jireenyii Dargaggummaa Ergaa Ajaa’ibati

Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay’ee hawwamaadha. Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay’ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu’anii ba’uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!

Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta’e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kaan har’a keessa taa’anii borii isaanii ibsatu, warreen biroon immoo borii isaanii har’a keessatti dukkaneessaa jiraatu. “Youth is the best time to be rich, and best time to be poor” jedhu warri adii!

Bakka ati yeroo dulluma kee teessu gocha bara dargaggummaa keetu murteessa.
Dadhabbii kee har’aattu walitti idaa’amee bor siif kennama. Kanaaf hojiitu dhibe, qarshiin dhabe, fira na gargaaru hinqabu…waan hinqabne yaaduu dhiisii, waan qabdu yaadadhu. Marattee taa’uu dhiisii ka’ii socho’i!

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee galma guddinaa arga. Filannoo argatteef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata. Ba’aa matii ta’ee jiraata osoo hintaane maatii irraa ba’aa hir’isa. Maatii isaatu yaadda’a osoo hintaane, maatii isaaf yaada!

Addunyaa kanarraa baay’inaan toora duraa irra kan jiru dargaggeessa. Biyya kana keessaas dhibbantaa 77 dargaggoota akka ta’an qorannooleen addeesu. Kana jechuun eenyu caalaa iyyuu jijjiiramatti dhiyoo kan jiran dargaggoota. Kan nama gaddisisu garuu carraa nuti qabnu kun akka albuuda Afirikaati. Itti hinfayyadamnu!

Guyyaan har’a waan hindarbine yoo sitti fakkaate dogongoraa jirta. Dargaggoonni akkasitti yaadan fagoo hingahan. Utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har’a qabdu bor ni dhiba. Umuriin namaa dungoodha. Irraa gadi hir’achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha!

Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta’a. Amma garuu nama kaayyoof jiraatu ta’uu qabda. Ati eenyuunuu gadi miti. Tarii haalli ati keessa jirtu hangas mijachuu baachuu danda’a. Garuu haala kana mijeessuuf humna qabda. Seenaa namoota gurguddoo sanaa qoradhu. Godaa ka’anii gaara ba’ani!

Gaabbii umurii dullumaa jalaa ooluuf umurii dargaggummaatti haalaan fayyadami. Maal iyyuu hojjedhu, garuu wanta hojjettu sanatti cimi. Carraaqi, fiigi, dafqi, dubbisi, baradhu…hojjedhu. Milkaa’inni balaa tasaa miti. Akka guyyaa du’aas ofiin sitti hindhufu!

Namni tokko si dagachuu ni danda’a. Namni dagatamuu barbaadu hin jiru. Ta’us dagatamuun baay’ee nama miidha. Namni tokko sababii garaagaraatiin si dagachuu ni danda’a. Isaan keessaa muraasni hojiidhaan/dhimma ofii isaatiin qabamuu, rakkina waan tokko yaadachuu, fi isaan kuun beekaatuma si dagatu. Yeroo kanatti 1) ati of hin dagatin, 2) bakka hin taanetti hin argamin, 3) of guddisi …. Alamaayyoo Hoxxeessaa Irraa eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *