SHAMARREE BIYYA ARABAAtiif/Shamaraan kayyoo/The girl of purpose

Application hojii bareeddaa isin hojaachisuu Danda’aa haaraa kan bahee link isa barreeffama kana jala jira

SHAMARREE BIYYA ARABAAtiif/Shamaraan kayyoo/The girl of purpose

Obboloota koo lubbuu
Qaalii ijoollee sabaa
Akkam nagaa jirtuu
Durbee Biyya arabaa
As qe’eedhaa isin dhabnee
Gama teessu darabaa
Akkam jirtuu obbolaaha koo
Shamarran biyya arabaa
Onnattuu onnee jabaa
Kaayyoodhaaf of hirbitee
Galma yaadde gahuuf
Gola ormaa sirbitee
Egeree isa boriiti
Kan saggoo si madeessu
Iji kee milkii ilaala
Jecha gadhee dhageessu

Gaddaaf gadadoo baachaa
Sodaachisoodhan naatee
Beeluudhaaf mudhii hidhattee
Firaaf maatii irraa baatee
Beelaaf Eelaa dandeessee
Kaayyoo keetiif huqqattaa
Yaaddoof muddama kee
Ofii keetti dubbattaa
Malee aantii hin qabdu
Aantii ofitti si aansuu
Yoo beeloftee si quubsee
Gadda keef hin qabu naasuu
Barnoota addaan kuttee
Barataa barsiistaa
Qoma irra of teessee
Maatii kee nyaachiftaa

Ofii digirii hin qabaatin
Mastersii baachistaa
Yaaddoof muddama nyaattee
Rakkina immoo kaachistaa
Mullati kee fagoodhaa
Yaadda lafa akeekamee
Maatiif bara dabarsuuf
Meeqatu wareegamee
Meeqatu lafeen cabee
Meeqatu fannifamee
Utuu soortuu dhippattee
Du’i itti muramee

Jabduu miilli sibilaa
Eenyutu siin Aarsee
Animmoo ittan hima
Maqaakee labsee kaasee
Jabaadhu leencitti koo
Kutattuu haadha kaayyoo
Miilli kee hin gufatin
Si haa tiksu waaqayyo
In injifatta giiftii koo
Yaaddoon kee du’aan du’ee
Kophummaa keessaa Ni baata
Gaafa guyyaan guyya’e

Alagaan sii haa naatu
Yaadi kee haa gabbatuu
Inni si birrachiisu
Guffannaan kee yaa gufatu
Ragaa dhaam laftuu
Ba’i dhi’i kaabaf kibbaa
Bu’aan dafqa keetii
Siif haa ta’u dachaa dhibba
Ofkalii milkiin gali
Nagaan kee illee kumaa
Goomattuun kee haa qaanoftu
Isa jalqabaaf isa dhumaa

🔹️Dhaamsa dhumaa

Adaraa immoo of eegi
Hattuu keessaf alaa
Kan gubbaan isaa warqii
Keessi isaa daggalaa
Sobee si sossobaa
Keessi isaa dukkanaa
Adaraa irraa of eegi
Sobduu akka kanaa

Siin tahu abbaa bultii
Isa hanga dhumaa
Booddee jibbitee
Ni taata warra gumaa
Maaliif yoo jette
Inni hin qabu jaalalakee
Qarshii kee saamuuf
Facebook sobaa saaqee
Kanaaf irraa of eegi
Saamtuu qarshii iyyeessaa
Of hin eegne taanan
Boru boquu buustee teessaa

Atis Na dhagahi
Gurbaa afaan sobaa
Sobdee hin gowwomsin
Boru rabbi si gobaa
Mee ati beektaa
Akkatti ishiin fuutee
Sababa ati saamteef
Dabarsitee of uutee

Application kunooti buufadhaa👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.upwork.android.apps.main

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *