burqisiisuu dha. 

“Ulfinni Isaa gaarummaa ijoollee Isaatiif ta’u dha. Gammachuun Isaa jaalala abbummaa agarsiisuu dha.” 

Akkuma Isaa qulqulluu akka taanu nutti hima. Akka Inni guutummaa biyyaa lafaatti jaalala agarsiise nuti naannoo keenyatti wiirtuu eebbaa fi ifaa ta’uu qabna. Nuti ofii keenyaan waa gochuu hin dandeenyu, ifa jaalala Isaatu nu irratti ifa, nuti immoo ifa sana calaqqisiifna.

“Gaarummaa isa irraa arganneen” safara keenyatti guutuu ta’uu dandeenya, Waaqayyos safara Isaatti qulqulluu akka ta’e jechuu dha. 

Yesuus akkas jedhe, “Abbaan keessan qulqulluu akka ta’e isinis qulqulluu ta’aa.” Ijoollee Waaqayyoo yoo taatan eenyummaa Isaa ni hirmaattu, Isa ta’uu hin dandeessan, garuu akka Isaa taatu.

Mucaan kam iyyuu jireenya abbaa isaatii jiraata. Isin ijoollee Waaqayyoo yoo taatan, Hafuura Isaatiin kan argamtan, jireenya Waaqayyootiin jiraattu. Kiristoos keessa, “Guutummaan Waaqayyommaa” ni jiraata (Qol 2/9); Jireenyi Yesuus, “Foon keenya isa dadhabaa” kana keessaan ni mu’ata (2 Qor 4/11) Jireenyi isin keessa jiru sunis amala Isaa isin keessaan mul’achuu dhaan waan inni hojjetu isin hojjechiisa. Kanaaf qajeelfama seera isaatii hundumaa wajjin walii galtanii adeemtu, “Seerri Waaqayyoo guutuu dha; lubbuu namatti ni deebisa.” Faar 19/7 Karaa jaalalaa, “Wanti seerri nu irraa gaafatu, nu warra akka fedha Hafuuraatti malee fedha fooniitti hin jiraanne keessatti akka raawwatamuuf Waaqayyo kana godhe.”Room 8/4
Eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *