Walaloo ajaa’ibati! bara jallinni hammaate!

Application kunni kuusaa walaloo garagaraa kan of keessa qabu kan baay’ee nama gammachisuudha kanaf bufaadha Itti fayyadama link isa bareefama kana jalaa jira eebbifamaa Bara jallinni hammaate
Bara dhiigni akka lolaa yaa’u
Bara hunduu garaa jabaate
Nama ajjeesuuf walga’ii taa’u

Bara dhalli namaa harca’ee
Akka baalaa ciramu
Bara lafeen namaa cabee
Sakaallaa diinaan hidhamu

Bara imaanaan dagatame
Hunduu aangoof fiigu
Bara lama buluuf jedhee
Soba xaxee diigu

Bara namummaan hafee
Qabeenyi barcuma yaabbatu
Bara haqni namaa dabee
Sobni gulufee taphatu

Bara hunduu dagate
Waa’ee lubbu namaa
Bara haqni dabe
Qulqulluutu dhiibama

Bara mirga dhiisee
Hunduu bitaaf gamu
Bara mo’icha diigee
Mo’amuu harkaan qabu

Bara tokko gammadee
Kumni tokko boo’u
Bara barri micciirraa
Hom-tokko hin hoo’u

Bara Uumaan callise
Hunduu boo’ee mankaraaru
Bara harmeen boossee
Tokkollee dhabde kan baraaru

Bara Hunduu afaan mi’eeffatu
Sobaan wal mararfatu
Bara tokkummaa dhiisee
jibbaaf harka wal-qabatu

Kana bara moo nama jenna
Gara galtoo mataaf miilaa
Xurii seenaa dagatee
Wal-hudheetu fiigaa

Kana maal-dubbatu
Bara miti namatu dabe
Gatiin ilma namaa
qarxamiidhuma cabe

KANA HUNDAAF….

Si eegna uumaa
Harka keenya bal’ifnee
Imimmaan keenya haqi
Obsa keenya fixnee

Application kana bufaadha Itti fayyadama kuusaa walaloo garagaraa kan of keessa qabu 👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.beckytech.kuusaawalaloo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *