Jajjabinaa koo ilaalani hunduu na jibbuu akkamitti jireenyaa koo jijjiruu Danda’aa jettee beekta?

Hojii websitef kan ta’uu suuraa eessa arganaa jechuu dandeessuu app kana bufaadha Itti fayyadama link isa bareefama kana jalaa jira

MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN HUBACHUU
“Jireenyi yoo qaawa lilmoo si ta’e, ati immoo kirrii (fo’aa) ta’ii hulluuqii keessa darbi!”
Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo’aa ta’etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu’aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja’ee mijatee sitti dhufu hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda.

Rakkinna keessa teessee hin yaadda’in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa’anii yaadda’an osoo hin taane,
addunyaa yaada haaraa uumanii ka’anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi! Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda’u jettee teessee hin daawwatin! Taa’anii wanti daawwatan, taa’eetuma nama dawwata. Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo’aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba.

Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal’aadha. Ta’us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo’aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

↪️ Wal’aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa’uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata. Si’a tokkoon kan utaalee ji’a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu, hubannaa, ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu!

↪️Seensumni balbala milka’inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal’aadha.
Nama malaan qaawa qal’aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal’aa kanatti bahee
keessa bashannana!

↪️ Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu.

Application kunnooti amumaa bufaadhu itti fayyadamii 👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=in.co.websites.websitesapp

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *